Wareegamni alaabaaf kaffalame hubatamuu qaba

Finfinnee: Dhalooti har’aa nageenya kabachiisuuf wareegama alaabaaf kaffalame hubachuun jaalalaafi kabaja alaabaa horachuu akka qabu Biiroon Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa ibse.

Daarektarri kominikeeshinii biirichaa Obbo Buzaayyoo Taklee akka dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf ibsanitti, dhalooti har’aa nageenya biyyaa kabachiisuuf wareegama alaabaaf kaffalame hubachuun kabajaafi jaalala alaabaa horachuu qaba. Hubannoo argatan bu’uura godhachuun nageenya, tokkummaafi birmadummaa ittifufsiisuuf ga’eesaanii ba’achuu qabu.

Akka ibsasaaniitti, weerara Awurooppaanonni Afrikaanotarratti raawwatan qolachuun Itoophiyaan lammiilee ishee alaabaa tokko jalatti hiriirsuudhaan wareegama barbaachisaa ittikaffalluun nageenyaafi birmadummaa kabachiisuun dhalootatti daddarbaa har’a ga’ameera. Dhalooti har’aa wareegama kaffalame hubachuun kabajaafi jaalala alaabaa habatee dhalootatti dabarsuu qaba.

Dhaloonni kun birmadummaa, tokkummaa, jaalalaafi walkabajuu Itoophiyaanoti waliin qaban alaabaadhaan akka ibsamu himanii; dhalooti ammaas babal’ina teknolojii duukaa waantota nageenya, tokkummaafi birmadummaa alaabaan ijaarame tuqanirraa of qusachuu qaba jedhan.

Hawaasni guutuunis heeraafi seera mootummaa kabajuudhaan tokkummaafi sabdaneessummaa biyyaa cimsuuf wareegama alaabaatti kaffalame dhaloota ammaa barsiisuun kabajaafi jaalala alaabaa akka horatu taasisuu qaba. Osoo dhaloota hinbarsiisin dhaloota komachuun waan hindanda’amneef dhimma kanarratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhan Obbo Buzaayyoon.

Tokkummaa sabdaneessummaan lammiilee alaabaa jalatti cimee akka ittifufuuf mootummaan hawaasa hirmaachisuun gochoota duudhaa alaabaa faallessanirratti olaantummaa seeraa kabachiisuu ciminaan hojjechuu akka qabus eeraniiru.

Hojjetaan eegumsa nageenyaa ‘VIP’ Inispeektar Kaliifaa Qixxeessaa gamasaaniin, guyyaan alaabaa guyyaa aarsaan abbootii duraaniitin itti kaffalameedha. Kabajaafi jaalala alaabaa wareegamaan isaan bira ga’e dhalootatti dabarsuuf wareegama barbaachisu kaffaluuf hojjechaa jirra jechuun ibsaniiru.

Dhalooti har’aa tokkummaa abbootii keenya kaleessaa alaabaa biyyaatiif qaban irraa barachuudhaan qaamolee faallaa alaabaa biyyaa dhaabbatan karaatti deebisuudhaan nageenya, tokkummaafi birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuu akka qabaus hubachiisaniiru.

Walittiqabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa Obbo Abdulqaadir Huseen alaabaan ibsituu bilisummaafi birmadummaa biyyaa ta’uu ibsaniiru.

Koloneeffattoota Awurooppaa Afrikaa weeraran wareegama lammiileen Itoophiyaa alaabaaf kaffalaniin mallattoo bilisummaa Afirikaanotaa taatee jirti. Kanaaf dhalooti har’aa nageenya, tokkummaafi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf kabajaafi jaalala alaabaa biyyaa hubachuudhaan ga’ee irraa eegamu ba’uu akka qaban ibsaniiru.

Guyyaa alaabaa marsaa 16ffaan Wiixata darbe mataduree, “Olka’iinsi alaabaa keenyaa wabii tokkummaa sabdaneessummaafi birmadummaa keenyaati” jedhuun guutummaa biyyaatti kabajamuun ni yaadatama.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016

Recommended For You

4 Comments to “Wareegamni alaabaaf kaffalame hubatamuu qaba”

  1. Pingback: go to this website
  2. Pingback: live bdsm cams

Comments are closed.