Aadaa rakkoolee karaa marii furachuu cimsachuu qabna

Aadaa rakkoolee karaa marii furachuu cimsachuun nageenya waaraa biyyatiitti fiduuf hunduu qindoominaan waliin hojjechuun barbaachisa ta’uu Komishiiniin Marii Biyyaalessaa hubachiise.

Naannoo Gambeellaatti adeemsi bakka bu’oota ajandaa filachuurratti hirmaatan adda baasuu har’as ittifufeera.

Komishinarri olaanaa Komishiinii Marii Biyyaalessaa Pirofesar Masifin Araayaa akka himanitti, rakkoolee biyyatti mudachaa jiran furuuf hunduu gahee isaa bahachuu qaba jedhaniiru.

Kanaaf immoo hunduu aadaa rakkoolee karaa marii furuu gabbifachuun nageenyi waaraan biyyatti keessa akka jiraatu gahee isaa bahuu qaba jedhaniiru.

Rakkoolee akka biyyaatti mudachaa jiran uummanni sirritti baasuuniifi ofiifis qaama furmaataa akka ta’u Komishiinichi haala mijeessaa jiraachuu beeksisaniiru.

Yeroo ammaa komishiinichi qaamolee deeggartoota waliin ta’uun naannawwaa biyyatti adda addaatti bakka bu’oota ajandaa adda baasuurratti hirmaatan filachiisu hojjechaa jira jedhaniiru.

Naannoo Gambeellaatti kaleessarra jalqabee bakka bu’oota ajandaa adda baasuurratti hirmaatan filachuus qaama kanaati jedhaniiru.

Komishiinichi har’a godina Nuweeritti kan argamana aanaalee shan keessaa bakka bu’oota ajandaa adda baasuurratti hirmaatan 180 filachiisa jira.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Aadaa rakkoolee karaa marii furachuu cimsachuu qabna”

  1. Pingback: ks quik 2000
  2. Pingback: fortnite hacks

Comments are closed.