Paarkiiwwan 24fi iddoowwan ikoo turizimii 18 haaraan iftooman

Finfinnee: Oromiyaatti paarkiiwwaniifi iddoowwan ikoo turizimii haaraan 42 kaleessa iftooman. Sirni beeksisuu iftoomsuu kunis kaleessa Magaalaa Shaggar, Bosona Subbaatti bakka pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, abbootiin Gadaafi qooda fudhattoonni dhimmichaa argamanitti adeemsifameera.

Paarkiiwwaniifi bakkeewwan ikoo turizimii kunneen qo’annoo waggaa tokkoo Komishinii Turizimii Oromiyaa, Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannawaa Oromiyaafi Dhaabbanni Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaa taasisaniin kan adda baafaman yoo ta’an, godinaalee Oromiyaa hunda kanhammatan ta’uun ibsameera.

Sirnicharratti argamuun haasawa kan taasisan pirezdaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa akka jedhanitti, Oromiyaan qabeenya uumamaafi namtolchee hawwata turizimiif oolan hedduu qabaattus misoomsuufi beeksisuu dhabuutiin faayidaan argamuu malu otoo hinargamiin hafeera. Kanaanis, faayidaaleen hawaas dinagdee, aadaafi seenaa dhabameera.

Seenaa kana jijjiiruuf waggoota sadan darban xiyyeeffannaa olaanaa kennuun hojii damicharratti hojjetameen qabeenyawwan dilbii jiran adda baasuun humna guutuun hojjechuun bu’aa barbaadamu fiduuf sochiin taasifamaa jiraachuu eeranii, hojiiwwan eegalaman kunneenis caalaatti ittifufuun fayyadamummaa ummataa akka mirkaneessaniif yeroo kamuurra akka hojjetamu ibsu.

“Paarkiiwwan haaraa 24 godinaalee 12 keessatti argaman lafa hektaara kuma 500 ol irratti hundeessuun akkasumas iddoowwan ikoo turizimiif oolan 18 lafa hektaara kuma 100 ol adda bahuun daangeffaman waliin misoomsuufi beeksisuuf carraa kan uumaniidha. Hojiin gama kanaan hojjetamu qabeenya turiizimii qabnutti fayyadamuun carraa hojii uumuufi dinagdee utubuurra darbee madaallii uumamaa eeguun aadaa, safuufi eenyummaa ummataa bakkatti kan deebisudha” jedhu.

Pirezidaanti Shimallis kaartaa qabiyyee iddoowwan hawwata turiizimii daangeffamanii godinaaleef kennaniiru.

Sagantaa beeksisuun kanaan duras dheengadda galma Waajjira Pirezdaantii Oromiyaatti paanaalii qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mariin kan taasifame yoo ta’u, kanarrattis barreeffamoonni garagaraas dhihaataniiru.

Dhaabbata Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaarraa Mohaammadnuur Jamaal barreeffama dhiheessaniin akka jedhanitti, sadarkaa naannootti hojiileen inisheetiivii guguddoo qabamanii hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, kanneen keessaa dhimmi misoomaafi eegumsa paarkotaafi bakkeewwan ikoo turizimii isa tokko. Kanaafis xiyyeeffannaa kennuun kan barbaachisu madda dinagdee taasisuurra darbee sababa lakkoofsi namaa akkaan dabalaafi magaalaan babal’ataa deemuun mancaatii qabeenya uumamaarra qaqqabu xiqqeessuufi.

Akka Oromiyaatti paarkiiwwan sadii, bakkeewwan adamoo 22fi bakkee eegumsa bineensotaa hektaarri miliyoona tokko, iddoon eegumsaa bosona uumaa lafa hektaara miliyoona 2.3 ta’u eegamaa jiraachuu himanii, qabeenya uumamaa naannichi qabu waliin caalaatti hojjetamuu akka qabu eeru.

Komishinarri Ittaanaan Komishinii Turizimii Oromiyaa Obbo Daraaraa Katamaas sektaroota misooma biyyaa mirkaneessu jedhamanii adda baafaman keessaa turiizimiin tokko ta’uu eeranii, kana hubachuunis hojiilee misoomsuufi beeksisuurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa turuufi jiraachuu ibsu. Keessumaa inisheetiivii pirezdaantiin naannichaa fudhataniin hojii bal’aan hojjetamuu kaasu.

Saamraawiit Girmaatiin

 BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 / 2015

Recommended For You

4 Comments to “Paarkiiwwan 24fi iddoowwan ikoo turizimii 18 haaraan iftooman”

  1. Pingback: Check it out here
  2. Pingback: สล็oต PG

Comments are closed.