Qonnaan bultootni kuma 56 kaartaa lafasaanii qabsiisuun qarshii biliyoona sadii liqeeffatan

Finfinnee: Kanaan dura kaartaa lafaa yookiin mana jireenyaa qabsiisuun fayyadamummaa dinagdee mirkaneeffachaa kan ture ummata magaalaa jiraatu qofa. Haa ta’uutii, xiyyeeffannoo mootummaan yeroo dhiyoo as abbaa qabeeyyumma lafa baadiyyaaf kenneen qonnaan bultootni hedduun kaartaa lafaa qabsiisuun fayyadamoo ta’aa jiru.

Kaartaa abbaa qabeenyummaa lafa baadiyyaa kennameen waggoota sadii as qofa qonnaan bultootni kuma 56 kartaa qabsiisuun liqii qarshii biliyoona sadii argachuu Ogeessotni Ministeera Qonnaa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf yaada kennan ibsaniiru.

Ministeerichatti Raawwachiisaan Hojii Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa Obbo Tigistuu Gabramasqal akka jedhanitti, labsiiwwan dhimma lafaa ilaalchisee ba’an hundi mirga abbaa qabiyyummaa qonnaan bulaa eegsisuuf kan bahaniidha. Ministeerichis fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf akkasumas rakkoolee ragaa qabiyyee lafaan walqabatan furuuf kaartaan abbaa qabiyyummaa lafaa ibsu akka kennamu taasisaa jira.

Ministeerichi bara 2007rraa eegalee hanga ammaatti qonnaan bulaa miliyoona 25f kaartaa qabiyyee lafa baadiyyaa kennuun qonnaan bultootni kaartaa lafaa argatan immoo tajaajila liqiifi qusannaa akka argataniif hojjechaa jira.

Bara 2000 hanga bara 2006tti kaartaan qabiyyee lafaa marsaa 1ffaan kannamuu yaadachiisanii; bara 2007 irraa eegalee hanga ammaatti ammoo marsaa 2ffaadhaan qonnaan bulaaf kaartaa lafa baadiyyaa kennaa jira. Marsaa kanaan hanga ammaattis cittuun lafaa miliyoona 30 lakkaa’aman keessaa lafa miliyoona 25 ta’anirratti ragaan qabiyyee lafaa qonnaan bulaaf kennamuu dubbataniiru.

Ministeerichi teknolojiitti fayyadamuun damicha bulchaa jira kan jedhan Obbo Tigistuun; oyruuwwan ragaansaanii qophaa’an odeeffannoo sirna lafaa biyyaaleessaatti daataa beeziidhaan akka qindaa’u taasifamuusaa yaadachiisaniiru.

Ragaan lafaa daataa beeziidhaan qabame kun bal’ina lafaa, iddoo itti argamasaaniifi abbaan qabiyyummaasaanii ifatti waan mul’isuuf walitti bu’iinsa namoota gidduutti uumamuu danda’u hir’isuufis shoora olaanaa taphata jedhaniiru.

Ragaan teeknolojiitti fayyadamuun qindaa’e kun baankotniifi dhaabbileen maaykirofaayinaansii garagaraa ragaa amansiisaa kanatti fayyadamuun qonnaan bultootaaf tajaajila liqiifi qusannaa akka mijeessaniif gargaaraa jira.

 Dabalataanis kenniinsi ragaa kanaa miira abbaa qabeenyummaa qonnaan bulaa keessatti uumuun qonnaan bulaan lafasaa akka kunuunsu karaa alkallattiin immoo hojii eegumsa naannawaa akka hojjetu gochuufis kan gargaaruudha.

Ministeerichatti Ogeessi Olaanaan Bulchiinsaafi Galmeessa Lafa Baadiyyaa Obbo Geetuu Damee gamasaanitiin akka jedhanitti, kenniinsi kaartaa qabiyyee lafa baadiyyaa marsaa lammaaffaa kan marsaa 1ffaarraa baay’ee fooyya’aadha.

Akka ibsasaaniitti, kaartaan marsaa 1ffaa qonnaan bulaan tokko lafa meeqa akka qabu ibsuun ala iddoowwan lafti kunneen itti argaman kan mul’isu miti. Kaartaan marsaa 2ffaatiin kennamaa jiru garuu iddoo argama lafaa ifatti kan mul’isuudha. Marsaa 2ffaadhaan kaartaa qopheessuun kennuun kan barbaachises rakkina kanaafi kanneen biroo ni furuufi.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Qonnaan bultootni kuma 56 kaartaa lafasaanii qabsiisuun qarshii biliyoona sadii liqeeffatan”

  1. Pingback: Eeveve
  2. Pingback: James

Comments are closed.