Finfinnee: Godina Qellem Wallaggaatti deeggarsi namoota sababa rakkoo nageenyaatiin qe’eesaaniirraa buqqa’anii rakkoo keessa jiraniif taasifamaa jiru gahaa akka hintaane Waajjirri Buusaa Gonofaa damee godinichaa beeksise.
Bakka bu’aa ittigaafatamaa waajjirichaa Obbo Tashaalaa Tarrafaa ibsa dheengadda addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, waggoota afran darbanitti aanaalee godinichaa lamarraa kan hafe aanaalee hunda keessatti lammiileen sababa rakkoo nageenyaatiin qe’eesaanirraa buqqa’aniiru.
Baay’inni namoota buqqa’aniis kuma 65 ol akka ta’e eeruun, namoota buqqa’an kanneeniif mootummaan, dhaabbileen mitmootummaa, abbootiin qabeenyaafi namootni dhuunfaa hanga ammaatti deeggarsa qorichaa, miidhaan dheedhii, daakuu, zayitaafi nyaata daa’immanii taasisaa turaniiru.
Yeroo ammaa namootni buqqa’an kunneen gariinsaanii qe’eesaanitti deebi’aniiru, gariinsaanii ammoo firasaanii biratti hirkattummaan jiraachaa kan jiran yoommuu ta’u, namootni kuma lamaafi 17 immoo aanaa godinichaa, Gaawoo Qeebbeetti buufata buqqaatotaa keessa jiraachaa akka jiran himaniiru.
Akka isaan jedhanitti, namoonni kuma 20fi 871, bara 2002 sababa balaa kirkira lafaatiin godinaalee Harargeerraa godinicha qubsiifamanis deeggarsa hatattamaa barbaadu. Lammiilee kanneeniif deeggarsi daakuun qamadii kuntaalli 3,000 akkasumas namoota sababa rakkoo nageenyaatiin buqqa’aniif qamadii kuntaalli kuma lamaafi 150 qoodameera. Deeggarsi taasifamaa jiru baay’ina namoota deeggarsa barbaadanii waliin kan walgitu miti.
Dhaabbileen akka Dhaabbata Misooma Walaliifi Yuuniseef deeggarsa taasisuuf waajjiricharraa ragaa namoota deeggarsa barbaadanii fudhatanii qophii taasisaa jiraachuu himaniiru.
Yeroo ammaa mankuusa keessa midhaan deeggarsaaf oolu kan hinjirre ta’uus himanii, dhaabbileen arjoomtotaa godinichatti namoota deeggarsa namoomaa barbaadan deeggaruuf harkasaanii akka diriirsaniif gaafataniiru
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 17 Bara 2016
7 Comments to “Godina Qellem Wallaggaatti deeggarsi namoota buqqa’aniif taasifamaa jiru gahaa miti jedhame”
Comments are closed.