Finfinnee: Oromiyaatti weerara dhibee busaa to’achuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Hogganaan biirichaa Doktar Mangistuu Baqqalaa ibsa kaleessa raawwii ji’oota sadan darbanii ilaalchisee miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, yeroo ammaa dhibee busaa godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti bal’inaan mudate to’achuuf bajata guddaafi ogeessotaa ramaduun hojjetamaa jira.
Naannichatti namoota miliyoona 1.5 qorannoo dhiigaa taasisan keessaa namoota kuma 359 irratti dhibeen busaa argamuu himanii; namootni dhibeen kun irratti argames tajaajila yaala fayyaa argachuu dubbataniiru.
Akka ibsasaaniitti, weerara dhibichaas hir’isuuf saaphanni siree miiliyoona 7.2 raabsameera. Iddoon walhormaata bookee busaaf mijataa ta’e bishaan meetrik iskuweerii miiliyoona 7.5n hirmaannaa haawaasan qulqullaa’eera.
Ji’ootni Fulbaanaa, Onkololeessaafi Sadaasaa ji’oota weerarri dhibee busaa itti babal’atu ta’uu himanii, jijjiiramni haala qilleensaa walhormaata bookee busaaf mijataa ta’ee mul’achuufi akaakuun bookee busaa kanaan dura mul’atee hinbeekne mudachuun sababoota babal’ina weerara dhibee kanaaf ka’umsa ta’uu ibsaniiru.
Ji’oots sadan darbanitti lubbuu namootaa baraaruuf dhiyeessii qorichaa, meeshaalee yaalaa, suphaa meeshaalee yaalaatiif qarshiin biiliyoona lama baasii taasisuus yaadachiisaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, hojii bal’aa hojjetameen weerara dhibee koleeraa godinaalee Oromiyaa 13 keessaa balleessuun danda’ameera. Weerarri kun godinaalee Oromiyaa 16 keessatti mul’atee turus godinalee 13 keessaa guutumaan guututti balleessuun danda’ameera. Kana malees, dhibee koleeraa aanaalee naannichaa 83tti mul’atee ture gara aanaalee 12tti gadi xiqqeessuun danda’ameera.
Akka Doktar Mangistuun jedhanitti, iccitiin milkaa’ina biirichaa hawaasaaf hubannoo bal’aa kennuufi qooda fudhattoota hirmaachisuudha. Tajaajila tola ooltummaan hojiin yaalaa fayyaa qarshii biliyoona 3.6 hojjetameera.
Dhiibbaa dhibichaa hir’isuuf mootummaan dhiyeessii barbaachisu guutuuf baasii guddaa baasee socho’aa jira kan jedhan Doktar Mangistuun; dhiyeessii mootummaan dhiyeessutti qixa sirriin fayyadamuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016
4 Comments to “ Weerara dhibee busaa to’achuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira”
Comments are closed.