Finfinnee : Qisaasa’uu qabeenya bishaanii ittisuuf seerri ittifayyadama bishaanii qophaa’aa jiraachuu Ministeerrii Bishaaniif Inarjii ibse.
Ministirri ministeera Bishaaniifi Inarjii Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, qabeenya bishaanii biyyattiin qabdu sirna qabeessaa taasisuuf seerri ittifayyadama bishaanii qophaa’aa jira. Baadiyyaatti babal’ina qonna jallisii hordofee fedhiin bishaanii dabalaa waan jiruuf qisaasama bishaanii ittisuuf seerri sirna ittifayyadama bishaanii fooyya’eera.
Akka ibsa isaanitti, bishaan mootummaan gatii guddaan itti baasee ijaarsa gamoofi miiccaa konkolaataaf oolchuun, hidhawwan gatii guddaan itti ba’ee bishaan kuusanfi burqaa bishaan umamaa irraa bishaan garmalee mootaraan harkisanii jal’isiif oolchuun hanqina bishaan babal’isaa jira.
Godaannis baadiyyaa irraa gara magaalaatti taasifamaa jiru magaalota keessatti hanqina bishaanii mul’atuuf sababa olaanaa ta’aa jiraachuu himanii, sagantaan qonna qamadii bonaa walqabatee qonna jal’isiif fedhiin bishaanii baadiyyaatti dabalaa jira.
Ce’umsa waqitii gannaa irraa bonatti taasifamu hordofee kuufamni bishaanii lafa jalaa waan hir’atuuf ujummoon qaqqabuu dhabuun hanqinni bishaanii mudatu oolchuuf hundumtuu bishaan osoo hinqisaasessin akka fayyadamuu seerri ittifayyadama bishanii barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Hanqinoota kunneen hambisuuf, caasaaleen dhiyeessii bishaanii irra hojjetan waqtii bonaatti qophii barbaachisaa taasisuu akka qaban hubachiisanii, hoggansi hidhawwaniifi haroowwan bishaan kuusan hoggansa fayyadama bishaansaanii cimsuu akka qaban ibsaniiru.
Ministeerichi fufiinsaa rakkoo kana furuuf haala qilleensaan walqabatee Inistityuutii Metiworolojii Itoophiyaa waliin ta’uudhaan hojii hubannoo uumuu hojjetaa jira. Ashaaraan magariisaa fedhiifi dhiyeessiin bishaanii madaalawaa akka ta’uuf shoora olaanaa waan qabuuf kunuunsa biqiloota dhaabbatanii cimee akka ittifufuuf hojiin hubannoo uumuu xiyyeeffannoon itti laatameera hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
Faalama Laggeeniifi haroowwanii ittisuun hojii xiyyeeffannoo ministeerichaa keessaa tokko ta’uu himanii, qisaasaa’uu qabeenya bishaanii ittisuuf seerri ittifayyadama bishaanii qophaa’uun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016
6 Comments to “ Seerri ittifayyadamaa bishaanii qophaa’aa jira”
Comments are closed.