• Ganna dhufu biqiltuu biliyoona sadiifi miliyoonni 700 qophaa’eera
Gammchuu Kadiriin
Finfinnee: Qamadii kuntaala miliyoona 10 ol gabaa alaatti erguuf sirna qonnaa garaagaraa fayyadamuun omisha callaa qamadii dabaluuf xiyyeeffate hojjechaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.
Ittigaafatamaan biirichaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, biirichi alergii akka biyyaatti gagggeeffamu tumsuuf omisha qamadii akka dabaluuf sirna qonnaa garaagaraa naannichatti hojiirra oolaa jira.
Omisha qamadii kuntaala miliyoona 10 hanga 15 ta’u alatti erguuf hojjetamaa jira. Dabalataanis bara omishaa 2014 -2015tti misooma beeyladaa, misooma biyyeefi bishaanii akkasumas midhaaniirratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Oromiyaan bakkeewwan tokko tokkotti carraa roobaa waggaa keessatti marsaa lama qabdurratti qamadii bonaafi ganna bal’inaan omishuuf karoorfameera.
Akka ibsasaaniitti, qonna ganna baranaatti lafa hektaara miliyoona ja’aafi kuma 400 sanyiin uwwisuuf karoorfamee hektaara miliyoona ja’aafi kuma 600 sanyiidhaan uwwisuun danda’ameera. Lafa sanyiidhaan uwwifamerraa waliigalaan callaan kuntaala miliyoona 202 akka argamus abdatameera. Waggaa sadii dura uwwisi qonna lafa qamadii qotamee hektaara kuma 800 ture har’a gara miliyoona tokkoofi kuma 700 ol ga’eera.
Haaluma walfakkatuun qamadii bonaan lafa hektaara kuma torbaan eegalame yeroo ammaa kana hektaara miliyoona tokko ol sanyiin uwwisuun danda’ameera. Waliigalaan omishi qamadii gannaa kuntaala miliyoona 62, bonaan kuntaala miliyoona 38fi kuma 500 ol akka eegamu eeranii; naannichatti omisha qamadii kuntaala miliyoona 100 omishuun akka danda’amus dubbataniiru.
Oromiyaan fedhiin qamadii biyya keessatti kuntaala miliyoona 97 guutuun caalmaanuu kuntaala miliyoona sadii alergiif oolchuu akka dandeessu kan ibsan Obbo Geetuun; garuu akka biyyaatti naannoleen hundi waan omishaniif Oromiyaan omisha qamadiisheerraa kuntaala miliyoona 10 hanga 15tti alergiif oolchuuf karoorfachuus eeraniiru.
Hojii qonna qamadii bonaa hanga ammaatti hojjetameenis omishi qamadii lafa hektaara kuma 85 ga’eerraa, hektaarri 83 sassaabamuun callaa qamadii kuntaala miliyoona tokkoofi kumni 800 argameera.
Marsaa sirna qonnaa Oromiyaan qabdu hunda fayyadamuun omishi qamadii addaan hincitu kan jedhan hoggantichi; guddistuu callaa, sanyii filatamaa yeroon dhiyeessuuf kan duraanii caalaa qindoominaan hojjetmaa jiras jedhaniiru.
Bu’aa argamaa jirurraa ka’uun fedhiin mootara bishaan raabsuu, kombaaayinaraa makanaayizeeshinii akka dabale himanii, mootummaanis fedhicha guutuuf xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu eeran.
Oduudhuma walfakkaatuun hojii qonnaa milkeessuuf hojiin kunuunsa biyyeefi bishaanii barbaachisaa ta’uu eeranii, hojicha guyyoota 60f caasaaleen fiizikaalaa, jiidha qabanii tursuu dabalatee lafa hektaara miliyoona tokko misoomsuuf hojjetamaa akka jirus Obbo Geetuun dubbataniiru. Sanyii biqiltuu kuntaala kuma 10 dhiyaateen ganna dhufu biqiltuu biliyoona sadiifi miliyoona 700 qophaa’uus ibsaniiru.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015
ラブドール リアル 本物の喜びのために偉大な大人の人形と愛のセックス人形を購入する