Saamichi keebilootaa raawwatamu addaan ciccitiinsa humna ibsaaf sababa ta’eera

Taammiruu Raggaasaatiin

Finfinnee: Saamichi keebilootaafi sibiilota humna ibsaarratti raawwatamu addaan ciccitiinsa humna ibsaaf sababa guddaa ta’uu Tajaajilli Ibsaa Itoophiyaa beeksise.

Gaggeessaa Hojii Olaanaan Tajaajilichaa, Injinar Shifarraa Taliilaa ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, saamichi bu’uuraalee misoomaa humna ibsaarratti raawwatamu yeroo ammaa heddummachaa jira. Addaan ciccitiinsi humna ibsaa sababoota garaagaraatiin uumamuu danda’us saamichi keebilootaafi sibiilootaa akkasumas, bu’uuraalee misoomaarratti raawwatamu tajaajilichaaf qormaata hamaa ta’aa jira.

Saamichi sibiilota humna ibsaa kan sarara Qooqaa-Adulaalarratti raawwatame yeroo dheeraaf uummatni naannawaa sanatti argamu dukkana keessa akka turan taasisuu himanii, kana malees, addaan ciccitiinsi ibsaa yeroo hojiin misoomaa ibsaa hojjetamuufi bu’uuraaleen misoomaa dulloomuun tajaajila kennuu dadhaban uummamuu akka danda’u ibsu.

Hojiileen misooma garaagaraa yeroo ammaa hojjetamaa jiranis % 60 sababa ta’aa jiraachuu kaasanii, tajaajilichi tajaajila si’ataa kennuuf rifoormiwwan garaagaraa raawwachuufi kanneen keessaa tokko, tajaajila ibsaa ilaalchisee aangoofi bulchiinsa sadarkaa fedaraalaa qofa ture gara naannoleefi magaalotatti gad buusuun ta’uu eeru. Kunis rakkoolee tajaajiloota ibsaan walqabatanii jiran karaa salphaa ta’een furuuf dandeessisuusaa himu.

Alseerummaa tajaajilicha keessatti hojjettoota tokko tokkoon raawwatamu hambisuun hojimaata si’ataan komii ummataa furuuf tajaajila dijjitaalawaa kennaa akka jirus dubbataniiru.

Gaggeessaan Hojii Tajaajila Ibsaa Magaala Finfinnee Doktar Gabayyoo Likkaasaa gamasaanitiin, magaalattii keessatti deeggarsa biyya alaatiifi bajata mootummaatiin pirojektonni misooma ibsaa ammayyaa’oon hojjetamaa jiraachuu ibsanii, utubaafi baattoo humna ibsaa duraan muka turan gara konkiriititti jijjiiramaa akka jirus ibsaniiru.

Pirojektonni kunneen yeroo hojjetaman humni ibsaa yeroo dheeraaf akka adda citu himanii, pirojektonni hojjetamaa jiran tajaajila ibsaa ammayyeessuuf kan gargaaran ta’uu himu. Haalli qilleensa tibbanaas addaan ciccituu humna ibsaatiif sababa biraa ta’uus ni ibsu.

Akka qorannoo taasifameetti magaalicha keessatti ji’oota darban keessatti iddoowwan 148 keessatti addaan ciccitiinsi ibsaa irra deddeebiin mul’achuu eeranii, saamicha tajaajilicharratti raawwatamaa jiru hambisuuf uummatni eeruu kennuu akka qabus Doktar Gabayyoon ni gaafatu.

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 26 / 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Saamichi keebilootaa raawwatamu addaan ciccitiinsa humna ibsaaf sababa ta’eera”

  1. Pingback: steenslagfolie
  2. Pingback: Jaxx Liberty

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *