Finfinnee: Bu’uura waliigaltea Piritooriyaatiin Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa kaleessa meeshaalee waraanaa garee hidhattoota ABUT harkaa fuudhe.
Waliigaltee nageenyaa taasifamerratti hundaa’uun walharkaa fuudhiinsi meeshaalee guguddoo raawwatamuun kan yaadatamu yoo ta’u, walharkaa fuudhiinsi kan kaleessaas qaamuma kanaa ta’uudha kan eerame.
Walharkaa fuudhiinsichi kan raawwatame bakka addaa Magaalaa Maqalee maddiitti argamuufi Laaccii jedhamee waamamutti yoo ta’u, sirnicharratti taajjabdoonni Gamtaa Afrikaa argamaniiru.
Bakka bu’aan Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Darribee Makuriyaa akka ibsanitti, walharkaa fudhiinsi meeshichaa qaama waliigaltee nageenyaa keessaa tokko. Kanaanis meeshaalee waraanaa garee jiddugaleessa jedhaman fuudhuusaanii eeraniiru.
Bakka bu’aan humnoota hidhattootaa ABUT Birgaadeer Jeneraal Migbaay Hayila gamasaaniitiin walharkaa fuudhiinsi meeshaalee garee bu’uuruma waliigaltee nageenyaatiin raawwatamuu ibsanii, raawwatamummaa waliigaltee nageenyaatiif qoodasaanii gumaachaa jiraachuu dubbataniiru. Nageenyi maniisaanii jalqabaafi dhumaa ta’uus eeraniiru.
Gamtaan Afrikaa sirna walharkaa fuudhiinsichaa kan taajjabaniifi miseensi koree walharkaa fuusistuu Birgaadeer Jeneraal Teefoo Sokolee walharkaa fuudhiinsichi waliigalteen nageenyaa haala gaariidhaan raawwatamaa jiraachuusaatiif agarsiistuudha jedhan.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 19/ 2015
4 Comments to “ Raayyaan Ittisaa meeshaa garee ABUT harkaa fuudhe”