Hojii eegumsa naannawaa: Itoophiyaa pirezidaantii eegumsa naannawaa Afrikaa taasise

Finfinnee: Itoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa maqsuuf hojii bal’aa hojjetteen pirezidaantii eegumsa naannawaa Afrikaa akka taatee filatamuushiitiif sababa ta’uu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannawaa Federaalaa beeksise.

Abbaa taayitichaatti daarektarri Waliigalaa Abboomamummaa Seeraa Obbo Girmaa Gammachuu ibsa addatti Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan waliigalteewwan idiladdunyaa kan eegumsa naannawaarratti mallatteessite dameewwan hundaan milkeessaa jirti.

Milkaa’inni Itoophiyaan inisheetivii ashaaraa magariisaatiin argatte wantoota yaa’ii ministeerotaa eegumsa naannawaarratti taasifamerratti pirezidaantii eegumsa naannawaa Afrikaa taatee akka filatamtuuf taasisan keessaa isa ijoodha.

Anniisaa haaromfamaatti fayyadamuunis sababoota biyyattiin hoggansa kanaaf akka geessu taasisan keessaa sababa biraa ta’uu kan ibsan daarektarichi, humna Itoophiyaan fayyadamtu keessaa dhibbantaan 98 anniisaa haaromfamaadha jedhan.

Anniisaawwan dhagaa cileefi boba’aarraa argamu otoo hintaane anniisaawwan bishaan, aduufi qilleensarraa maddanitti fayyadamuun Itoophiyaan milkaa’ina eegumsa naannawaatiif gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Yeroo dhiyootti Itoophiyaa keessatti hidhawwan bishaanii hedduun hojii anniisaa elektirikii maddisiisuu jalqabaniiru. Biyyattiin sochii omisha industiriifis ta’e qonnaaf anniisaa hidhawwan kunneenirraa maddan fayyadamti malee annisaa hinhaaromfamne hinfayyadamtus jedhaniiru.

Hojiileen gama bishaan lafa jalaa dabaluufi eegumsa biyyoorratti hojjetamaa jiranis kunuunsa naannoo irratti kutannoo Itoophiyaan qabdu kan agarsiisu ta’ee yaadachiisaniiru.

Yeroo amma addunyaan kun wantoota sadiin jechuunis jijjiirrama qilleensaa hoo’a addunyaafi badaa dhufuu lubbuu qabeeyyiitiin rakkacchaa jiraachuu kan ibsan Obbo Girmaan; rakkoolee sadan kanneen hir’isuuf Itoophiyaan biyyoota hundaaf fakkeenya ta’uurra darbee gahee leencaa taphachaa jiraachuushee himaniiru.

Akka Obbo Girmaan jedhanitti, Itoophiyaan ittigaafatamummaa kennameef fudhachuun yaa’ii jijjiirama qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ji’a afur booda Dubaayitti gaggeeffamu ni qindeessiti. Yaa’icharratti biyyattiin abukaatoo biyyoota Afrikaa ta’uun, dhiibbaa jijiirama qilleensaa biyyoota dureeyyiin dhaqqabu hir’isuuf kutannoon nihojjetti.

Itoophiyaan yaa’ii ministeerota Afrikaa dhimma eegumsa naannawaarratti Hagayya 8 hanga 16, bara 2015 Finfinneetti adeemsifamerratti Eegumsa Naannawaa Afrikaa waggoota lamaaf pirezidaantummaan hogganuuf Senegaal harkaa fudhachuunsii ni yaadatama.

Taammiruu Raggaasaatiin

 BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 / 2015

Recommended For You

2 Comments to “ Hojii eegumsa naannawaa: Itoophiyaa pirezidaantii eegumsa naannawaa Afrikaa taasise”

Comments are closed.