Finfinnee: Kaayyoon Paartii Badhaadhinaa Itoophiyaa sabdaneettii walqixxummaafi obbolummaan keessatti dagaage ijaaruu ta’uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.
Doktar Abiyyi yaa’ii idilee 4ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Kibxata darbe adeemsifamerratti gaaffii miseensotarraa dhiyaateefiif wayita ibsa kennan akka jedhanitti, paartiinsaanii akka namootni jedhan sirna mootii gonfoo, Shanee yookiin Dargiitti kan fakkeeffamu osoo hintaane paartii fedha finxaaleyyii kamuu tajaajiluurraa bilisa ta’eefi biyya obbolummaafi walqixxummaan keessatti dagaage ijaaruuf ifaajaa jiruudha.
Itoophiyaa keessatti seenessi guddaan/waloon dagatamee seenessi qeenxee arbaa’uun madda rakkoo hundaa ta’uu yaadachiisanii; biyya Hindii keessatti afaanonniifi aadaaleen 120 walkabajuufi walqixxummaan akka jiraatan Itoophiyaanis biyya sabdaneettii waan taateef obbolummaafi walqixxummaan waliin jiraachuun filannoo osoo hintaane dirqama ta’uu hubachiisaniiru. Seenessi biyyattiis gumaata ummattoota biyyattii hunda bakka bu’uu qabas jedhan.
Akka isaan jedhanitti, yaadni fiixeetti ba’e kan ummattoota biyyattii walitti hinfidne, rakkoolee muudatan hunda mootummaa/ haalatti haqachuu, kaleessarra har’a yookii har’arra kaleessa olkaasuufi gad buusuuf waan dhamaatii guddaan akka biyyaatti hojjetamu hunda salphisanii ilaaluufaan rakkoolee hatattamaan sirrachuu qabaniidha.
Itoophiyaan akka biyyoota Dhiyaafi biyyoota Arabaa biratti dalga hubatamtu osoo hintaane biyya sabdaneettii amantaa kiristaanaa, Isilaamaafi kanneen biroo hammattuufi nagaan waliin jiraachiftu ta’uushee eeranii; kun fuulduratti taatee cimee ittifufu ta’uu himaniiru.
Gama biroon qabsoo karaa nagaaf karra saaqameen paartiileen morkattootaa akka KFOfi sosochii ummata Amaaraafaa osoo qabsoo nagaa adeemsisaa jiranii Shaneefi kanneen biroo wanti kilaashii baachisiisu hinjiru kan jedhan Doktar Abiyyi; qaamota guddina biyyattii hinjaalanneef meeshaa ta’uun kilaashiin mootummaa aangoorraa fonqolchuuf wixxirfachuun bu’aa akka hinqabne dubbataniiru.
Waraana ololaa as akkuma addunyaattuu murni afaan qawweetiin aangoo qabate hinjiru. Itoophiyaattis abjuun akkasii yoomuu hinmilkaa’u. Yoo xiqqaate mootummaan Itoophiyaa misooma yeroof tursiisee bajata pirojektii kaappitaalaaf ramadu doolaara biliyoona 10n diina biyyatti dhufu qolachuu akka danda’us hubachiisaniiru.
Haaluma kanaan naannolee Oromiyaafi Amaaraa bakka tokko tokkotti rakkoon nageenyaa jiraachuu himanii; rakkoon nageenyaa kun lubbuu namaa dabarsuu, qabeenya mancaasuufi imala badhaadhinaa gufachiisuurra kan darbe bu’aa hinqabu. Fedhiin mootummaa yeroo mara nageenya qofa ta’uus ibsaniiru. Keessattuu qaamoleen hidhatanii bakka garaagaraatii nageenya booressan gara nagaatti akka deebi’aniifis waamicha dhiyeessaniiru.
Waa’ee daangaa Tigraayiifi Amaaraa ilaalchisee kallattii mootummaan lafa kaa’ee murtoon ummataa akkuma jirutti ta’ee deebiin isa tokkoof kennamu isa birootti gaaffii akka hintaanetti Hayyootnifi Abbootiin amantaa naannichaa rakkoon kun karaa nagaan akka furamu gaheesaanii taphachuu akka qabanis dhaamsa dabarsaniiru.
Miidiyaa ilaalchisee akka jedhanitti, miidiyaan misoomaafis ta’ee badiif shoora olaanaa qaba. Yeroo ammaa baay’inni miidiyaalee biyyattii 154 ga’eeera. Miidiyaaleen faayidaa biyyaafi ummataa dursuun hojjetan akkuma jiran kanneen faallaa kanaa hojjetanis jiru. Miidiyaalee faallaa dantaa biyyaa dhaabbatani seerris yeroonis kan adda baasu ta’uu dubbataniiru.
Waliigalatti, Itoophiyaan rakkoo walxaxaa keessatti guddina dinagdee dijiitii dachaa galmeessuushee ibsanii; biyyattiin walqixxummaafi guddina dinagdeen biyya fakkeenya taatu taasisuuf ciminaan hojjetamas jedhaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara 2016
3 Comments to ““Kaayyoon keenya biyya sabdaneettii walqixxummaan keessatti dagaage ijaaruudha” -Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad”
Comments are closed.