“Ummattoonni Afrikaa cimina tokkummaa ardittiitiif hojjechuu qabu”- MM Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: Ummattoonni Afrikaa abbootii Gamtaa Afrikaa hundeessan hordofuun ciminaafi tokkummaa Afrikaatiif akka hojjetan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad waamicha dhiheessan.

Ayyaanni hundeeffama waggaa 60ffaa dhaabbata tokkummaa Afrikaa duraanii Gamtaa Afrikaa ammaa Finfinnee, waajjira muummeesaa, Galma Neelsan Maandeellaatti dheengadda kabajame.

Ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad, ambaasaaddaroonni biyyoota addaddaa teessoonsaanii Finfinnee ta’e, miseensonni hawaasa dippilomaatikiifi keessummoonni waamichi taasifameef sirnicharratti argamaniiru.

Ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahmad haasawa taasisaniin, waggaa 60 har’aa hoggantoonni biyyoota Afrikaa 32 Finfinneetti argamanii chaartarii hundeeffama gamtichaa mallatteessuusaanii yaadachiisaniiru.

Gamtaan Afrikaa yeroo ammaa biyyoota miseensota 55 kan qabu yemmuu ta’u, waltajjii addunyaarratti iddoo guddaa qabaachuusaa eeranii, haala kanaan faayidaa ardiittiifi ummatashee kabachiisuuf dandeessisuu dubbataniiru.

Haa ta’u malee abbootiin Gamtaa Afrikaa hundeessan waadaawwan chaartarii hundeeffama gamtichaarratti barreessaniifi fedhiilee ajandaa 2063 irratti eeraman guutummaatti raawwachuuf baay’eetu hafa jedhan.

Tokkummaafi walabummaan abbootiin Gamtaa Afrikaa hundeessan chaartarii hundeeffama gamtichaarratti xiiyyeeffannoo kennaniif ta’uu eeranii, kanneeniifi dhimmoonni kana fakkaatan ammallee xiyyeeffannaa kan barbaadaniifi yaaliiwwan waloo cimuu kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Abbootii Gamtaa Afrikaa hundeessan hordofuun ummattoonni ardittii cimina gamtichaatiif akka hojjetan waamicha dhiheessaniiru. Hiyyummaan, malaammaltummaafi rakkooleen caaseffamaa ammallee qormaata Afrikaa ta’uus eeraniiru.  Rakkoolee kanneen hir’isuuf baay’ee hojjechuun akka barbaachisu kan ibsan Doktar Abiyyi, qabeenya Afrikaan qabdutti sirnaan ittifayyadamuun badhaadhuuf walta’iinsaan hojjechuu qabna jedhan.

Dhageettii bakka bu’ummaa idiladdunyaa Afrikaan waltajjiiwwan addunyaarratti qabdu cimsuuf taasifamu cimuu akka qabu eeraniiru. Kanaafis mana maree dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti akkasumas garee 20fi garee 7 keessatti hirmaannaa akka qabaattu hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Afrikaa barbaannu uumuuf hojiiwwan jalqabne ittifufsiisuu qabna kan jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad, Itoophiyaan qooda irraa eegamu nibahatti jechuun mirkaneessaniiru.

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 19/ 2015

Recommended For You

16 Comments to “ “Ummattoonni Afrikaa cimina tokkummaa ardittiitiif hojjechuu qabu”- MM Abiyyi Ahmad (PhD)”

  1. Pingback: som777
  2. Pingback: Billes & Co
  3. how to buy clomid no prescription [url=http://clomidrexpharm.com/#]clomid rex pharm[/url] get generic clomid price

  4. 1 mg prednisone daily [url=http://prednisoneraypharm.com/#]purchase prednisone from india[/url] prednisone brand name india

  5. prescription for amoxicillin [url=http://amoxilcompharm.com/#]Com Pharm[/url] how to buy amoxicillin online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *