Gargaarsa namoomaa naannoo Tigiraay yeroof addaan cite itti fufsiisuuf hojjetamaa jira

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Finfinnee: Yeroof addaan cituu gargaarsa namooma naannoo Tigiraay bakkatti deebisuuf Sagantaan Nyaata Addunyaafi qooda fudhattoota waliin mari’achaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa beeksise.

Komishinarri Komishinichaa Ambaasaaddar Doktar Shifarraa Takilamaariyaam ibsa Kamisa darbe addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Sagantaan Nyaata Addunyaa, Dhaabbatni Gargaarsa Ummata Ameeriikaa (USAID), Sagantaa Shariikaa Gargaarsa Ariifachiisaa (Joint Emergency Operation Program)fi Waldaan Gargaarsa Katooliikii Addunyaa “Gargaarsi Tigiraayiif taasifamaa jiru kallattiirraa waan maqeef ummata rakkate bira ga’aa hinjiru,” shakkii jedhuun yeroof addaan kutaniiru. Gargaarsichi akka bakkatti deebi’uufis hojjetamaa jira.

Dhaabbileen gargaarsa namoomaa kunneen gargaarsa namoomaa naannoo Tigiraayiif taasifamu rakkoo raabsaa waan qabuuf ummata rakkoo keessa jiruuf osoo hintaane, qaama hinmalleef ergamaa jira shakkii jedhuun rakkoo jiru qulqulleessuun haala itti qixa sirriin raabsamuu danda’urratti qorannoo eegaluusaanii ibsanii, mootummaanis qorannoo taasisuu dhaabbilee kunneenii kan tumsuufi qaamni badii raawwate jiraannaan seeratti dhiyeessuuf qophii ta’uufi sababa qorannoof ummata rakkoo hamaa keessa jirurraa gargaarsa dhaabuun garuu sirri akka hintaane hubachiisaniiru.

Gargaarsi taasifamu qaama yaadame qofaaf oolchuun ejjennoo mootummaati kan jedhan Komishinarri kun, ta’us gargaarsi bakka kamittuu taasifamu ummata hundaa osoo hintaane ummata rakkoo keessa jiruuf qofa akka ooluuf hojiin namoota rakkatan calaluu hojjetamaa jiraachuu himu.

Akka isaan jedhanitti, rakkoo naannoo Tigiraay qofa osoo hintaane rakkoo Sudaanitti mudateen walqabatees Itoophiyaan buqqaatota hedduu keessummeessaa jirti. Itoophiyaanota dabalatee baqqattoonni biyyoota alaa garaagaraa kuma 14 ol ta’an Itoophiyaa seenanii keessummeefamaniiru.

Walumaagalatti waraana Kaaba biyyattiitti mudatee, hongee, lammiilee biyya Sawud Arabiyaarraa deebi’an, jeequmsa Sudaaniifi rakkoolee biroo uumamaniifi uumamuu malan dandamachiisuuf bara kana qofa qarshii biliyoonni 40 ramadamee hojjetamaa jiraachuus yaadachiisaniiru.

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 5 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Gargaarsa namoomaa naannoo Tigiraay yeroof addaan cite itti fufsiisuuf hojjetamaa jira”

  1. Pingback: sunwin
  2. Pingback: go88
  3. Pingback: bk8
  4. Pingback: bdsm chat rooms

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *