Irreechi bifa duudhaasaa eeggateen qofa kabajamuu qaba

Finfinnee: Irreechi bifa duudhaasaa eeggateen qofa kabajamuu akka qabu Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Ittaanaa biirichaa Obbo Birhaanuu Buuxee ibsa Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, kabajni ayyaana irreechaa safeeffannaafi duudhaa matasaa qaba; kana eenyuu irraa hir’isuus itti dabaluus hindanda’u.

Amalumasaatiin Irreechi tokkummaa, jaalalaafi walooma leellisa waan ta’eef akka duudhaasaatti qofa yoo kabajame ijaarsaafi guddina biyyaaf shoora olaanaa taphata jedhanii, namni kabaja ayyaanichaarratti hirmaatu fedhiifi ilaalcha dhuunfaa safeeffannaa ayyaanichaa miidhuu danda’an lagachuun akkaataa naamusni kabaja ayyaanichaa eeyyamuun qofa kabajuun akka irra jiraatu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, Irreechi qabeenya darbee kan ummattootni biyyattii hundi waliin qabaniidha. Irree ummata Oromoo tokko taasiseefi fedhiisaa gara tokkotti kan fideedha.

Irreecha caalaa wanti fedhiifi ilaalcha ummata Oromoo gara tokkotti fidu hinjiru, ummatni Oromoo garaagarummaa korniyaa, amantii, ilaalcha siyaasa, umriifi garaagarummaa birootiin osoo hindaanga’in sababa Oromummaasaatiin kan hirmaatudhas jedhan.

Irreechi bara 2016 bifa sadarkaasaa eeggateen dammaqinaan akka kabajamuuf biiroonsaanii qooda fudhattoota garagaraa waliin keessattuu Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee faana karoora waloo baasee hojjetaa akka jirus ibsaniiru.

Ayyaanichi karaa nagayaa akka kabajamuuf Finfinnee kutaalee magaalaa hunda keessatti mariin jiraattota magaalichaa hirmaachise sadarkaa sadarkaadhaan taasifamaa jiraachuu, kabajaafi ulfina ayyaanichaa ol kaasuuf sabootaafi sablammootni kuunis kabaja ayyaanichaarratti akka argamaniif qophii bal’aan taasifamaa jiras jedhaniiru.

Ayyaanichi ayyaana namni bahee sirbee gara manasaatti itti deebi’u qofa ta’uu hinqabu kan jedhan Obbo Birhaanuun; ayyaanichi ayyaana fuulli gaarii biyyattiin qabdu irratti mul’atu, kan jaalalliifi tokkummaan ummata Oromoo itti mul’atuufi waliin jireenyiifi obbolummaan saboota biyyattii irratti calaqqisu ta’uu akka qabus eeraniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

 BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016

Recommended For You

11 Comments to “ Irreechi bifa duudhaasaa eeggateen qofa kabajamuu qaba”

  1. Pingback: Las Vegas SEO Co
  2. Pingback: Jacksonville SEO
  3. Pingback: pilsakmens
  4. Pingback: Connetix Tiles
  5. Pingback: 꽁머니 2만
  6. Pingback: eat pussy
  7. Pingback: hit789

Comments are closed.