“Filannoon qabnu walkabajuufi walsimachuun waliin jiraachuu qofa” – Ministira Mummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: Filannoo Itoophiyaanotni qaban eenyummaa walii kabajuufi walsimachuun waliin jiraachuu qofa ta’uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad hubachiisan.

Doktar Abiyyi kana kan hubachiisan leenjii hoggansaa Paartii Badhaadhinaa mataduree, “Idaarraa gara miindaatti” jedhuun kennamaa turerratti yoo ta’u, Itoophiyaan dhalootni ijaaraa jiru seenessa qeenxeerraa gara seenessa guddaa/ walootti ce’uu qabdi jedhan.

Kaleessas ta’e har’a bu’uura Itoophiyaaf qoodni saboota hundaa olaanaadha. Ta’us seenessi daandii gad lakkisuun walshakkiifi walqoodiinsaaf karra saaqeera. Biyyis maraammartoo jeequmsaa keessa akka turtuuf ka’umsa ta’eera jechuunis ibsan.

Kana booda eenyummaa sabootaa dhiitanii bituun tasumaa hin yaadamu jedhanii; inumaayyuu gochi sirriifi qajeelaan tokkummaafi obbolummaa jabeessuu ta’uu dubbataniiru.

Itoophiyaan ummattootashee hunda fakkaachuun dirqama jedhanii; biyya daddaaqama siyaasaa keessaa ba’uun rogawwan maraan fakkeenya taatu ijaaruuf malli tokkichi eenyummaa, aadaafi amantaa walii hubatanii walkabajuun waliin jiraachuu ta’uu hubachiisaniiru. Abjuun eenyummaa isa tokkoo sarbuun eenyummaa biroo goobansuuf abjootamu hokkara uumuurra darbee yoomuu kan hinmilkoofnedhas jedhan.

Seenessi ofittummaafi sabummaa tokko samiitti olkaasee kaan dacheetti dabalu danqaa guddina biyyaafi jireenya walooti kan jedhan Doktar Abiyyi; dhaloota eenyummaasaa ganee baandaa ta’u osoo hintaane dhaloota eenyummaasaa simatee kan warra kaaniis keessummeessu horachuun dhimma yeroon gaafatu ta’uu dubbataniiru. Dhaloota eenyummaasaa gonfatee jaalalaafi ilaalcha biyyaalessaa qabu horachuun dhimma ijoo biroo ta’uus himaniiru.

Itoophiyaa bara 2018tti abdiirraa gara ifa qabatamaatti ceesisuuf hojjetamaa jira. Idaan isheerra jirus dachaan gad bu’a. Qamadii alatti erguu qofa osoo hintaane gabaan biyya keessaa haalaan akka tasgabbaa’u ta’as jedhan.

Bara 2023tti Itoophiyaan misooma qonnaatiin, ashaaraa magariisaan, misooma magaalaan Afriikaa keessa akka fakkeenyaatti akka caqasamtuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu himanii; ilaalchi sabummaa gara biyyaalessummaatti akkasuma seenessi qeenxee gara walootti akka guddatus ibsaniiru. Finfinneen bareedinaan magaalota Afrikaa miidhagoo keessaa tokko ni taatis jedhanii; kana milkeessuufis sektaroota miidiyaafi barnootaarratti xiyyeeffannaa addaatiin kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin  

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 17 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to ““Filannoon qabnu walkabajuufi walsimachuun waliin jiraachuu qofa” – Ministira Mummee Abiyyi Ahmad (PhD)”

  1. Pingback: link dultogel

Comments are closed.