‘BRICS’ irraa fayyadamuuf dandeettiin raawwachiisummaafi ga’umsi teknolojii murteessaadha

Finfinnee: Itoophiyaan garee ‘BRICS’ keessatti fayyadamummaashee dhugoomsuuf dandeettii raawwachiisummaa cimsuufi ce’umsa teknolojiirratti xiyyeeffachuu akka qabdu hayyuun dinagidee Yunivarsitii Finfinnee Pirofeesar Alamaayyoo Gadaa ibsan.

Pirofeesar Alamaayyoon ibsa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan garee ‘BRICS’ irraa fayyadamuuf hojiiwwan dandeettii raawwachiisummaa cimsan, ce’umsa teknolojiifi dhimmoota bu’aa waloorratti dandeeettii waliigaltee uumuurratti cimtee hojjechuu qabdi. Osoo isaan kanneen hojiirra hinoolchin bu’aa barbaadamu argachuun rakkisaadha.

Akka isaan jedhanitti, dinagideen Itoophiyaa sababa argama biyyattiin (geopolitics)n walqabatee gama daandii daldalaafi faayinaansiin dhiibbaa addunyaa jala jirti. Ta’us, garee ‘BRICS’tti miseensa ta’uusheen dhiibbaa siyaas-dingidee isheerratti aggaamamu qolachuuf hanga tokko carraa argatteetti.

Sababa argama biyyasaanii (geopolitics) irraa ka’uun biyyootni dhihaa pirojektii daandii daldalaa Indiyaarraa eegalee galaana diimaa qaxxaamuree garba Meditiraaniyaatti ce’u ifoomsuu himanii; haaluma walfakkaatuun gareen ‘BRICS’s inisheetivii daandiifi riqichaa (road and bridge initiative) jedhamu Beejiingirraa eegalee Ardii Eeshiyaa qaxxaamuree galaana diimaa, Itoophiyaa, Jibuutii hanga Afrikaa kibbaatti fuulla’u tolfachuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Itoophiyaan sababa haala kallattii argamasheen dhiibbaa irra ga’u jalaa miliquuf miseensa garee ‘BRICS’ ta’uun faayidaa qabeessa akka ishee taasisu ibsaniiru. Miseensa ‘BRICS’ ta’uun omishashee miseensota garee ‘BRICS’tti gurguruunis ta’ee irraa bituun daldalaan fayyadamtuu taasisuurra darbee faayinaansii ce’umsa dinagdeef barbaachisu akka argattu taasisa jedhaniiru.

Biyyoota dhiyaas ta’e ‘BRICS’ Afrikaarratti ashaaraasaanii kaa’anii darbuu akka barbaadan himanii; Itoophiyaan dhiibbaa gareewwaniirraa bilisa ta’uun fayyadamtuu ta’uuf dandeetti raawwachiisummaashee gabbifachuu, ce’umsa teknolojii mirkaneessuufi dandeettiin dhimmoota bu’aa waloorratti waliigaltee uumuu cimsuu akka qabdus hubachiisaniiru.

Jalqabarratti fedhii garichaafi fedhii Itoophiyaa addabaasuun bu’aa biyyaa walbira qabuun dandeettii waliigaltee cimaa uumamuu qaba. Ittaansee dandeettii raawwachiisummaa cimaan mirkaneessuu, keessumaa dandeettiin raawaachiisummaa hannaarraa bilisa ta’eefi pirojektota yeroon xumuruu dandeessisu horachuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Yoo kun ta’uu baate osoo pirojekitichi hojjetamee hinxumuramin yeroon ittiliqii deebisan akka ga’u himanii; dandeettiin ce’umsa teknolojiifi sirni bulchiinsa garichaa dhugoomsuun Itoophiyaa garicharraa fayyadamtuu taasisuun nidanda’ama jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016

Recommended For You

4 Comments to “‘BRICS’ irraa fayyadamuuf dandeettiin raawwachiisummaafi ga’umsi teknolojii murteessaadha”

  1. Pingback: altogel rtp

Comments are closed.