Finfinnee: Ummata Itoophiyaa walmake kana keessatti seenessa qeenxee faarsuun biyya diiguurraan kan hafe bu’aa biraa hinfidu jedhan Haayyuun seenaa Yunivarsiitii Haramaayaa.
Yunivarsiitichatti Hayyuu Seenaa kan ta’an Doktar Mahaammad Hasan yaada Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, jaarraa 14rraa eegalee uummatni Itoophiyaa ummata fuudhaafi heerumaan, daldalaan, godaansa ummataafi godaansa nama dhuunfaatiin walitti makamaa tureedha.
Itoophiyaan biyya sabaafi sablammootni garaagaraa eenyummaa adda addaa waliin wajjin jiraachaa turaniidha jedhanii, sabaafi sablammootni biyyattii hundi seenaa mataasaanii qabaachuun waan haalamuu miti. Ummatni biyyattii seenaa waloos hedduu qaba. Seenaa dinagdee yoo fudhanne irrajireessi sabaafi sablammoota Itoophiyaa qonnarratti kan hundaa’e ta’uun seenaa walooti.
Gama seenaa siyaasaatiin ummattootni biyyattii hundi Itoophiyaa guddoo ijaaruuf gatii kaffalaniiru kan jedhan Doktar Mahaammad, waraanawwan Adwaafi Maayicoorratti saboonni hundi duuluun dhiigasaanii dhangalaasanii akka biyyattiin birmadummaadhaan jiraattu taasisuu eeraniiru.
Rakkooleen seenaa faana walqabatan biyyattiin aarsaa hinmalle akka kaffaltu gochaa jiru jechuun seenaa dhugaa jallisuufi seenaa dhugaadhaan kaleessa hinturre uumuun hariiroon ummattoota biyyattii gidduu jiru akka baduuf murnootni hojjetan jiru.
Itoophiyaan akkuma biyyoota biroo seenaawwan aadaa, siyaasaa, hawwaasummaafi dinagdee qabdi, ta’us falaasamni barreeffama seenaa biyyattii hundeesaarraa rakkina guddaa waan qabuuf seenaa faana walqabatee waldiddaan uumamaa tureera jedhan.
Biyyattiittii seenaan karaa saayinsaawaa ta’een barreeffamaa hinturre, kan barreeffamaa ture seenaa ummattoota hundaa qixaan kan hammate miti. Seenaan barreeffamaa ture baay’inaan seenaa moototaafi siyaasaati malee akaakuuwwan seenaa biroo hinbarreeffamne. Afoolaanillee dhalootarraa gara dhalootaatti hindabarre. Biyyattiitti seenaarraa barachuu osoo hintaane seenaa waakkachuufi seenaa madda haaloo godhachuunis ni mul’ata jechuun ibsan.
Seenaan akka gaaddidduuti, gaaddidduun immoo nama biraa hinhaftu. Kanaaf waliin jiraachuufi biyya waloo ijaaruuf seenaa gaariis haa ta’uu kaan akka seenaatti fudhachuutu barbaachisa.
Ummattootni biyyattii kanneen iddoowwan hunda jiraatan osoo seenaa waloo baay’ee qabanuu yeroo seenessi qeenxeen itti lallabamu baay’inaan mul’ata; seenessi qeenxeemmoo biyya diiga jedhan.
Namootni seenessa qeenxee lallaban isaaniin ala namootni kaan akka waan biyyaaf bu’aa hoomaa hinbuusnetti, seenaansaanii qofti akka seenaa ta’etti lallabu. Seenessi akkanaa sirrii miti. Ummattoota gidduutti walshakkii uumuun akka waliin hin jiraanne taasisa jechuunis ibsan Doktar Mahaammad.
Dhaloota seenaa dhugaa barsiisuun, seenaa badiif osoo hintaane irraa barachuuf ittifayyadamuun, seenessa qeenxeerra seenessa waloo dagaagsuun, seenaa barreessuu namoota seenaa beekaniif dhiisuun biyyattiitti rakkoolee seenaa faana walqabatanii uumaman hambisuun barbaachisaa ta’uusaa ibsaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara 2016
2 Comments to “ Ummata Itoophiyaa walmake keessatti seenessa qeenxee faarsuun bu’aa hinfidu”
Comments are closed.