Eeggattummaa hambisuun lammiileen wabii midhaan nyaataatiin akka of danda’aniif lafa bicuu qabanirratti aadaan misooma inisheetiiviiwwan gara garaarratti bobba’uu akka cimuuf kallattii mootummaan kaa’e hordofuun kanneen hojiitti galan hedduun fayyadamoo ta’aa jiru.
Inisheetiiviiwwan misooma lukkuu, buuphaa, fuduraafi muduraa, aannan, damma, qurxummii, kanamalees misooma qonna hundagaleessaa kompoostiin deeggarame babal’isuun akka lammiileen wabii midhaan nyaataatiin of danda’aniif, gabaan akka tasgabbaa’uuf , muuxannoon lafa xiqqoorratti hedduu misoomsuu akka babal’atu taasiseera.
Gama biraatiin tarsiimoo mootummaan gama kanaan kaa’e kun lammiileen wabii midhaan nyaataatiin of danda’uurra darbanii gabaa alergiifillee dhiyeessuun bu’aa buusuu akka danda’anif haala mijataa uumeera.
Tibbana wayita dhimma hojiif gara Godina Shawaa Bahaa, Magaalaa Mojoo deemnetti tarsiimoo misooma insiheetiiviiwwanii mootummaan kaa’e hordofuun hojiitti galanii wabii midhaan nyaataatiin of danda’uurra darbanii gabaa tasgabbeessuu kanamalees fuduraalee gara garaa sadarkaasaanii eeggatan gabaa alergiif dhiyeessuuf qophaa’an daawwannee turre.
Oyiruu hektaara tokkorratti kan hinjirre ‘hinjiruu’ qofa sadarkaa nama jechisiisurra gahuun gorsa ogeessota misooma qonnaatiin hordofuun dirree qullaa ture fuduraafi muduraadhaan misoomsanii jannata lafarraa fakkeessuun ofiirra darbanii carraa hojiillee namoota hedduuf banuun fakkeenyummaan kan ka’u keessaa dhaabbanni WK Farmi isa tokko.
Inisheetiiviiwwan oyiruusaaniirratti misoomaa jiran maalfa’i; akkamiin jalqaban, har’a maalirra jira isa jedhu ilaalchisuun Maanaajara Dhaabbata WK Farmi Obbo Sintaayyoo Abarraa waliin turtii Bariisaan taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Dhaabbanni WK Farmi yoom hundaa’e; hojiilee inisheetiivii misoomaa maal maalis hojjetaa jira?
Obbo Sintaayyoo: Dhaabbanni WK Farmi kan hundaa’e waggaa afur dura. Jalqaba misooma lukkuurratti bobbaanee lukkuufi buuphaa gabaaf dhiyeessaa turre. Erga bu’uusaa adda baasnee arginee booda dachaan misoomsuun hojii misooma lukkuufi buuphaarratti bobbaanee gabaa tasgabbeessaa ofiifis fayyadamaa jirra.
Bariisaa: Misooma lukkuu eegaltan kana babal’isaa jiraachuu kaastaniittuutii yeroo ammaa lukkuu hammam qabdu?
Obbo Sintaayyoo: Lukkuun yeroo ammaatti qabnu 6500. Kanneen buuphaansaanii gabaaf dhiyaatu akkuma jiran kanneen fooniif gurguramanis hedduudha.
Bariisaa: Silaa lukkuu 6500 qabdu. Kanneen kana keessaa guyyaatti buuphaa hangam gabaaf dhiyeessitu?
Obbo Sintaayyoo: Dhugaa dubbachuuf salphaatti guyyaa tokkotti buuphaa 5000 gabaaf dhiyeessaa jirra.
Gatiin buuphaa itti gurgurru kun kan gabaarraa adda. Sababnisaas baadiyyaa keessa waan jirruuf akka hawaasni naannawaa fayyadamaa ta’uuf kan akeekeedha. Galiin buuphaa kanarraa argamaa jirus olaanaadha.
Bariisaa: Jalqabbii keessan kana argee qonnaan bulaan muuxannoo horsiisa lukkuufi buuphaarratti isinirraa fudhate jiraa?
