Irreechaafi mana nyaata aadaa Oromoo Finfinneetti

Tibba Irreechaa kanatti manneen nyaataa aadaa keessummootasaanii simatanii keessumeessuutti daran ko’ommatu. Keessumaa Ayyaana Irreechaa guddicha har’a Finfinneetti, bor ammoo Bishooftuutti kabajamurratti manneen nyaataa aadaa Oromoo isa yeroo kaanii caalaa hojiin itti baay’ata.

Manneen nyaataa Finfinneefi Bishooftuutti argaman keessaas Manni Nyaataa Aadaa Oromoo Cororsaafi Addooyyee Cororsaa isa tokko. Manni nyaataa kun waggoota kurnan darbaniif magaalota lamaan kanneenitti nyaata aadaa dhiheessaafi beeksisaa tureera. Nutis ayyaana Irreechaa sababeeffchuun haadha qabeenyaa mana nyaatichaa Aadde Shawaanash Yamaanah Cawwaaqaa dubbisneerra.

Aadde Shawaanash dhalatanii kan guddatan Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Gidaamiitti yoo ta’u, barnoota sadarkaa tokkoffaa hanga kutaa ja’affaatti bakkuma dhalootaasaaniitti erga baratanii booda gara Finfinneetti dhufuun barnootasaanii sadarkaa 2ffaa xumuran. Akkuma barnootasaanii xumuraniin bultii kan dhaabbatan yoo ta’u, cinaattis akaakuu barnootaa Narsiingii baratanii fixuun waggoota muraasaaf ittiin hojjetaniiru.

Boodarra garuu waggoota 13 dura hojii mataasaanii banachuu waan barbaadaniif kutaa xiqqoo kireeffatanii hojii buna jabanaa Finfinnee, naannawa Gullallee, bakka addaa Fiinaansii jedhamutti eegalan. Isas yeroo muraasa erga hojjetanii booda biratti caccabsaa dhiheessuu eegalan.

Suutuma suutaan cororsaafi nyaatawwan aadaa biroo hojjechuu jalqaban. Iddoon isaan dura kireeffatanii itti hojjetanis isaanitti dhiphachaa dhufuusaatiin mooraadhuma cinaasaanii jirutti darbanii kireeffatanii hojiisaanii caalaatti babal’isanii Mana Nyaata Aadaa Oromoo Cororsaa jechuun itti moggaasuun hojiisaanii babal’isuusaaniiti kan nuu ibsan.

Akka isaan jedhanitti, jalqaba gaafa hojii eegalan waanuma ofiisaanii hojjechuuf ta’us boodarra fedhiin aadaa Oromoo Finfinneetti beeksisuu waan keessasaanii buleef nyaatawwan aadaa maatiidhumarraa baran hojjechuun aadaa beeksisuurratti gaheesaanii ba’achuuf hojichatti seenan.

Hojiin nyaata aadaa maatii jalatti yommuu ilaalan waan akka salphaatti ilaalamu ta’us namoota hedduu kan fayyadu waan ta’eef babal’isanii hojjechuu akka qabaniifi naannawa jiranittillee barsiisuu akka qaban murteessan.

“Yeroo sanatti Finfinneetti hojii akkanaa hojjechuuf murteessuun ulfaataa ture. Sababnisaa Finfinnee keessatti afaan, aadaafi eenyummaan daran irraanfatamee tureera. Kunimmoo keessakootti aariifi xiiqii uumaa ture. Kanas keessakootti Waaqumatu fide jedheen amana. Hojii xiqqoo eegaleen hamma humnakoo akkan gumaachuuf keessakootti kun uumame jedheen yaada” jedhu.

Hojiin kunis kan nama tokko qofaan hojjetamu osoo hintaane deggarsa namootaafi qaamolee addaddaa kan barbaadu ta’uu kaasanii, kanarratti hiriyyaansaanii Aadde Abbabach Ambaawu jedhaman baay’ee isaan gargaaruu himu. Aadde Abbabach Buraayyuutti, isaan immoo Finfinneetti hojicha waldeggaraniifi waliin mari’atanii hojjechaa akka turan kaasu.

Eeyyama hojiis akka nama dhuunfaatti baasuun aadaa kana guddisuun akka hindanda’amne akkasumas, caalbaasiiwwan addaddaa mo’achuufis ta’e hojiiwwan hedduu hojjechuun ulfaataa ta’uu hubachuun waldaadhaan dhaabbata dhuunfaa ittigaafatamnisaa murtaa’e hundeessuu ibsu.

Kanaanis akkuma yaadame aanaalee, kutaawwan magaalaafi sagantaawwan garagaraarratti nyaatawwan aadaa hojjetanii dhiheessuufi barsiisuuf carraa bal’aa argachuu kan himan Aadde Shawaanash, Biiroon Aadaa, Aartiifi Turizimii Magaalaa Finfinneellee hojiisaanii daawwachuun caalaatti babal’isanii akka hojjetaniif isaan jajjabeessaa, gorsaafi yaadaan bira dhaabachuun hamilee ta’uufii ibsu.

