Finfinnee: Rakkoo tajaajila geejibaa madda komii hamaa ta’e maqsuurratti ummatni mirgasaa kabachiifachuu akka qabu Ejensiin Geejiba Oromiyaa ibse.
Daarektarri Olaanaan Ejensichaa Obbo Jamaal Kadir Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, tajaajila geejibaarratti komii bal’aan kan jiru yoo ta’u, komiin kun wayita dimshaashatti ilaalamu rakkoo hojjettootni geejibaa uumaniifi ummatni mirgasaa kabachiifachuu dhabuurraa madda.
Ejensichi rakkoo taarifaafi tajaajila geejibaan walqabatu maqsuuf buufataalee konkolaataa hedduu keessatti teknolojiitti fayyadamuun tikeetni muramaa jira jedhanii, haa ta’u malee, hojjettoonni sirna kanatti of madaqsuu dhiisanii rakkoo uuman jiraachuun adda ba’ee tarkaanfiin seeraa eegalamuu dubbataniiru.
Osoo tikeetiin buufata konkolaataa keessatti taarifa mootummaan baaseen muramaa jiruu faddaaltota hirmaachisuun gatiin tikeetaa dachaan gurguramaa akka jiru quba qabaachuu himanii, erga taarifa idileen ummata fe’anii ba’aniis sababa uumuun daandii gubbaatti gatii kan dabalchiisan jiraachuus eeraniiru.
Imaltoonni muraasni tikeeta faddaaltonni gatii dachaan gurguraniifi konkolaachistoota daandii gubbaatti sababa uumanii gatii dabalchiisan gabatee konkolaataafi ragaalee biroo ejensiisaaniif dhiyeessuun adabsiisan jiraachuu kan himan daarektarri kun, faallaa kanaan imaltoonni yakka raawwataman tumsuun warra mirgasaanii kabachiifatan lolanillee jiraachuu ibsaniiru.
Akka ibsa Obbo Jamaalitti, dursa golasaanii qulqulleessuuf hojii bal’aa hojjechuuf karoorfachuufi hojjetaas ta’e hoggansa hannaaf karra saaquurratti araarama tokko malee tarkaanfii fudhachuun cinatti konkolaachistoota rakkoo uuman seera qabsiisuuf ummatni odeeffannoo gahaa dhiyeessuun akka isaan tumsu gaafataniiru. Faddaaltoota hojii hinqabneefi qulqulleessitoota kophee dhokatanii tikeeta daldalan kan buufata konkolaataa keessatti rakkoo uumaa jiranirrattis hojiin bal’aan akka hojjetamu hubachiisaniiru.
Akka isaan jedhanitti, hattuu guyyaa guyyaan ari’uu qofaan rakkoo furuun hindanda’amu. Kanaafuu, tajaajila si’ataafi komiirraa bilisa ta’ee kennuuf sirni tikeetaa teknolojiin deeggarame bakkawwan hundatti hojiirra oolchuudha. Hojjetaan ejensichaa gaaraa hanga godaatti haqaan ummata tajaajiluuf of qopheessuu qaba.
Ummatni taarifa murtaa’een ala kaffaluu dhiisuufi yakkoota tajaajilaa danqan saaxiluun akka tumsu, caasaan ejensichaa hundis hojjettoota tajaajila komuurraayyuu bilisa ta’e kennuun fakkeenya ta’an akka hordofan dhaamaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 17 Bara 2016
5 Comments to “ Ummatni tajaajila geejibaarratti mirgasaa kabachiifachuu qaba”
Comments are closed.