Komii faca’iinsa industiriitiin walqabatu furuuf qorannoon taasifamaa jira

Finfinnee: Faca’iinsi industirii naannoo naannootti, magaalaa magaalaatti jiru qaawwa bal’aa waan qabuuf fayyadamummaa haqaqabeessa mirkaneessuu dhabuun madda komii ta’aa tureera. Godaansi Finfinneefi naannawaansheetti hojii barbaachaaf taasifamaa jirus daran olaanaadha; industiriin naannawuma tokkotti heddummaatu bakka birootii dhabamuunis rakkoodha.

Haa ta’u malee, “Industiriiwwan kunneen galtee omishaa kan argatan naannolee garagaraarraa waan ta’eef bakka galteen omishaa jirutti maaliif hinhundeeffamne? Ummatni naannichaa maaliif galtee naannawaasaa waliin hojii barbaacha godaana?” gaaffiin jedhu osoo deebii hinargatin har’a ga’eera.

Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa jijjiirama sossochii “Itoophiyaan haa Omishtu” jedhuufi facaatii industiriiwwanii ilaalchisee Ministir De’eetaa Ministeera Industirii Obbo Taarraqanyi Bulultaa waliin Roobii darbe turtii taasiseera.

Akka isaan jedhanitti, kanaan dura galteewwan industirii naannolee garagaraarraa gara giddugaleessa biyyaa dhufaa turan. Ta’us ijaarsa industiriifi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf qorannoon galteewwan omishaa deeggarsa baankii addunyaatiin taasifamaa jira. Saniin booda potenshaala galtee industirii bu’ureeffachuun bakka sanitti warshaan akka dhaabbatuuf carraaqqiin ni taasifama. Abbootiin qabeenyaa hanguma Finfinneerraa hiiqaa deeman faayidaan argatanis hawwataa akka ta’u hojjetamaa jira.

Kanaaf ammoo shoorri sosochii Itoophiyaan haa omishtuu Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin bara 2014 ifoomee olaanaa ta’uu hubachiisaniiru. Ifoomuu karoora waggaa 10 sossochii Itoophiyaan haa omishtuun industiriiwwan 300 ol hojii dhaabanii turan omisha eegalaniiru. Hangi omishtummaa industirii biyyattii giddugalaan dhibbantaa 55tti guddateera. Qoodni industiriiwwan kunneen gabaa biyya keessaa keessatti qaban dhibbantaa 30 irraa gara dhibbantaa 38tti guddachuun ala waggaa 10 booda gara dhibbantaa 60 geessisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kana malees, naannolee Amaaraafi Affaaritti industiriiwwan waraanaan miidhaman hojiitti deebisuun akka danda’ameefi hubaatiin industirii bal’inaan kan mudate naannoo Tigraayitti warshaa simintoofi arqeefaan wayita hojii eegalsiifaman kanneen biroorratti hojiin adda baasuu taasifamaa jira.

Abbootii qabeenyaa hawwachuuf danqaaleen gama imaammataafi qajeelfamootaan turan furamuu eeranii; kana dura abbaan qabeenyaa sharafa alaa argachuuf omishasaa dhibbantaa 30 qofa fayyadamaa ture amma garuu gara dhibbantaa 50tti guddateera. Dhiyeessiin faayinaansii gara qarshii biliyoona 60tti wayita guddatu liqiin industirii omishaaf kennamus gara dhibbantaa 24tti guddachuu hubachiisaniiru.

Bara darbe abbootiin qabeenyaa 52 kaappitaala qarshii biliyoona 850 galmeessisan paarkiiwwan idustirii keessatti omishaalee garagaraarratti bobba’an wajjin galiigaltee mallatteessuu eeranii; omishaalee alaa galan akaakuuwwan 104 biyya keessatti omishuuf sochiin eegalamuu himaniiru.

 Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016

Recommended For You

6 Comments to “Komii faca’iinsa industiriitiin walqabatu furuuf qorannoon taasifamaa jira”

  1. Pingback: 123auto
  2. Pingback: sex bao dam
  3. Pingback: free bdsm

Comments are closed.