Finfinnee: Godinichatti tarkaanfii Shaneerratti fudhatamaa jiru hordofee nageenyi fooyya’uusaan sochiin dinagdeefi hawaasummaa haala gaariirra jiraachuu Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Solomoon Taammiruu ibsan. Ummata beelaaf saaxilame baraaruufis sochiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Obbo Solomoon Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, humni Shanee sochii dinagdeefi hawaasummaa danquun ummatni hedduun beelaaf akka saaxilamuuf ka’umsa ta’eera. Nama ugguruun maallaqaa gaafachuun, qonnaan bulaa lafasaa omishachuuf xaa’oo fudhatu xaa’oo nyaachisuun jiilchuun, sochiin konkolaataa danquufaa rakkoo hamaa murni kun godinichatti dhaqqabsiisaa turedha.
Akka isaan jedhanitti, kanaan duraa godinichi guutummaatti rakkoo nageenyaa qabaataa turus kan aanaalee Begiifi Qondaalaa adda ture. Amma garuu tarkaanfii qindaa’aa fudhatamaa jiruun dabalataan murni kun walitti deebi’ee walrukutuusaan bakki rakkoo nageenyaan eeramu hinjiru. Ummatni rakkoo tokko malee omishasaa sassaabbataa jira.
Godinni kun sababa haala qilleensa mijataa qabuuf hongeef saaxilamuu baatus, keessattuu aanaa Beegii gandoota sadiitti ummatni rakkoo nageenyaaf omishachuu dadhabee beelaaf saaxilamuu himanii, ammaan tana fooyya’uu nageenyaan walqabatee namootni dhuunfaa, dhaabbileen amantiifi miti mootummaa deeggarsa barbaachisu taasisaa jiraachuu ibsu. Ummatni kun lafasaa akka omishatuuf dhiyeessiin sanyii filatamaafi xaa’oo taasifameefii lafasaa qotatuus, deeggarsi gama mootummaa gahaa waan hintaaneef gara fuulduraatti xiyyeeffatamuu akka qabus dhaamaniiru.
Buusaan Gonofaa Oromiyaa yeroo lamaa sadii deeggarsa midhaan nyaataa taasisuu yaadachiisanii, ta’us rakkoo jiruufi hawaasa deeggarsa fedhuun yommuu walbira qabamee ilaalamu quufsaa akka hintaane ibsaniiru. Weerarri dhibee busaas haala baratamaa hintaaneen mudachuun qormaata isa biroo akka tures himaniiru.
Ammaan tana ummatni sochii idileesaatti deebi’uufi rakkoo qaala’iinsa gatii akka biyyaatti jirurraa kan hafe godinichatti rakkoon qaala’iinsa gatii addatti uumame hinjiru kan jedhan Obbo Solomoon, nageenya godinichaa waaressuuf marii bal’aa hawaasa waliin taasifameen ummatni murna kana saaxilaa jiraachuusaa illee dubbataniiru.
Tasgabbiin nageenyaa hirmaannaa hawaasa bal’aa gaafata jedhanii, dhimmi nageenya waaressuu qaama nageenyaa qofaan waan yaadamu waan hintaaneef hawaasni gurmaa’ee nageenyasaa eeggachuun alatti ijoolleesaa dogoggoraan bosona seenan gara nagaatti deebisuuf tumsa barbaachisa akka taasisus gaafataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016
3 Comments to “ “Fooyya’uun nageenyaa sochii godinichaa gara gaariitti fideera” -Obbo Solomoon Taammiruu”
Comments are closed.