Aadde Adaanach Abeebee Joorjiyaarraa doktireetiifi lammummaa kabajaa argatan

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee Yuunivarsitii Idiladdunyaa Ambaasaaddarsi Tiriiniitii Filooriidaarraa Doktareetii kabajaafi bulchiinsa Joorjiyaarraa badhaasa kabajaa lammummaa Joorjiyaa argatan.

Bakka bu’aan ummataa Bulchiinsa Joorjiyaa Rippabliikaan Biilii Michel, “Doktar Adaanach of kennitee ummatashee tajaajiluun, gaggeessummaa addaa kennuun, anga’oota addunyaa maraaf fakkeenya taateetti. Gumaachasaanii kanaafis akka bulchiinsa Joorjiyaafi sanaan olitti beekamtii kennuun nuu kabaja” jedhan.

Rippablikaaniin sirnicharratti argaman biroon Deweyi Makilayin gamasaaniin “Jijjiiramni Doktar Adaanach agarsiiste, tokkummaa ummata Itoophiyaa ceessisu calaqqisiisuun tajaajilli ummataaf kennite egeree ifaaf karaa saaqeera, hoggansa hojii fakkeenyummaa qabu mul’isteedha” jedhan.

Seenaatarri Gayil Deebenpoorti ammoo “Kabajamoo Doktar Adaanach fooyya’iinsa jireenya lammiileef hirmaachisuummaanshees bu’aa qabatamaa argamsiiseera, guutummaa Itoophiyaattis kaka’umsa uumteetti” jechuun ibsan.

Kantiibaa Adaanachis doktireetiifi lammummaa kabajaa torbanuma kana keessa kennameefitti akkasumas simannaa taasifameefitti daran kan gammadan ta’uu ibsaniiru.

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 17 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “Aadde Adaanach Abeebee Joorjiyaarraa doktireetiifi lammummaa kabajaa argatan”

Comments are closed.