Obbo Sintaayyoo: Qonnaan bulaan naannawaa keenyaa muuxannoo fudhachuurratti adda dureedha. Kanneen sosochii insiheetiivii nuti eegalle giddugaleeffatanii horsiisa lukkuufi buuphaarratti bobbahan fayyadamaa ta’aa jiru. Nyaata madaalawaa ilmaansaaniif dhiyeessuurra darbanii gabaafillee hafaa jiru.
Aadaan kun ammallee gabbachuu mala. Sababnisaas waan hunda gabaarraa eeguun deega farrisuu waan ta’eef lafa xiqqoo qabnurratti misoomaalee sasalphaa horsiisa lukkuu, raafuu, kurunbaa, qullubbiifi fuduraalee gara garaa babal’isuun aadaa jajjabeeffamuu maluufi fayyadamummaa hawaasaas mirkaneessuudha.
Bariisaa: Misooma lukkuutiin ala aannanillee gabaaf dhiyeessaa akka jirtan kaastaniittu. Loon aannanii hammam qabdu, aannan hangamiis gabaaf dhiyeessitu?
Obbo Sintaayyoo: Loon aannanii 12 qabna. Loon kanneenirraa guyyaatti aannan liitira shantama gabaaf dhiyeessina. Gatiin gabaaf itti dhiyeessinus haala hawaasa nannawaa kan giddugaleeffate yoo ta’u, irra caalaatti aaannan haaraa kan hinbubbulle waan ta’eef baay’ee gurguramaa jira.
Bariisaa: Loon aannanii isin yeroo ammaa qabdan sanyiinsaanii kan maaliiti, aannan kennuurratti hoo akkami?
Obbo Sintaayyoo: Sanyiin loon aannanii kanneenii kan Booranaa, Hoolaandiifi Ameerikaati.
Nyaannisaanii sirriitti sadarkaasaa eeggatee qulqullinnisaanii eegamnaan kudha lamaansaanii guyyaatti liitira 100 ol kennu.
Muuxannoo gama kanaan gonfannes qonnaan bultoota naannawa keenyaa fayyadamaa taasisaa jira. Qonnaan bulaan gara oyiruu keenyaa dhufe marti muuxannoo hedduu hammaarratee gala. Kanaanis kan fayyadame hedduudha.
Bariisaa: Aannan isin guyyaatti gabaaf dhiyeessitan kana qulqullina isaa eeguuf teknolojiitti hammam fayyadamtu?
Obbo Sintaayyoo: Dhugaa dubbachuuf loon aannanii keenya osoo harkaan hintaane maashiniin elmamu. Kanamalees hanga aannanichi gabaaf dhiyaatutti maashinii itti kuufamu qaba. Kanaaf dhibeef ykn faalamaaf kan saaxilame miti jechuudha.
Bariisaa: Gama misooma lukkuufi loon aannaniin hojiin jalqabdan kun bu’aqabeessa akka ta’uuf deeggarsi ogeessa qonnaa jiraa?
Obbo Sintaayyoo: Hojii gama kanaan hojjennu mara keessatti hordoffiifi deeggarsi ogeessa misooma qonnaan nuu taasifamu olaanaadha.
Ogeessota misooma qonnaatiin ala qaamonni mootummaallee dhufanii haala nuti itti jirru hordofaa nujabeessaa jiru. Sosochichi hawaasa hunda kan fayyadu keessumaa gabaa tasgabbeessu keessattillee shoora olaanaa akka taphannu nu taasiseera.
Yeroo qaala’insi gatii gabaa dachaan dabalaa turetti buuphaas ta’e aannan kanamalees lukkuullee gatii madaalawaan gabaaf dhiyeessinee tasgabbeessaa hawaasa naannawaas fayyadamaa taasisaa turreerra, ammas ittuma jirra.
Bariisaa: Misooma lukkuu, buuphaafi aananiin ala gama inisheetiivii fuduraarratti hojiin hojjetaa jirtanoo maal fakkaata, maal maalis omishtu?
Obbo Sintaayyoo: Buuphaa 5000fi aanaan guyyaatti gabaaf dhiyeesinuun ala inisheetivii fuduraalee gara garaanis hojiilee guguddoo hojjetaa jirra.
Akka fakkeenyaatati fudhannee yoo ilaalle fuduraalee akka avokaadoo, burtukaana, paappaayyaa, giishxaa, muuzii, loomii, maangoo, appilii, zayituunaa, shankooraafi fuduraalee alaa galan gara garaa hedduu oyruu keenya hektaara tokkorratti misoomsaa jirra.
Bariisaa: Fuduraalee oyiruu keessan jannata lafarraa fakkeessan kana dhaabbileef dhiyeessitumoo hawaasa naannawaaf dhiyeessitu laata?
Obbo Sintaayyoo: Buuphaa, lukkuu, aannaniifi fuduraalee gara garaa keenya dhaabbileenis ta’e hawaasni naannawaa dhufanii gatii madaalawaan nurraa fudhatu.
Inni guddaan dhaabbata keenya adda taasisu yoo jiraate dhiyeessiiwwan keenya marti haaraadha. Kan hinturre, qilleensa hamaaaf kan hinsaaxilamneefi battala oyiruurraa funaanamaniin gabaaf kan dhiyaatan waan ta’eef daran filatamoodha.
Barisaa: Hojiin keessan wabii midhaan nyaataatiin of danda’uufi gabaa tasgabbeessuurratti kan xiyyeeffatedhamoo isarra kan darbeedha?
Obbo Sintaayyoo: Gaaffii sirrii nagaafatte. Dhugaa dubbachuuf kaayyoon keenya dheeraadha. Sababnisaas wabii midhaan nyaataatiin of danda’uufi gabaa tasgabbeessuu qofa osoo hintaane sharafa alaa argamsiisuufillee cichinee hojjetaa jirra.
Bariisaa: Omishoota misoomsaa jirtan hedduu kanneen keessaa kan gabaa alergiif qophaa’an jiruu, yoo jiraatan maal fa’i?
Obbo Sintaayyoo: Yeroo ammaa fuduraa avokaadoo gabaa alergiif dhiyeessuun sharafa alaa argamsiisuuf hojiitti jirra. Mul’anni keenya akka dhugoomuuf humna guutuun hojiitti jirra. Omishni avokaadoo gabaa alergiif qophaa’aa jiru sanyiinsaa alaa kan galedha, kanamalees saayinsiin qoratamanii kanneen omishtummaansaanii dachaa ta’e yoo ta’an yeroo dhiyootti gabaa alergii keessa seenuuf jirra.
Dhugaa dubbachuuf inisheetiiviin misoomawwan fuduraa mootummaan xiyyeeffannoo kenneefii lammiileen hojiitti akka galan taasise kun lammiilee hedduu fayyadamaa taasisaa jira, nus qaamota fayyadamoo ta’an keessaa warra jalqabaati jechuu dandeenya. Inisheetiivota gara garaarratti bobbahuuf lafa guddaa ykn baay’ee qabaachuun dirqama hinta’u.
Sababnisaas mul’anni jijjiiramaa nukeessa bullaan lafa xiqqoorratti waan baay’eefi qulqullina qabu misoomsuun akka danda’amu ofirratti argineerra. Warreen muuxannoo nurraa fudhatanis fayyadamaa ta’anii waan argamaniif waan haalamu miti.
Bariisaa: Akkuma isinuu dura kaastan oyiruu keessanirra kan hinjirre ‘hinjiruu’ qofa. Gama misooma dammaatiinoo maalirra jirtu?
Obbo Sintaayyoo: Gama kanaanis gaagura aadaa tokko jennee fayyadamaa turre. Kan ammayyaatiin bakka buusuun misooma dammaa keenya dachaan dabalaa jirra.
Kanniisonni keenya damma omishuuf fagoo hindeemani. Akkuma atuu argitu kana fuduraaleen oyiruu keenyarra jiran marti kanneen abaaboowwan gara garaa qabaniidha. Kanaaf asumarraa xuuxanii asumatti damma dammeessuun oyruu keenya hundagaleessa taasisaa jirra.
Muuxannoon kun kan dhaalamuu qabuudha. Namoonni hedduun nurraa fudhatanii fayyadamaa jiru. Omisha dammaatiinis wabii midhaan nyaataan of danda’uurra dabarree gabaa tasgabbeessaa jirra. Damma kichuutu murama. Makaa hinqabu. Kanarraa kan ka’e barbaadamummaan misooma keenyaa daran olaanaadha.
Bariisaa: Mi’eessituuwwan namoonni gabaarraa bitatan marti as keessa jiru jechuun nidanda’amaatii akkamiin yaadattanii dhaabdan?
Obbo Sintaayyoo: Mi’eessituuwwan qofa otoo hintaane biqiloonni qorichaaf oolanillee osoo hinhafiin misoomsaa jirra. Oyruu hundagaleessa waan qabnuuf kan hinjirre hnjiruu qofa jenneerra.
Mi’eessituuwwan akka roozmariinoo, siqaaqimee, dinbilaalaa, cilaattaama (ciraakkota), qaaraa, arrittii (daalee), damaakaseefi geeshoofaa guutaniiru.
Bariisaa: Wayituma oyiruu keessan keessa naannofnee daawwannetti poondiin horsiisa qurxummii jiraachuus argineerra. Misooma qurxummiis hojjetaa jirtuu?
Obbo Sintaayyoo: Eeyyee. Qurxummiin nyaata madaalawaa namni kamuu nyaachuu qabu, haala salphaan horsiisuun fayyadamummaa ofii mirkaneessuun akka danda’amu qabatamaan agarsiisneerra.
Poondii mataa keenyaa qopheessinee sanyiisaanii finnee itti naquun horsiisnee ofiis fayyadamaa gabaafis dhiyeessaa jirra. Akaakuuwwan qurxummii akka ambaazzaafi qorosoofaa horsiisaa jirra.
Inni guddaan yoo kunuunsiifi hordoffiin taasifameef heddumminaan irraa fayyadamuun akka danda’amu qabatamaan agarsiisaa jirra.
Kunillee muuxannoo dhaalamuu qabu yoo ta’u, qonnaan bultoonni dhufanii daawwatan oyiruusaaniirratti misoomsuun fayyadamaa gabaafis dhiyeessaa jiru. Jalqabbiin inisheetiiviiwwanii kunniin dachaan dabalaa deemuun jajjabeessaa yoo ta’u, keessumaa eeggattummaa maqsuufi gabaa tasgabbeessuu keessatti shoora guddaa kan taphatuudha.
Bariisaa: Bittaan nyaata qurxummii gatiinsaa qaalii ta’uu danda’a. Kanarraa kan ka’e baasii humnaa oliif saaxiluu waan danda’uuf falli gama kanaan taa’eefi akka muuxannootti dhaalamuu qabu jiraa?
Obbo Sintaayyoo: Dhimmi kun namoota misooma qurxummiifi lukkuurratti bobba’aniif yaaddessaa ta’aa jira. Ta’us lukkuufis qurxummiifis baasii humnaa olii baasanii bituurra falli addaa tokko baasiin itti hir’atu jira.
Innis lukkuuwwan hedduu qabna. Balfa lukkuulee tajaajila nyaata qurxummiif akka oolu mala dhoofneerra. Bakka poondiin qurxummii jirutti olkaasnee mana bultii lukkuulee ijaarreerra.
Balfa lukkuulee gaaraa harca’u qurxummii poondicha keessa jiran 200 oliif nyaata ta’ee tajaajila. Aadaan kun kan gabbachuu qabuudha. Irrakeessaan bultii lukkuulee jalaan poondii qurxummiin itti hortu qopheessuun lukkuulee keenya qofaaf nyaata dhiyeessuu qofti gahaadha. Sana booda balfisaanii qurxummii keenyaaf nyaata ta’ee tajaajila.
Bu’uuruma kanaan yoo rakkoon addaa mudateen ala lukkuulee horsiisna taanaan nyaata qurxummiif baasii olaanaa baasuun hinbarbaachisu.
Bariisaa: Hojiin keessan misooma qonnaa hunda kan of keessatti hammateedha. Beeladoonni keessan dhukkubsachuu danda’u. Omishaafi omishtummaan fuduraa kan dammaa hir’achuu danda’a. Hudhaa gama kanaan jiru furuuf deeggarsi ogeessotaa jiraa?
Obbo Sintaayyoo: Dhugaadha, hojiin ogeessaan hindeeggaramne omishtummaarratti rakkoo godhachuunsaa hin oolu. Akkuma atuu kaastee hudhaa gama kanaan jiru furuuf jecha ogeessa yaalaa beeladaa qacarannee qabna. Horiin aanannii, lukkuuleen keenya dhibeef yoo saaxilaman kan yaaltu qabna.
Ogummaa veternariin eebbifamtee dhaabbata keenya keessatti mindeeffamtee hojjetaa jirti. Hordoffii ogummaa waan taasistuufis yoo dhukkubsatan nuu yaalti. Omishaafi omishtummaansaanii dachaan akka dabalu gorsa ogummaa kennitti.
Mala qabiinsa aannaniirrattis ittifayyadama meeshaa elmituu keenyaarrattis hordoffiifi deeggarsa taasisuun misooma inisheetiivii keenyaaf tumsa taasisaa jirti.
Bariisaa: Gama misooma fuduraaleettin isin deebisaatii, callaan omishtummaan keessan gama fuduraatiin jiru akka dabaluuf guddistuu callaa, farra aramaafi ilbiisotaa fayyadamaa jirtuu?
Obbo Sintaayyoo: Fuduraalee misoomsinuuf irra jireessaan guddistuun callaa nuti fayyadamnu kompostii uumamaati. Kompostii raammoofi dikee looniirraa hojjetamu oyruu keenyarratti qopheessina.
Asirratti wanti beekamu qabu baalli fuduraalee dikeen (dhoqqeen) loonii bakka tokkotti kuufamee tajaajila kompostii aadaatiif akka oolu taasifama.
Bu’uuruma kanaan balfawwan walittiqabnee dhoqqee looniin maknee kompostii omishnu nyaata fuduraalee keenyaaf oolchuun misoomicha si’eessaa omishaafi omishtummaa keenya dachaan dabalaa jirra.
Keemikaalota hedduu hinfayyadamnu. Sababnisaas qabiyyee albuuda biyyee waan miidhaniif mala aadaatiin fayyadamnee fuduraalee keenya misoomsaa jirra.
Bariisaa: Bakkeewwan tokko tokkotti dhibeen misooma fuduraalee akka burtukaanaa hubu, kan guddinasaanii quucarsuufi baalasaanii nyaatu mudachuu danda’a. Yeroo kana maal gootu?
Obbo Sintaayyoo: Dhugaa dubbachuuf dhibeewwan fuduraa huban keessumaa kanneen akka burtukaanaa miidhan jiru. Yeroo akkanaa keemikaala nifayyadamna. Garuu erga dhibichi irraa badeefi humni keemikaalichaas tajaajilasaa fixee fuduraan sun sassaabamee gabaaf oola.
Keemikaalli fuduraa qofaaf miti dhibee lukkuu hubuu danda’u maqsuuf namni akkuma barbaade kopheedhaan dhibee fuudhee akka itti hinseenneef keemikaalli balbalarraa kaa’amee miilaan erga irra jaajjee booda akka olgalu taasifama.
Walumaagalatti bakkeewwan yaaddoon omishaafi omishtummaa keenya miidhuu dandahu mudatutti tajaajila yaala fayyaafi biifaan keemikaalaa nitaasifama.
Tarkaanfiin kun takkaan fuduraa haaraa kanamalees bu’aa beeladaa ho’aafi qulqulluu ta’e gabaaf dhiyeessuuf kan gargaaru waan ta’eef xiyyeeffannoon hojjetama jechuudha.
Bariisaa: Akkuma isinuu kaastan maamilli bu’aalee misooma keessanii barbaadu hedduudha. Isaan kunniin bifa kamiin isinirraa bitaa jiru, giddugala gabaa qabduu?
Obbo Sintaayyoo: Dhaabbileen gara garaa dhufanii oyruu keenyarratti argamuun waan fedhan ho’aasaa bitatanii deemu. Ta’us haala kanaan maamila keessummeessuun waan hindanda’amneef galma oyruu keenyaarratti bakka gurgurtaa qopheessuun gabaaf dhiyeessaa jirra.
Haata’u garuu bakka dhaabbiin omishni fuduraaleefi bu’aalee beeladaa keenya itti dhiyaatu giddugalli gabaa osoo jiraate warra bitatuufis warra gurguratuufis waan mijatuuf qaamni mootummaa akka nudeeggaru barbaanna.
