“Qabiinsi mirga namoota to’annaa seeraa jala jiranii haala gaariirra jira” – Boordii Qorannoo Labsii Yeroo atattamaa

Finfinnee: Boordiin Qorannoo Raawwii Labsii Yeroo Hatattamaa hojiilee hanga ammaatti hojjateefi kallattiiwwan gara fuulduraa ilaalchisee kaleessa wayita ibse kennetti, qabiinsi mirga namoota to’annoo seeraa jala jiranii haala gaariirra jiraachuun ibseera. Walittiqabduu ittaantuun boordichaa Najaat Girmaa (PhD) akka ibsanitti, namoota yakkaan shakkamanii poolisii federaalaatiin qoratamaa jiran waliin marii taasisaniiru. Dhimmoota akka hanqinaatti shakkamtoota biraa ka’an fooyyessuufis hoggantoota giddugaloota manneen amala sirreessaa waliin mari’ataniiru.

 Finfinneetti manneen barnootaa adda addaa keessatti lammiileen jumlaan hidhamaa jiru jechuun olola gaggeeffamaa jiru qulqulleessuuf hoggantoota komishinii poolisii magaalattii waliin mar’ichuu eeranii; ta’us miseesonni boordichaa manneen barnootaa garagaraatti daawwannaa taasisaaniin namni mana barumsaa keessatti hidhame kan hinjirre ta’uu mirkaneessuu himaniiru.

Haa ta’u malee, shakkamtoonni Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Dajjaazmaach Wandiraad keessa jiraachuu eeruun ummata biraa isaan ga’uu himanii; fuulduratti eeruu ummataa bu’ureeffachuun sakatta’iinsi akka taasifamu ibsaniiru. Kana malees, ummatni rakkoo mirga shakkamtootaafi dhimma biroon walqabatu ilaalchisee karaa lakkoofsa bilbilaa bilisaa 8557 boordichaaf eeruu akka kennu hubachiisaniiru.

Yeroo ittaanutti naannoo Amaaraatti daawwannaan kan gaggeeffamu ta’uufi labsichaan booda taatee naannichatti raawwatame qorachuun ummataaf kan ifoomsan ta’uus dubbataniiru.

Shakkamtoonni kunneen bakka duraan itti hidhamanirraa eessatti akka geeffamaniifi maatiin argachuu dhabuun walqabatee komii bal’aa ummata biraa ka’aa jiru ilaalchisee Doktar Najaat akka jedhanitti, shakkamtoota bakkasaanii jijjiiruu ilaalchisee poolisii federaalaa waliin marii waloo taasisuun dhimmicha ummataaf ifa ta’a.

Boordiin Qorannoo raawwii labsii yeroo hatattamaa Hagayya 8, 2015tti hundaa’uun kan yaadatamuudha.

Rippoortara Gaazexichaatiin

 BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 / 2015

Recommended For You

3 Comments to ““Qabiinsi mirga namoota to’annaa seeraa jala jiranii haala gaariirra jira” – Boordii Qorannoo Labsii Yeroo atattamaa”

  1. Pingback: OBENGBET

Comments are closed.