Itoophiyaanonni irree tokkoomeen ashaaraa magariisaa dhugoomsaa jiru

Finfinnee: Itiyoophiyaanonni irree tokkoomeen ashaaraa magariisaa dhugoomsaa jiraachuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ibsan.

Sagantaan ashaaraa magariisaan naannawaa ofii magariisaan uwwisuu qofaa osoo hin taane biqiloota nyaataa, dawaa, omisha dammaafi nyaata loonii ta’an misoomsuun alatti dhiqama biyyee hir’isaa rooba harkisuufis shoora guddaa akka qabus ibsameera.

Doktar Abiyyi sagantaa goolabbii ashaaraa magariisaa marsaa 2ffaa waggaa 1ffaa Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Luumeerratti argamuun haasaa taasisaniin; sochii sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa lamaan biqiloota biliyoona 50 dhaabuuf karoorfame Itoophiyaanonni irree gamtoomeen biqituuwwan biliyoona 32 dhaabuun seenaa hojjataniiru.

“Aanaan Luumee waggoota afraniifi sadan darban har’aa lafa duwwaa ture. Ummatini Aanaa Luumeefi naannawaa sanii waggoota muraasa keessatti dacheesaanii magariisaan uwwisuu danda’aniiru, ammas kunuunsa ashaaraa magariisaatiin ittifufsiisuun misooama biyyee, bunaa, baala shaayii, kuduraafi muduraa mirkaneessutu Itoophiyaanota hundumarraa eegama” jedhaniiru.

Qabeenyi inni ijoon biyyattiin qabdu lafa kan jedhan Doktar Abiyyi; qabeenya uumamaafi bishaan qulqulluu dhalootatti dabarsuuf Itoophiyaanotni irree tokkoomeen hojii ashaaraa magariisaa ittifufsiisuun seenaa gadhee gara badhaadhinaatti akka jijjiiraniif waamicha dhiyeessaniiru.

Oduu walfakkaatuun, ganna bara 2016tti Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan biliyoona 5.5 dhaabuuf karoorfamuusaa Pirezdaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf ibsaniiru.

Akka ibsa Obbo Shimallisitti, gannaa dhufu sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan biliyoona 5.5 dhaabuuf qophiin eegalameera. Sanyiiwwan biqiltuu qopheessuufi hojiileen buufataalee biqiltuu irra deebiin haaromsuu hojjetamaa jira.

Oromiyaatti ganna darbe biqiltuuwwan biliyoona 4.5 dhaabuun ummatni baadiyyaafi magaalaa si’aayinaan hirmaachuunsaa bu’aa gaarii galmeessisuu himanii, biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan haga ammaatti dhaabbatan kunuunsuun hundumtuu gaheesaa akka ba’u waamicha dhiyeessaniiru. Biqiltuu hanga ammaatti dhaabbatan keessaa dhibbantaa 87 qabachuus dubbataniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016

Recommended For You

5 Comments to “Itoophiyaanonni irree tokkoomeen ashaaraa magariisaa dhugoomsaa jiru”

  1. Pingback: go to website
  2. Pingback: tải sunwin
  3. Pingback: lucabet

Comments are closed.