“Nageenya Oromiyaa waaressuuf tarkaanfiin olaantummaa seeraa eegalame cimee itti fufa” – Komishinar Jeneraalaa  Araarsaa Mardaasaa

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Finfinnee: Nageenyi Oromiyaa yeroodhaa gara yerootti fooyya’aa jiraatus tarkaanfiin qaamota hidhatanii nagaa booressaa jiranirratti yeroo ammaa fudhatamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu Biiroon Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa ibse.

Hoogganaan biirichaa Komishinarri Jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa, haala nageenya Oromiyaa yeroo ammaa ilaalchisee ibsa kaleessa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, ammaantana nageenyi Oromiyaa keessaa fooyya’ee jiraatus bakka tokko tokkotti qaamotni sochii konkolaataa ugguruun ummata saamaa jiran irratti tarkaanfii qindaa’aan fudhatamaa jira.

Marii waloo tibba darbe mootummaafi qaama hidhatee bosona jiru giddutti taasifamee as wana jiru wayita ibsanis, mariin waloo sun maalirratti akka xiyyeeffate kan ibsu qaama dhimmi ilaallatu ta’us qaamni hidhatee bosona jiru kun garuu sochii ugguruufi goolii uumuurraa duubatti jedhaa waan hinjirreef mootummaan tarkaanfii olaantummaa mirkaneessuu fudhachaa jiraachuu ibsaniiru.

Ummatni Oromoo godina Shawaa Lixaa kanneen akka aanaalee Noonnoo, Sayyoo, Daannoofi Horroo Guduruu Wallaggaafi kanneen biroo irraa Finxaaleyyiin buqqa’anii rakkachaa jiran ilaalchisuunis yaada kennaniin, ummatni Oromoo qe’eesaarra buqqa’ee ummata biroo Oromiyaa keessaa buqqa’anii gadi akka hintaane himanii; ummata Oromoos ta’e ummata biroo buqqaatiin mudate yeroo gabaabaatti qe’eesaaniitti deebisuuf hojjetamaa  jiraachuu dubbataniiru.

Akka Komishinarri Janaraalaa Araarsaan jedhanitti, hojii qe’eetti deebisuu hojjetamu cinaattis, finxaaleyyii daangaa ce’anii lafa Oromoo humnaan qabatanii jiranis adaba qabsiisuuf sochiirra jirama. Walumaagalatti qaamni hidhatee bosona jirus ta’e finxaaleyyii gufuu nageenyaa ta’uun mootummootni naannoo Oromiyaafi Amaaraa tarkaanfii waloo qaamolee kanarratti fudhachuuf waliigaluu hubachiisaniiru.

Akka isaan jedhanitti, qaamni bosona jirus finxaaleyyiinis ilaalcha fiixeetti ba’e humnaan ummatarratti fe’uuf, addattuu ummata Oromoofi Amaaraa walitti buusuun dhimmasaanii isa ijoodha. Kunis qaamni hidhatee jiru Oromiyaarratti Oromoo malee obbolummaa saba biroo hinfedhu. Finxaaleyyiin ammoo olaantummaa sirna burkutaa’ee bakkatti deebisuuf carraaqaa jiru.

Waraanarra nageenyi filatamaa ta’uu hubatee marii mootummaan qaama hidhatee bosona jiru waliin eegale sun fedhii hawaasa naannichaa ta’uu eeranii; ammas taanaan qaamni hidhatee bosona jiru kun gara nagaatti akka deebi’u gaafachuun ta’uu baannaan garuu tarkaanfiin eegalame bifa ummata bal’aa hirmaachiseen kan itti fufu ta’a, jedhaniiru.

Ummatnis qaama nageenyasaa booressuu saaxiluu, ilmaansaa dogoggoraa bosona seenaan gorse akka gara nagaatti deebisus waamicha dabarsaniiru.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 5 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “ “Nageenya Oromiyaa waaressuuf tarkaanfiin olaantummaa seeraa eegalame cimee itti fufa” – Komishinar Jeneraalaa  Araarsaa Mardaasaa

  1. Pingback: eft cheat
  2. Pingback: great site

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *