Finfinnee: Qabeenya dilbii naannichaa misoomsuufi beeksisuun galii gama turizimiin argamu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Turiizimii Oromiyaa beekisise. Komishinichi Paarkiin Biyyoolessa Gaarreen Baalee Dhaabbata Barnoota Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti hambaalee qabatamaa biyyoolessaa ta’ee galmaa’uusaaf ergaa baga gammadanii dabarseera.
Komishinarri Ittaanaan Komishinichaa Naggaa Wadaajoo jala bultii ayyaana Irreecha baranaa sababeeffachuun wayita waa’ee Torbee Tuurizimii Oromiyaarratti gaazexessitootaaf ibsanitti, komishinichi waggoota sadan darban keessatti qabeenya dilbii naannichi qabu misoomsuufi beeksisuun madda galii taasisuuf hojiilee guguddoon hojjetamaniiru. Hojii hanga ammaatti hojjetameenis bakkeewwan hawwata tuuristii ta’an baay’eensaanii beekamaa jiru.
Turizimii dijitaalawaafi waltajjiiwwan guguddoo sadarkaa idiladdunyaarratti argamuudhaan hojiin turizimii Oromiyaa beeksisuu bal’inaan hojjetamaa jira. Kanaanis seektara turizimii ammayyeessuun, fayyadamummaa hawaasaa gama dinagdeetiin mirkaneessuu danda’uun carraa hojii turizimiin walqabatu uumuuf hojiilee guguddoon hojjetamaniiru.
Akka ibsa komishinarichaatti, Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin sadarkaa biyyaatti sagantaan maaddii Biyyaafi Shaggar jedhamuun qophaa’e naannolee garagaraatti gaggeeffame misooma hawwata turizimiif faayidaan turizimiirraa argamu akka dabalu taasisaa jira.
Rifoormii guddina dinagdee waggooota kudhanii sadarkaa biyyaalessaatti bocame keessaa turizimiin utubaalee guddina diinagdee biyyaa shanan keessaa tokko ta’uu himanii; mootummaan naannichaas turizimiif xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jira.
Komishinichis, bu’uura kanarraa ka’uun tarsiimoo mataasaa baafatee hojii turizimii boqonnaa lammaffaa ayyaana Irreechaa sababeeffachuudhaan torbeen turizimii Oromiyaa marsaa 3ffaan Fulbaana 13-15tti akka gaggeeffamu ibsaniiru. Saganticharratti biraandii ‘visit Oromiya’, dorgommii bareedduu Oromiyaa marsaa
3ffaafi, agarsiisni turizimii nigaggeeffama. Baadhaasi turizimii marsaa 3ffaa sirna kenniinsa sagaleen fooyyessuun marsariitiin gaggeeeffamaa jira jedhaniiru.
Sagantaa kanarratti qaamolee garagaraa biyya keessaafi alaa, qaamolee daawwachiistotaa, daandii xiyyaaraa Itoophiyaa, jila Ruwaandaafi Yugaandaa akkasumas obboloonni Keeniyaarraa ni argamu. Ummatis taatee kana daawwachaa bohaaraa fayyadamaa dinagdee turizimii akka ta’uuuf qophii barbaachisaan taasifameera jedhan.
Badhaasaa turizimiifi bareedduu Oromiyaa (miss tourism) Fulbaana 15, agarsiisa guyyoota sadan guutuu hoteela Iskaayilaayititti akka gaggeeffamu himanii; Waggoottan sadan darban keessatti hojii qabeenya dilbii Oromiyaan qabdu misoomsuufi beeksisuu hojjetameen tuuristoota biyya keessaa daawwachiisuun galii qarshiin biliyoona 15 seektaricharraa argamuus ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016
2 Comments to “ Qabeenya dilbii naannichaa misoomsuufi beeksisuun galii turizimii guddisuuf hojjetamaa jira”
Comments are closed.