“Barataa hundi qormaata nidarba jedhamuu baatus kufaatiin mudate tilmaamaan oli” – Doktar Nagarii Leencoo

Finfinnee: Barataan qormaata qoramu hundi qormaata ni darba jedhamuu baatus kufaatiin waggoota lamaa as galmaa’aa jiru ibsuufuu akka nama rakkisuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Walittiqabanaan Koree Dhaabbaabbii Misooma Humna Namaa, Bobbii Hojiifi Dhimmoota Teknolojii Doktar Nagarii Leencoo ibsan. Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa garmalee gad bu’uun qabxii qormaata kutaa 12ffaa baranaa dhiibbaa inni waliigalaan biyyarratti, addatti ammoo barsiisota yuunivarsiitiirratti dhaqqabsiisuu maluilaalchisee Doktar Nagarii Leencoo waliin turtii taasiseera.

Akka isaan jedhanitti, rakkoo qulqullina barnootaa keessaa ba’uun dhimma falmiif dhiyaatu miti. Ta’us qulqullinni barnootaa hojii halkan tokkotti keessaa ba’amu miti. Bara darbe barattoota kutaa 12ffaa qormaataaf taa’an keessaa kanneen qabxii darbiinsaa galmeessisan dhibbantaa 3.3 ta’uun rifaatuu guddaa uumee ture. Baranas osoo hanga tokko fooyyeen eegamuu inumaayyuu gara dhibbantaa 3.2tti gad bu’eera.

Dhimmi ijoon barataan kanaan dura hanga kutaa 10ffaatti sadarkaa 1ffaa-10ffaa ba’aa turan maaliif akka qormaata kana kufan, haala kamiin baratanii sadarkaa keessa akka turan, manneen baroota sadarkaa guutummaatti jedhamuun qormaata kanatti milkaa’an maal hojjetanii akka milkaa’an ifa ta’uu qaba jedhanii; barataa dhibbantaa 96 ol qormaata kufe callisaanii bira taruun balaa waan qabuuf sababaafi furmaatni qorannoorratti hundaa’ee ummataaf dhiyaachuun dirqama ta’uus hubachiisaniiru.

Kufaatiin mudate cabiinsa sirni barnoota biyyattii keessa jiru kan mul’isuufi bu’aa qoodafudhattoota hundaati kan jedhan Doktar Nagariin; Ministeerri Barnootaa addatti ittigaafatama dachaa qabaachuu jala sararaniiru. Ilaalcha siyaasaatiin ittigaafatama ofii moggaatti dhiibuun bu’aa waan hinqabneef qorannoo walabaatiin gola ofii ilaaluun barbaachisaadhas jedhan.

Sababaafi kufaatii qabxii qormaataa biyya mudate kana qorannoo walabaan alatti kana jedhanii dubbachuun angoo koreesaanii akka hin taane himanii; hanqinni meeshaalee barnootaa, qormaataaf barataa bakka tokkoo bakka birootti geejibsiisuun, manneen barnootaa tokko tokkotti barsiisaan akaakuu barnootaa barateen ala barsiisuun, ittigaafatamummaa ofii qixa sirriin ba’uu dhabuufi rakkoon nageenyaa gumaacha akka qabu tilmaamuun ni danda’ama jedhaniiru.

Yaaddoo barsiisotni dhaabbilee barnoota olaanaa qabanii ilaalchisee Doktar Nagariin akka jedhanitti; barattootni kufuun barsiisotarratti dhiibbaa kan uumu miti. Barattootni darban hundi yuunivarsiitii seenuu. Dabalataanis barana barattootni bara darbe qormaata kufan kuma 100 ta’anis rimeediyaaliin yuunivarsiitii ni seenu. Inumaayyuu qulqullina barnootaaa mirkaneessuufi hojii barsiisotaa yoo salphise malee dhiibbaan inni barsiisotarratti fidu akka hinjirre eeraniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 17 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to ““Barataa hundi qormaata nidarba jedhamuu baatus kufaatiin mudate tilmaamaan oli” – Doktar Nagarii Leencoo”

  1. Pingback: som777

Comments are closed.