Finfinnee: Inistiitiyuutiin Artafishaal Intalajansii Itoophiyaa appilikeeshinii sagalee gara barreeffamaatti jijjiiruufi afaanota Itoophiyaa barsiisu misoomsee hojiirra oolchuu beeksise.
Daarektarri komunikeeshinii inistiitiyuutichaa Obbo Tasfaayee Zawudee ibsa Gaazexaa Bariisaatiif dheengadda kennaniin inistiitiyuutiinsaanii appilikeeshinii tokko kan sagalee waraabbachuudhaan ykn arkaayivii keessaa galchuun gara barreeeffamaatti jijjiiruufi Afaan Oromoo, Amaariffa, Afaan Somaaleefi Tigriffa sagaleefi barreeffamaan barachuuf nama gargaaru teknolojiidhumasaatiin misoomsee tajaajilarra oolchuu ibsaniiru.
Appilikeeshinichi sagaleewwan afaanota kanneeniin waraabaman gara barreeffamaatti kan jijjiiru ta’uus eeranii, kunis dubbisaaf haala mijataa kan uumuudha.
Appilikeeshinii kanaan nagaa walgaafachuu, lakkoofsota garagaraafi maqaa guyyootaarraa kaasee haala gaariin afaan barachuuf kan gargaaru ta’uu Obbo Tasfaayeen beeksisaniiru.
Kalaqa kana hojiitti galchuuf waggaa lama kan fudhate ta’uus eeranii, appilikeeshinicha hojiirra oolchuufis ogeessonni teknoloojiifi afaanotaa iddoowwan garagaraatti argaman beekumsaafi yeroosaanii gumaachuu ibsaniiru.
Appilikeeshinichi keessumaa ogeessota miidiyaa sagalee waraabame si’aayinaan gara barreeffamaatti jijjiiruufiin yeroo kan qusatuuf ta’uu kan dubbatan Obbo Tasfaayeen, Mana Bakka Bu’oota Ummataattis marii sa’aatiiwwan dheeraa miseensotaa gara barreeffamaatti jijjiiruuf faayidaa olaanaa kenna jedhan.
Manneen murtiis adeemsa garagalcha murtoo darbee abbaa dhimmaatiif kennuuf yeroo dheeraa fudhachaa ture appilikeeshinichi yeroo gabaabaa keessatti gara barreeffamaatti jijjiiranii kennuuf daran kan tajaajilu ta’uu himaniiru.
Appilikeeshinichi otoo ‘VPN’n hinbanamiin kan hojjetu ta’uus beeksisaniiru.
Akka Obbo Tasfaayeen jedhaanitti, appilikeeshinii “Learn and Transcribe ET Lang (L&T ET. LANG)” jedhamu kana otoo ‘VPN’ hinbanin “Play Store” keessaa ykn marsariitii kana cuqaasuun https:// play.google.com/store/apps/details… mobaayiliirratti buufatanii ittifayyadamuun ni danda’ama.
Odeeffannoo waa’eedhuma afaanii kanaan walqabateen Googiliin tajaajilasaa hiikaatiin (‘Google Translate’) Afaan Oromoo, Amaariffaafi Tigriffa dabalatee afaanota Afrikaatti dubbataman 10n tajaajila kennaa jiraachuun ni beekama.
Googil waliigalaan afaanota addunyaa 24 tarree tajaajilasaa keessa kan galche yoo ta’u, afaanonni haaraan tarree ofii keessa galfate dubbattoota miliyoona 300 ol akka qabaniidha kan ibsame.
Wasanee Amaaraatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 / 2015
8 Comments to “ Inistiitiyuutichi appilikeeshinii sagalee gara barreeffamaatti jijjiiru hojiirra oolche”
Comments are closed.