Adaamaa: Qorannaan raawwii hojii kurmaana 1ffaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaafi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa kaleessarraa jalqabee magaalaa Adaamaatti adeemsifamaa jira. Pirezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasaa baniinsaa waltajjicharratti taasisaniin akka jedhanitti, rakkoolee mana hojii mootummaafi paartii keessatti kanaan dura danqaa ummataafi kenniinsa tajaajilaa ta’anii adda baafaman hangam hiikamaa akka jiranirratti mariin bal’inaan ni taasifama.
Dhimmootni akka qusannaa, intarpirinarshippiifi sirni daldalaa kanaan dura dhimmoota rakkooleen marfaman jedhamanii adda baafamaniidha jedhanii, dhimmoota kanneen furuuf kallattii sirreessuun danda’amurratti bal’inaan mari’atamuu akka qabus dubbataniiru.
Pirezdaantii Ittaanaan naannichaa Obbo Awwaluu Abdii gamasaaniitiin akka jedhanitti, naannichi karoora xiiqii baafatee hojjechaa jira. Karoorri xiiqii ammoo karoora hiixataafi ariitii barbaadudha. Ta’us seektaroonni mootummaafi bulchiinsaa sadarkaa sadarkaadhaan jiran gandaa kaasee hanga naannootti xiqqeessanii karoorsuutu mul’ata.
Karoorri xiiqii kun karaa guutuu ta’een qaamolee hunda bira gahuusaa mirkaneeffachuunis barbaachisaadha jedhanii; hojjettootaafi hoggantoota mootummaa keessaa dhibbantaan 56 qofti karoora akka qaban ibsaniiru.
Hanqinoota jiran hunda keessaa aadaa qusannaa dhabuun kufaatii dinagdeefi gaaga’ama siyaasaa akka sabaatti nutti fiduu danda’a kan jedhan Obbo Awwaluun; aadaa qusannaa akka sabaatti dhabuurraan kan ka’e Warshaa Keenyaa hundeessuuf waggaa torba fudhachuu yaadachiisaniiru.
Daldalli seeraan alaas balaa dinagdee naannichatti, loon Oromiyaatti maaliyaa biyya biraa uwwisuun bu’aa irraa argachaa kan jiru naannicha osoo hintaane qaamota biroo ta’uu himanii; hojii hojjetamu ariitii, baay’ina, qulqullinafi kalaqaan hojjechuun, qusannaafi liqii deebisuun, hannaafi malaammaltummaarratti gara kuteenyaan qabsaa’uun kallattii gara fuulduraa ta’uus jala sararaniiru.
Saganticharratti raawwii mootummaa naannichaa kan dhiyeessan Komishinara Komishinii Misoomaafi Karooraa Oromiyaa Doktar Abdulaziiz Daawuud gamasaanitiin akka jedhanitti, karoorri xiiqii falaasama lama kan akka “Osoo qabnuu Maalif?”fi “Osoo dandeenyuu akka dadhabaatti Maalif?” jedhanirraa akka madduufi potenshaala naannichaa ilaalcha keessa kan galche akka ta’es dubbataniiru.
Naannichatti wabii miidhaan nyaataa mirkaneessuuf inisheetiviiwwan garaagaraa bocuun hojjiitti galameera kan jedhan komishinarichi, gama innisheetivii midhaan dheedhii oomishuutiin raawwii olaanaa galmeessisuun danda’ameera jedhan. Gama bulchiinsa lafaatiinis keessattuu Magaalaa Shaggaritti raawwii olaanaa galmeessisuun danda’amuu ibsaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 17 Bara 2016