Taammiruu Raggaasaatiin
Finfinnee: Itoophiyaan damee beeyladatiin bu’aa abdachiisaa galmeessaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Ministeerichatti, Raawwachiisaan Hojii Dursaan Dhimmoota Tarsimoo Obbo Zeenaa Habtawaldi raawwii ji’oota sagalii ministeerichaa tibbana wayita dhiyeessan akka jedhanitti, Itoophiyaan dameewwan qonnaa keessaa damee beeyladaatiin bu’aa abdachiisaa galmeessaa jirti. Ji’oottan saglan darbanis aannan liitira biliyoona 5.4, foon toonii kuma 334, damma toonii kuma83, qurxummii toonii kuma 95fi killee biliyoona 3.2 ol omishuun danda’amee jira. Omishaaleen kunneen dinagdee biyyattii utubuu keessattis shoora olaanaa taphatu.
Carraa biyyaattin uumamaan beeyladoota horsiisuf qabdu cinatti mootummaan omishaafi omishtummaa damee beeyladaa dabaluuf haalota mijaawoo garagaraa uumuudhaan hojjechaa akka jiru yaadachiisanii, hojii inisheetiviin maaddii guutuus akka biyyatti diriire milkeessuu keessatti qoodni dameen misooma beeyladaa kun olaanaa ta’uufi keessattu misooma lukkuu saffisiisuuf cuuciin miliyoona 44 ol ta’an mandaroota kuma 26 ta’aniif kennamuu dubbataniiru.
Beeylada horsiisuuf nyaanni beeyladaa murteessaa waan ta’ef teknolojii garagaraa fayyadamuun hojiin nyaata beeyladaa oomishus xiyyeeffannoo addaa argatee irratti hojjetamaa kan jirufi ji’oottan saglan keessatti nyaanni beeyladoota toonii miliyoona 122 omishamuu dubbatu.
Akka ibsa Obbo Zeenaatti fayyaa beeyladootaan wal qabatee beeyladonni miliyoona 122 ta’an dhibee garagaraatif akka hinsaaxilamneef talaalliin kennameera. Damee kanaan bu’aaleen jajjabeessoo ta’an argamaa kan jiran ta’us, qabeenya loonii biyyattiin qabdu waliin yommuu madaalamu ammalle bu’aa damee kanarraa argachuun isheef malu argachaa hinjirtu, keessattuu gogaafi bu’aalee gogaa irraa biyyattiin galii barbaachisaa ta’e akka argattu gochuuf hojiileen gara fuulduraatti hojjetamuu qaban hedduudha.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 5 Bara 2015
5 Comments to “ Itoophiyaan damee beeyladaatiin bu’aa abdachiisaa galmeessaa jirti”