Finfinnee: Walamantaafi kutannoon jiraannaan furmaatni rakkoo Itoophiyaa harkuma ummata biyyattii jiraachuu pirezidaantiin duraanii Naannoo Ummatoota Kibbaa Obbo Abaataa Kishoo ibsan.
Obbo Abaataan ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, bakka aadaan jaarsummaa dinqisiisaan, abbootiin Gadaa, abbootiin amantaafi jaarsoliin biyyaa jiranitti gatiin biyyi sababa walitti bu’iinsaatiin kaffalaa jirtu dhaabbachuu qaba. Gaaga’ama waraanaa Itoophiyaanota caalaa kan hubate waan hinjirreef hanga guddinni biyyaa waraanota Itiyoo-Eertiraafi tibbana Itoophiyaa kaabaatti taasifameen boodatti hafaa jiru hubatamuu qaba.
Waraanota kanneeniin wareegama lubbuu humna omishaa kumaatamaafi mancaatii qabeenyaa miliyoonotaa hedduutti gaabbuun karaa nagaatti deebi’uu qabnas jedhan. Yeroo ammaa yeroo kamuurra carraan waliin dubbachuu osoo jiruu albee walitti qarachuun maaliif akka barbaachise namuu ittiyaaduu qaba jedhanii; sirna waliin mariifi aadaa waldhabbii furuu sabootni Itoophiyaa barootaaf ittifayyadamaa turan kutannoofi walhubannoon hojiitti hiikuun barbaachisaa ta’uus dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, baay’achuun paartiilee siyaasaa calaqqee sirna dimokiraasii ta’us haala qabatamaa amma jiruun garuu baay’achuun paartiilee sirna diimokraasii dagaagsuurra madda waldhabbii ta’eera. Ummatni paartiilee madda waldhabbiif sababa ta’an lagachuun ala adaba qabsiisuu qaba. Kan jeequmsaan hubamaa jiru biyya waan ta’eef paartiilee gandummaafi sabummaadhaan daldalan ilaalcha biyyummaatiin qolachuuf ija jabaachuun barbaachisaadha.
Nageenyi waaraan hinjiru taanaan misoomni hinjiru, misoomni hinjiru taanaan paartiin kamuu gaaffii ummataa deebisuu hindanda’u. Hiyyummaafi qaala’iinsa gatii injifachuuf tasgabbiidhaan hojjechuun barbaachisaadha. Kana ta’uu baannaan akka biyyaatti ittifufuun shakkisiisaadha jedhan.
Rakkoo kana hundeerraa maqsuuf mootummaan jiru kutannoo nageenyaaf qabuun Komishinii Marii Biyyaalessaa hundeessuunsaa waan abdii namatti horuudha kan jedhan Obbo Abaataan; isaanis gorsitoota boordii komishinichaa keessaa nama tokko ta’uu eeraniiru. Murnoonni seeraan ala hidhatanii socho’aa jiran osoo hinhafin mariin hundagaleessaa nageenya waaraa fidu akka taasifamu qoodasaanii ba’aa jiraachuus ibsaniiru.
Keessattuu mariin Shanee waliin eegalamee ture abdii nageenyaa horee turuus yaadachiisanii; gufachuusaatiif ibsi ga’aan gama lachuunuu kennamuu baatus mariin akkasii marii biyyaalessaa yaadameef humna waan ta’eef ittifufuu qabas jedhaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 17 Bara 2016
4 Comments to “ “Furmaatni rakkoo Itoophiyaa harkuma ummata biyyattii jira” – Obbo Abaataa Kishoo”
Comments are closed.