Finfinnee: Balaa lolaa tibbana naannoo Gaambeellaatti mudateen namootni kuma shaniifi 101 qe’eesaaniirraa buqqaa’uufi qabeenyi qarshii biliyoonatti lakkaa’amu manca’uu Biiroon Tajaajila Ittisa Sodaa Balaa Naannichaa beeksise. Bara 2015 balaa lolaan namooti kuma 30 ta’an qe’eesaaniirraa buqqa’uus yaadachiiseera.
Bakka bu’aan biirichaa Obbo Luul Goonyii ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf Roobii darbe kennaniin akka jedhanitti, jalqaba baatii Fulbaanaa lagni Baaroo guutuun balaa lolaa magaalaa Gaambeellaa mudateen namootni kuma 5fi 101 qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru. Balaan kun kan bara darbeen yommuu walbira qabamu salphaa ta’us miidhaan dhaqqabe guddaadha.
Akka ibsa Obbo Luulitti, bara 2015tti balaan lolaa Godina Nyuweeriifi Anyuwaakitti aanaalee 13 keessatti qaqqabeera. Balaa qaqqabeenis manneen jireenyaafi meeshaaleen hawaasni itti fayyadamu hedduun barbaadaa’eera. Beeyiladootni baay’een dhumuun namooti kuma 30 qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru.
Balaan lolaa sun baatii Hagayyaa keessa kan qaqqabe ta’uu yaadachiisanii; barana garuu Fulbaana torbee jalqabaa keessa magaalaa Gaambeellaa gandoota afur keessatti qaqqabuu himaniiru.
Balaa qaqqabeenis namooti kuma shaniifi 101 ta’an buqqa’uun gariin manneen barnootaa keessa, gariinsaanii ammoo ollaafi firoottansaaniitti baqachuu himaniiru. Haga ammaatti qabeenya mancaase adda baasuun akka hindanda’mne, ragaan qabeenya manca’ee walitti qabamaa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaanis rakkoo balaa kana furuuf qaamolee mitimootummaa waliin lammiilee qe’eesaaniirraa buqqa’aniif gargaarsa barbaachisaa qaqqabsiisuf hojjetamaa jiraachuu himanii; gargaarsi gariin mootummaa federaalaarraas ergamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Koree ittisa balaa lolaa gandoota hundumaarratti ijaaruun hawaasni naannawaa balaan lolaa mudachuu malu irraa ka’ee bakka balaan lolaa hin jirre qubachuun of eeggannoo akka taasisuuf odeeffannoo balaa duraa hawaasaaf kennaa jira. Ta’us lagni Baaroo humnaa ol guutuun namoota qe’eesaaniirraa buqqisuu danda’eera.
Yeroo ammaa garuu hanga tokko lagni Baaroo hir’achaa jiraachuun namootnis bakkaa bakkatti socho’uu eegaluu himanii; hawaasni rakkoo balaa lolaa kana ittisuuf odeeffannoo balaa duraa kennamu hordofuun of eeggannoo barbaachisu akka taasisuuf waamicha dhiyeessaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016
5 Comments to “ Balaa lolaa Gaambeellaatti mudateen namootni kuma shanii ol qe’eesaaniirraa buqqa’an”
Comments are closed.