Finfinnee: Yunivarsiitiwwan bara barnootaa 2016tti barattoota haaraa simachuuf qophii xumuruu beeksisan.
Yunivarsiitiwwan biyyattii keessaa Haramaayaa, Gaambeellaa, Arbaamiinciifi Kotobee yaada kaleessa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin haalduree baruu barsiisuuf barbaachisan hunda xumuranii barattoota simachuuf qophiirra jiraachuu ibsaniiru.
Yunivarsiitiin Haramaayaa bakka ciisichaa, daree barnootaafi meeshaalee baruu barsiisuuf oolan hunda qopheessee barattoota simachuuf qophii xumuruu Daarektarri Qunnamtii Ummataafi Hariiroo Addunyaa yunivarsiitichaa Obbo Alamisheet Tashoomaa ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, barattoota fedhii addaa qabaniifis akaakuuwwan barnootaa hundaan barruulee qopheessuun ala manni kitaabaa meeshaalee dubbisuu dandeessisan waliin haalli mijateeraaf.
Ramaddiin kutaa ciisichaa (doormii) fedhii addaa bu’uureeffate akkasumas, meeshaaleen bakkaa bakkatti socho’uuf isaan dandeessisanis mijataniiru. Deeggarsa maallaqaas barattoota kunneeniif taasisuuf qophiin taasifameera. Hawaasni naannawichaas akkuma kanaan dura taasisaa ture barattoota kanneen haala ho’aan akka simatu ni taasifama jedhan.
Pirezidaantii Ittaanaan Qorannoo Barnootaa, Ce’umsa Teknolojiifi Tajaajila Hawaasummaa Yunivarsiitii Gaambeellaa Doktar Paal Poot gamasaaniin, tajaajilli bakka ciisichaa, daree barnootaa, kaafteeriyaafi nyaatni barattootaa qophaa’ee hanga barattoota kuma tokkoofi 400 simachuuf sochiirra jiraachuu ibsaniiru.
Barattoonni fedhii addaa qaban yoo yunivarsiitiisaaniitti ramadaman deeggarsa barbaachisuu dhiyeessuuf dhaabbilee mitmootummaa sadii waliin waliigalteen mallatteeffamuus himaniiru.
Galteewwan barbaachisoo guutuun ala gurmaa’iinsa barattootaa sadarkaa adda addaa jiran walta’uun barattoota haaraa simachuuf qophii xumuruu kan ibsan ammoo Pirezidaantii Yunivarsiitii Arbaaminci Doktar Daamxoo Darzaa yommuu ta’an, barattootni gara yunivarsiitichaatti dhufan obbolootasaanii kutaalee garagaraarraa dhufan waliin hariiroo obbolummaa cimsuun dabalata yeroosaanii kaayyoo manaa ba’aniif saniif akka oolchan dhaamaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Pirezidaantiin Yunivarsiitii Barnootaa Kotobee Doktar Biraanamasqal Xannaa yunivarsiitichi barana irra deebiin haala gaariin gurmaa’uu himanii, galteewwan barnootaa hunda qopheessuun barattoota simachuuf qophiirra jiraachuu dubbataniiru.
Barsiisaan tokko daree seenee sa’aatii kennameef qixa sirriin fayyadamuun haalatti barattoota ga’oomsurratti sirni to’annoofi hordoffii teknolojiin deeggarame diriiruu eeranii, haaluma kanaan barsiisaan tokko daqiiqaa 50 kenname qixa sirriin fayyadamuufi dhiisuusaa ashaaraan kan hordofamu ta’uu hubachiisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara 2016
5 Comments to “Yunivarsiitiiwwan barattoota simachuuf qophii xumuruu beeksisan”
Comments are closed.