Hojiinsaaniis namoota dhihoofi fagoo jiran biratti beekamaafi jaalatamaa maamila horachaa dhufuu himanii, namoonni iddoowwa addaddaarraa iyyaafannaadhaan dhufuu eegaluu dubbatu. Hojiin mana nyaata aadaa waggoota dhihoo as baramaafi bal’achaa dhufe malee yeroo isaan jalqabanitti qormaatiwwan hedduu mudachaa turuu dubbatu.

“Mogaasuma maqaa Cororsaa jedhurraa kaasee namoonni nu ceepha’aa turan. Namoonni maqaasaa beekanii utuu waamuu danda’anillee jallisanii waaman turaniiru. Kaan immoo maayinni jedhanii nurkatti busheessuu barbaadu. Nutimmoo sanuma keessa dabarree “Cororsaa” jechuun nyaata aadaa Oromoo isa kabajamaafi ulfaataa ta’uu, kanammoo namni baree itti haa fayyadamu jechuun kan hojjennu malee nyaata kara deemaan kamuu itti goree nyaatu miti; aadaa keenya beeksisuuf jennee malee kan gurguramullee hinturre jennee suuta hubannoo namootaa jijjiiraa dhufne jedhu.

Kana malees barjaa mana nyaatichaa Afaan Oromootiin barreessisuun yommuu maxxansan hanga hidhamuttillee qaqqabuu ibsanii, kanas baay’inaan manichatti kan fayyadamu namoota kutaa biyyaarraa dhufaniifi Amaariffa dubbisuu hindandeenye waan ta’aniif yaadamee ta’uu himuun falmii baay’eedhaan bira akka darbame himu.

Hojicha keessatti namootumti waa beeku jedhamanillee oggaa nama qoraniifi hamilee nama buusuuf yaalan mul’ataa turanillee, waan badeera, kufeera jedhame kaasnee akka hojjennuuf keessa keenya kan fide Waaqa waan ta’eef kan nama gargaarus isuma ta’uu ibsu.

Akka ibsa Aadde Shawaanashitti, bu’aan hojiin manni nyaataa aadaa gama maallaqaatiin argamsiisu hangas ta’uu baatus aadaan ofii beeksifachuunuu bu’aa olaanaadha. Har’a iddoowwan baay’eetti dhangaa nyaataa keessatti cororsaa, caccabsaa, aancooteefi kanneen biroo makamanii dhihaatanii arguuniyyuu gammachuu tokko. Nyaatni godina murtaa’etti beekamu amma guutuu Oromiyaatti beekamee arguurra waanti nama gammachiisu hinjiru. Waan maatiin keenya hinargiin darban nuti argineerra, ijoolleen keenyammoo kana caalaa argu; kun gammachuu hunda caaluudha.

Wayita ammaas ilaalchi namootaa guutummaatti jijjiirameera jedhamuu baatus, sanuma keessa darbuun kaayyoo ofii galmaan ga’achuun dirqama ta’uu ibsu.

Mana nyaataa aadaa magaalota lamaan kanneenitti namoonni 50 ol carraa hojii argachuus eeranii, namoota walitti hidhamiinsi gabaa uumameefi wantoota hojiif barbaachisan irraa bitatan yoo itti lakkaa’aman ammoo daran baay’ee ta’uu dubbatu. Fuuldurattis utuu bakki hojii, faayinaansiifi walitti hidhamiinsi gabaa caalaatti uumameefii hojiicha daran babal’isanii hojjechuun carraa hojii caalu uumuu, hojii bizinasii aadaa bal’isuuf yaada qabaachuu kaasu.

Namoota hojii kanarratti bobba’uu fedhaniifis kana dura akkanumaan barsiisaafi muuxannoo dabarsaa turuu kan himan Aadde Shawaanash, namoonni isaan bira hojjetaa turan yeroo ammaa mana nyaata aadaa mataasaanii banachuun hojjetaa jiraachuu dubbatu. Ammas namoota fedha qabaniif muuxannoosaanii qooduuf qophii ta’uu himu.

Manni nyaataasaanii ayyaana Irreechaa har’aafi boru kabajamuuf qophii duraa taasisuun akkuma baroota kaanii jala bultiirraa eegalee haala ho’aadhaan keessummeessaa jiraachuu ibsu. Carraa kanaanis ummata Oromoo hundaan baga Ayyaana Irreechaa bara 2016 nagaan geessan jechuun ergaasaanii dabarsu.

Maamiloota mana nyaatichaa keessaa namoonni dubbisne tokko tokko manni nyaatichaa nyaatawwan aadaa mi’aawaafi qulqulluu waan dhiheessuuf bakka filannoosaanii yeroo dheeraa ta’uu kaasanii, yeroo ayyaana Irreechaas ta’e guyyaa kaan haala walfakkaataan waan keessummeessaniif kan ittigammadan ta’uu dubbatu.

Cororsaa jechuun nyaata aadaa Oromoo godinaalee Wallaggaatti beekamu yoo tahu, xaafii diimaan baay’ee osoo hinbukaa’iin furdiifamee eeleerratti tolchama. Yommuu inni ba’uus itittuu ykn baaduun ho’ifamee dhamni jalaa ba’ee, dhadhaa baqfamaafi qocqocaan itti naqama. Dhadahaan yaa’ee jabanaa xiqqoo funyaan tokko ykn lama qabduun waan sirriitti irra cororfamuus moggaasa maqaa cororsaa jedhu argate.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016

Recommended For You