Oromiyaatti sochiin lammiilee qe’eesaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuu eegalame

Finfinnee: Lammiilee Oromoofi Amaaraa godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessaa rakkoo nageenyaatiin buqqa’an qe’eesaaniitti deebisuuf sochiin eegalamuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksise.

Hogganaan biirichaa Obbo Hayiluu Addunyaa waltajjii waloo anga’ootni naannolee Oromiyaafi Amaaraa Kibxata darbe magaalaa Bahaar Daaritti taa’ame ilaalchisee Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, buqqaatota deebisanii dhaabuuf marii bal’aan booda koree waloo olaanaa dhimma kana raawwachiisu hundeessuurratti waliigalameera.

Akka isaan jedhanitti, buqqaatiin Oromiyaa keessatti dhaqqabe humna Shaneefi Finxaaleyyii Faannootiini. Ummatni Amaaraa buqqa’ee deeme humna Shaneen yommuu ta’u, Horroo Guduruu Wallaggaatti ammoo ummatni Oromoo humna Finxaaleyyii Faannootiin qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’eera.

Bu’uuruma kanaan koreen waloo hundaa’u kun hunda dursee ragaa namootaa naannoo Oromiyaarraa buqqa’anii gara naannoo Amaaraa deeman kan qulqulleessuu ta’uu himanii, haaluma kanaan ragaan buqqaatotaa kunneen godina, aanaafi ganda kamirraa akka buqqa’aniifi hojii irratti bobba’anii turan adda baasuun tarkaanfii ittaanutti kan galamu ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bulaa taanaan ragaan qabiyyee lafasaafi naga’een galii gibiraas akka ilaalamu himaniiru.

Ragaa qulqulleessuun waa lamaaf fayyada kan jedhan Obbo Hayiluun, inni duraa namoota maqaa buqqa’aan daldalaniifi buqqa’aa isa dhugaa adda baasuuf kan gargaaru yommuu ta’u, inni biroo ammoo shira daldaltootni siyaasaa galtee siyaasaaf jecha namootni qe’eesaaniirra buqqa’an kunneen akka qe’eesaaniitti hindeebineef xaxaa jiran fashaleessuuf ta’uus dubbataniiru.

Hojiin deebisanii dhaabuu kun al tokkotti kan raawwatamu akka hintaane himanii, ragaa qulqullaa’ee bu’uureeffachuun dursa godinaalee nageenya fooyya’ee qabanitti deebisanii dhaabuun godinaalee rakkoon nageenyaa jirurratti ammoo hojiin nageenya tasgabbeessuu waloon kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Daldaltoota siyaasaatu buqqaatiif sababa ta’e malee ummatni Oromoofi Amaaraa ummattoota waliin jireenyaafi walitti dhufeenya baroota dheeraa qabaniidha kan jedhan Obbo Hayiluun, ummata naannoo Oromiyaarraa buqqa’ee deebisee dhaabuun adda durummaansaa kan mootummaa naannoo Oromiyaafi ummata Oromoo bal’aa ta’uu jala sararaniiru.

Hojii deebisanii dhaabuu kanaaf qabeenyi barbaachisu hirmaannaa naannolee lameen cinatti deeggarsi dhaabbilee mootummaafi mitmootummaa, hawaasa biyya keessaafi kan idiladdunyaa kan qindaa’uu ta’uu ibsanii, farreen nageenyaa buqqaatiif sababa ta’anirratti tarkaanfii waloo fudhachuuf walii galuus Obbo Hayiluun hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 17 Bara 2016

Recommended For You

9 Comments to “ Oromiyaatti sochiin lammiilee qe’eesaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuu eegalame”

  1. Pingback: steenslagfolie
  2. Pingback: Diyala Bauc14
  3. Pingback: fake advertising
  4. Pingback: swan168

Comments are closed.