Duudhaalee ganamaa Oromoo gabbisuuf shoorri barnoota Safuu olaanaadha

Finfinnee: Duudhaa ganamaa Oromoo gabbisuufi dhaloota barsiisuu keessatti shoorri barnoota Safuu olaanaa waan ta’eef kan jajjabeeffamuudha jedhan Hayyuun Aadaa Obbo Jaatanii Diidaa.

Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Booranaatti qorataa hanga hogganaatti tajaajilaa kan turan Obbo Jaataniin yaada addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf Kamisa darbe kennaniin akka jedhanitti, Naannoo Oromiyaatti Safuu akka akaakuu barnootaa tokkootti kennamuun duudhaalee Oromoon ittiin bulaa ture gabbisuun ala dhaloota seenaasaa beekuufi jaalala biyyaa qabu horachuu keessatti gumaata guddaa qaba.

Rakkoolee biyya kanaaf sababni guddaan dhalootarratti hojjechuu dhabuudha kan jedhan Obbo Jaataniin; Safuu keessa walkabajuu, waliif yaaduu, ofittummaa osoo hintaane walqixxummaafi jaalalatu jira jedhan.

Dhaloonni biyyi tun barbaaddu dhaloota duudhaafi safuu eeguudha. Safuufi safeeffannaa ganamaa dhalootni akka beeku gochuuf barsiisuudhaan ala karaan biraa hinjiru jedhanii; Kanaan dura biyyattii keessatti namni yeroo safuu ganamaarraa maqu nama safuurraa maqee argame qeequun ala tarkaanfiin sirreessuu fudhatamaa akka hinturres yaadachiisaniiru.

Amma garuu, xiyyeeffannoo mootummaan dhalootaaf kennaa jirurraa kan ka’e safuun akka akaakuu barnoota tokkootti kennamuu eegaluun injifannoo guddaa ta’uu ibsaniiru.

Biyyattii keessatti safuurraa maquun mul’achaa jira kan jedhan Obbo Jaataniin; kanaafis walqunnamtiin saala walfakkaataa agarsiistuu ta’uu eeraniiru. Walajjeesuufi walhammeessuunis biyyattiitti iddoo hundatti mul’achaa kan jiruuf sababa biraaf osoo hintaane waan dhalootni safuurraa maqeef ta’uus dubbataniiru.

Barnootni kun faayidaa biyyattiifis ta’e faayidaa hawwaasummaafi dinagdee guddaa argamsiisuu danda’a jedhanii; gama hawwaasummaatiin, miseensota maatii barnoota kana baratan gidduutti hariiroo gaarii uumuurraa eegalee hanga biyya jaalachuufi tokkummeessuutti fayyaduu akka danda’u ibsaniiru.

Gama dinagdeetiinis carraan egeree biyya kanaa harka ijoollee har’a barachaa jiranitti gala kan jedhan Obbo Jaataniin; ittigaafatamummaa bor isaanitti kennamu bifa naamusa qabuun akka bahaniif har’a safuu barsiisuun dirqama ta’uu himaniiru.

Balaa guddaa biyya kanaa kan ta’e malaammaltummaas balleessuun kan danda’amu gaafa dhalootni safuu ganamaatti deebi’eedha jechuun ibsaniiru.

 Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Duudhaalee ganamaa Oromoo gabbisuuf shoorri barnoota Safuu olaanaadha”

Comments are closed.