Finfinnee: Garaagarummaan aadaafi amantaa saboota biyyattii akka yaaddootti ilaalamaa ture gara carraa guddaatti jijjiiramaa jiraachuu Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa ibsan. Guyyaan bara haaraa saba Oromoo akkuma kan saboota biroo kabajamuu akka qabus hubachiisaniiru. Obbo Qajeelaan kabaja ayyaanota Mawuliidaa, Masqalaafi Irreechaa ilaalchisee Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, akka sabaatti garaagarummaan
aadaafi amantaa madda yaaddoo ta’uu baatus siyaasaan masakuu yaaluu namoota siyaasaan yaaddoo ta’uunsaa bubbuleera. Inumaayyuu kabajni ayyaanota aadaafi amantaan walqabatanii darbee darbee dhangalaatii dhiigaan dabaalamaa tureera.
Biyya aadaa, amantaafi afaan tokkoon bulaa turte keessatti sirna aaddaneessa diriirsuun matumtisaa hojii rakkoo malee halkan tokkotti milkaa’u ta’uu baatus, garuu ammoo qaamota muraasarraa kan hafe sadarkaa ummataatti walhubannaafi walkabajni jiru daran jajjabeessaa ta’uu himanii, haaluma kanaan kabajni ayyaanota aadaas ta’e amantaa sadarkaa yaaddoorraa bilisa ta’uutti jijjiiramni qabatamaan jiraachuu ibsaniiru.
Yeroo garaagaraatti kabaja ayyaanota garaagaraarratti rakkoon mudachaa kan tureef namootni siyaasaa ergaafi gochaa kaayyoo kabaja ayyaanota kunneeniin wal hinsimne calaqqisiisaa turuurraa madduu yaadachiisanii, yeroo dhiyoo as garuu ayyaanotni kunneen karaa nagaan kabajamaa jiraachuun jijjiirama tokko ta’ee hawaasni qaamaafi qalbiin caalaatti akka walitti dhufu taasisaa jiraachuu dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaatti garaagarummaan aadaafi amantaa akkuma jirutti ta’ee garaagrummaan osoo hindaangeffamin namuu ofitti fudhatee waliin nyaachuu, waliin dhuguufi waliin kabajuun cimaa jira.
Biyyootni akka Hindii kan afaan, amantaafi aadaa garaagaraa qaban garaagarumma kana akka carraatti fayyadamuun industirii fiilmiin qabeenya biliyoonaan addunyaarraa guurrachaa jiraachuu eeranii, Itoophiyaattis aadaa garaagaraa jiran ifatti baasuun cinatti imaammata industirii fiilmii baasuun hojiitti hiikuuf caasaan diriiree sochiin taasifamaa jiras jedhaniiru.
Itoophiyaan biyya Sabootaa, Sablammootaafi Ummattoota lakkoofsa baraa (Dhahaa) ofii qaban ta’uu dubbatanii, gama kanaan sabni Oromoo dhahaa mataasaa qabaatus guyyaa jijjiirama bara haaraa mataasaa akka Sidaamaan Fiichee Canbalaalaa, Hadiyyaan Yaahodee, Walaayittaan Yooyyoo Gifaataa jedhee kabajutti kabajachuu akka qabus yaadachiisaniiru.
Ministeerichis aadaawwan beekaman daran akka mul’atan gochuun dabalata warra dhokatanii jiranis soqanii ifa baasuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ifoomsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016
7 Comments to ““Garaagarummaan aadaafi amantaa yaaddootti osoo hintaane carraatti jijjiiramaa jira” – Obbo Qajeelaa Mardaasaa”
Comments are closed.