Waaqshuum Fiqaaduutiin
Finfinnee: Oromiyaan galaana qabeenya roga maraati yoo jedhame yoo xiqqaate malee dubbii harbeessuu hinta’u. Wayita Obbo Shimallis Abdiisaa “Oromiyaa ni jijjiirra, Itoophiyaa ni utubna, gaanfa Afrikaa ni tasgabbeesina,” jedhan kuufama Oromiyaan qabdutti amananii malee abjuu hinmilkoofneen nama onnachiisuuf miti. Warraaqsi Dinagdee Oromiyaa eegalames mul’ata yaadame kanaaf
mootora ta’uunsaa ifa galaadha. Obbo Mootummaa Tamasgeen Daarektarri Olaanaa Zoonii Dinagdee Gadaa yommuu ta’an qixa sirriin hojiirra oollaan qabeenyi Oromiyaa Oromoo jijjiiruurra darbee akkuma Obbo Shimallis jedhan Afrikaafuu gaachana ta’uu dubbatu.
Zooniin dinagdee kun lafa heektara kuma 24 irra kan hafatu yommuu ta’uu hojmaataafi seeraa addaan kan hogganamuudha. Zooniin kun qaama Warraaqsa Dinagdee Oromiyaa ta’us haalaafi amalaan daran ammayya’aadha. Rakkoo sharafa alaa furuus industiriiwwan kilaastara 13tti qoodaman industirii suphaa konkolaataa dabalatee omishaalee qulqullinaan sadarkaa addunyaarratti dorgamaa ta’an omishuun akka ibsa Obbo Mootummaatti fagoo hintaatu.
Pirojektiin kun guutummaatti xumuramuuf waggaa 40 gaafatus boqonnaa jalqabaa kanatti hojiin bu’uuraalee misoomaa diriirsuun eegalameera. Lafti heektaarri kuma sadii jalqabbii hojiif yaadame keessaa heektarri kuma tokko yeroo waggaa 10 hincaalle keessatti xumuramanii omisha jalqaba. Zooniin dinagdee kun guutummaatti xumuramee wayita hojii eegalu namoota miliyoona sagaliif carraa hojii bana jedhu.
Galmi guddaan Zoonii dinagdee kun gabaa bilisaa guddaa golee addunyaa mararraa daldaltoota hawwatu bu’uuressuu yommuu ta’u ce’umsa dinagdee qonnarraa gara indastiriitti taasifamaa jirus daran saffisiisa. Dandeettiin kalaqaa cimsuun hojii kalaqaa, fayyadamaafi madaqsaa teknoloojiirrattis fuuleffatees ni hojjeta.
Akka Obbo Mootummaatti, zooniin dinagdee kun daran qindaa’aafi ammayyawaa waan ta’eef abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaatiin, bajata mootummaafi waldaalee garaagaraan kan misoomu ta’a. Qonnaan bultoota zoonii dinagdee kana keessa jiraniifis carraa bal’aa qabatee as ba’e. Jalqabatti waldaan gurmaa’anii akka omishtummaarratti hirmaatan taasifame. Kana malees, carraa hojii garagaraarratti akka hirmaataniif dursi kan kennamuuf ta’a. Bakka mootummaan lafa barbaadettis beenyaa ga’aan ni kennamaaf.
Kanaan booda meeshaalee dheedhii alatti erganii galii xiqqoo argachuun zoonii dinagdee kanaan guduunfama. Kunis industiriiwwan sasalphaafi gurguddoon meeshaalee dhumeeyyii omishan bal’inaan hammatamu. Ijaarsi manneen jireenyaa hawwatoo, bu’uuraalee misoomaafi dhaabbileen tajaajila hawaasaa daran ammayyawoonis qaamuma dinagdee kanaati. Argamsi zoonii dinagdee kanaa dhiyeenyaafi giddu galeessa biyyaa ta’uusaan gamanumaan hirmaannaan abbootii qabeenyaa dabalaa jiraachuus dubbatu.
Biyyootni Kooriyaa, Chaayinaa, Jaappanfaa guddina dinagdee saffisaa galmeessuuf ka’umsi zoonii dinagdee addaa akka ta’e kan hima Obbo Mootummaa; zoonii dinagdee kun galaana qabeenya Oromiyaa keessaa fallaanaan waan xiqqaa fuudhamee guddina dinagdee biyyattiifi fayyadama ummataa mirkaneessuuf yaadame ta’uus dubbatu. Aadaan hojiifi hojimaatni diriires akkuma maqaasaa adda waan ta’eefis qabeenya humna namaa jiru qixa sirriin fayyadamuunis dhimma ijoodha.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 5 Bara 2015
4 Comments to “ Zoonii Dinagdee Gadaa: carraa hojii bal’aafi hojmaata addaan as ba’aa jiru”