“Addunyaa yeroo kamuurra rakkoolee walxaxaa keessa jiru wajjin wal’aansoo walqabaa jirra” – Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee: Rakkoo jijjiirama haala qilleensaa, jijjiirama caasaaleefi tasgabbii dhabuu nageenyaatiin addunyaa yeroo kamuurra rakkoolee walxaxaa keessa jirtu baraaruuf qabsoon taasifamaa jiraachuu Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad ibsan. Doktar Abiyyi kana kan ibsan haasaa Yaa’ii 3ffaa ‘Belt and Road Initiative’ jedhamu kan Beejiingi Chaayinaatti tibbana taa’amerratti taasisanirratti.

Rakkoo walxaxaan addunyaan yeroo ammaa keessa jirtu ummatni addunyaa akka tokkummaa’uufi dandeettii dandamannaa akka horatu taasiseera jedhanii; rakkoo kana maqsuuf ammoo akka hoggantoota addunyaatti qajeelfamoota namummaa, haqaqabeessummaa, hammattummaa, walqixummaafi garalaafummaa dagaagsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

“Biyya ummata miliyoona 120 ol qabduufi guddina dinagdee saffisaan galmeessaa jirtu Itoophiyaa keessaa dhufee wayitan isin fuuldura dhaabbadhu gammachuu guddaatu natti dhaga’ama. Itoophiyaan biyya bu’uura qaroomina durii keessaa tokko ta’uun alabiyyoota baha giddugaleessaa, Awurooppaa, Eeshiyaafi Afrikaa walquunnamsiisuuf kallattii murteessaarratti argamtuudhas,” jedhan.

Afrikaa, ardii ummata biliyoona 1.4 irrajireessi dargaggoota humna omishaa ta’an keessaa dhufuun matumtisaa akka nama boonsu himanii; ardiin kun potenshaala rogawwan maraa qabuun bakka gabaa filatamaa akka ta’u shakkii akka hinqabne ibsaniiru.

Bu’aa inisheetivii kanaa kan ta’e daandiin baaburaa Itiyoo-Jibuutii dinagdee Itoophiyaa guddisuu bira darbee guddina dinagdee addunyaafuu shoora qabaachuu eeranii; hariiroo ummata biyyoota lameenii cimsuu dabalatee kan hawaasa kallattii saniifuu gumaacha akka qabu hubachiisaniiru.

Doktar Abiyyiifi jillisaanii buufata doonii Shaangaay, Industirii omishaa Huwaawweefi bakkeewwan biroo daaw’ataniiru. Akkasumas Pirezidaantii Baankii ‘New Development’ biyyoota miseensota ‘BRICS’ Diilmaa Ruuseef waliin mari’ataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

 BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016

Recommended For You

4 Comments to “ “Addunyaa yeroo kamuurra rakkoolee walxaxaa keessa jiru wajjin wal’aansoo walqabaa jirra” – Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad”

Comments are closed.