Bariisaa: Misoomawwan inisheetiivii gara garaa gabaa tasgabbeessuufi lammiileen wabii midhaan nyaataatiin akka of danda’an taasisuun ala carraa hojiis uumuu keessatti bakka olaanaa qabu. Isin gama keessaniin namoota meeqaaf carraa hojii bantaniittu?
Obbo Sintaayyoo: Misoomawwan inisheetiivii gara garaa akka biyyaatti babal’achuun takkaan namni matumasaatti lafa xiqqoo qaburratti hojii akka uummatu taasisaa jiraachuu eenyumaafuu dhokataa miti. Ta’us dhaabbata keenyatti dhaabbiin hojjettoota 20f carraa hojii uumuu dandeenyeerra. Kan guyyaammoo ji’aan hanga namoota 50 hojii humnaa kunuunsa fuduraaleerratti bobbaasnee hojjechiisaa jirra.
Lakkoofsi namoota carraan hojii uumamaafii jiruu yeroo yeroon dhaabbiinis yeroonis dabalaa deema. Dhaabbanni tokko dhaabbiin namoota 20f yoo bane kan biraas yoo dabalame kanaa olsimachuun dargaggoonni keenya miira ofitti amanamummaa akka horatan taasisuun danda’ama jechuudha.
Bariisaa: Misoomni fuduraa haala qilleensa naannawaa waaltessuu keessatti shoora akkamii qaba jettu?
Obbo Sintaayyoo: Misoomni keenya warshaa miti balfaa ykn aara gadi hinbaasu. Qilleensa naannawaa waaltessa, bakka aara galfiifi nagaa qabuudha.
Namni omishawwan keenya bitachuu dhufu bu’aa omishaalee keenyaan ala qilleensa oyiruu keenyarra jiru kan misooma magariisaan badhaadhe sana keessatti qalbiisaa qabbaneessuu danda’a, bakka aara galfii addaati jechuudha.
Dhugaa dubbachuuf misooma inisheetiivii babal’ataa jiru kanaan omisha argamu caalaa kan nama gammachiisu dachee qullaa ture ashaaraa magariisaatiin uwwisanii jannata fakkeessuun qilleensi qabbanaa’aan nagaa qabu akka danbali’u taasisuun miira namaa gammachiisa.
Dhaabbanni keenya misooma fuduraaleefi bu’aalee beeladaatiin ala duula ashaaraa magariisaa gaggeeffamaa jiru keessattis gaheesaa bahachuun daangaa oyruu keenyaafi keessoosaatti miidhagina addaa kennaniin kan badhaadhedha.
Bariisaa: Galiin misooma kanarraa argamu quufsaadhaa?
Obbo Sintaayyoo: Dhugaa dubbachuuf faayidaa ofii mirkaneessanii gabaa quufsuu caalaa wanti nama gammachiisu hinjiru. Galii jajjabeessaa argachaa jirra. Gaafa alergiitti seennummoo kanaa ol galchina jedheen abdadha.
Bariisaa: Misoomawwan inisheetiivii armaan olitti kaaasne maraaf bu’uuraa kan ta’e bishaani. Hojiilee misoomaa kanneeniif bishaan eessaa argattu?
Obbo Sintaayyoo: Bishaan namaafis ta’e uumama lafarraaf lubbuudha. Bishaaniin ala hojiilee armaan olitti eeraman misoomsuun hindanda’amu. Bu’uuruma kanaan baasii humnaa oliif akka nu hinsaaxilleef bishaan eelaa ykn boollaa mataa keenyaa oyiruu keenya keessaa qotuun haala gahaa ta’een fayyadamaa jirra. Milkaa’ina gama misoomawwan armaan olitti eeramaniif hundeen keenya bishaani. Silaa osoo nibinna ta’e fayyadamuu hindandeenyu ture.
Bariisaa: Mul’anni keessan egeree maali?
Obbo Sintaayyoo: Akkuman dura sii kaase avokaadoon keenya gaheera. Rabbi faana fuldura kana alergii jalqabuuf jirra.
Galii achirraa argamuun biyya keenyaaf sharafa alaa argamsiisuu, misoomichas babal’isuun carraa hojii namoota biroof uumuufi fayyadamummaa keenya mirkaneessuun hiyyuma seenaa gochuudha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 2 Bara 2017