Finfinnee: Dhimmi ulaa galaanaa Itoophiyaa dhimma qananii yookaan ololaa osoo hintaane dhimma jiraachuuf murteessaa ta’e ta’uu Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsan.
Ambaasaaddar Diinaan yaada Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, ulaan galaanaa kallattii biyyi tokko biyyoota addunyaatti gad baatu waan ta’eef gaaffiin ulaa galaanaa gaafii qananiif yookiin ololaaf kan ka’u osoo hintaane dhimma daran murteessaadha. Osoo rakkoon tasaa ulaa galaanaa Jibuutii kan amma Itoophiyaan fayyadamaa jirtu mudatee gaaga’amni rogawwan maraa Itoophiyaa mudatu biyya ollaafuu kan ga’u ta’a.
Itoophiyaan jireenya addunyaarraa waa maraan walirratti hirkataa ta’e keessa jiraatti jedhanii; ulaa galaanaatiin ala hanga fedhe omishaafi omishtummaan biyyattii dabalus gabaa addunyaatti gad ba’uu baannaan waa’ee hinbaasu jedhaniiru. Garuu ammoo ulaa galaanaa qabaachuun Itoophiyaa omisha barbaachisoo gatii madaalawaan dhiyeessuuf waan dandeessisuuf biyyoota ollaafis ta’e addunyaafuu bu’aansaa olaanaa ta’uu hubachiisaniiru.
Akka isaan jedhanitti, meeshaalee bu’aa teknolojii ta’an salphaatti biyya galchuun ce’umsa teknolojii gabbisuu keessatti, walitti dhufeenya hawaasa idiladdunyaa cimsuufi nageenya biyyootaaf ulaan galaanaa shoora olaanaa taphata.
Mootummaan Itoophiyaas daandii qilleensa biyyattii dabalatee dhaabbilee bu’aansaanii daran olaanaa ta’an dhiyeessuun sirna kennanii fudhachuu ifoomsuunsaa yaada bilchaataa fudhatama qabuufi fayyadamummaa waloo mirkaneessuudha.
Karaa nagaatiin ulaa galaanaa argachuu seerri idiladdunyaa lafa kaa’a jedhanii; hundaa ol garuu Itoophiyaafi Eertiraan biyyoota waa hedduun walitti hidhamaniifi guddina waloof kaayyeffatan waan ta’aniif gidduseentummaa biyya kamuu malee waliin dubbachuun barbaachisaa ta’uu jala sararaniiru.
Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabdus waan Eertiraaf barbaachisu hedduu qabdi kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan; bifuma walfakkaatuun Eertiraanis ulaa galaanaa dabalatee waan Itoophiyaan hinqabne hedduu akka qabdu dubbataniiru. Addunyaa waltumsuun jiraatamu keessatti waliin misoomuun biyyoota lameen caalaatti misoomaafi obbolummaa kan mirkaneessu ta’uus eeraniiru.
Ulaa galaanaa argachuun Itoophiyaa ummata miliyoo 120 ol qabduufi guddina saffisaaf aggaamteef hangam murteessaa ta’uunsaa hawaasa biyyattiif hubannoo gad fagoo uumuun murteessaa ta’uu himanii; olola miidiyaalee gaaffii mirgaa gara waraanaatti afarfamaa jirus qolachuun dabalata gaaffii mirgaa kana hawaasa addunyaa irra deddeebiin hubachiisuun hundarraa eegama jedhaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara 2016
4 Comments to ““Dhimmi ulaa galaanaa dhimma murteessaa kutannoon itti adeemamuu qabuudha”-Ambaasaaddar Diinaa Muftii”
Comments are closed.