“Abbaan koo gootummaa qofa miti gaarummaa hedduun yaadatama”Obbo Wubnah Garasuu Dhukii

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Finfinnee: Abbaansaanii Dajjaazmaach Garasuu Dhukii gootummaafi jaalala biyyaa qofa osoo hintaane hiyyeessa gargaaruu, malaammaltummaafi hojmaata biirokiraasii hadheeffatanii balaaleffachuun beekamu jechuun ilmisaanii Wubnah Garasuu ibsan.

Dajjaazmaach Garasuun Weerartoota Xaaliyaan injifatamuun booda yeroo lammaffaa gara Itoophiyaa dhufan bara 1928 gara Maayicoo, Tanbeeniifi Humaraatti dhaquun goota weerartoota biyyee nyaachisedha. Umurii waggaa 30tti seenaa gootummaa dalaguu kan jalqaban Dajjaazmaach Garasuun, Weerartoota Xaaliyaanii Walisoo hanga Jimmaatti darbees Kibba biyyattii hanga Laga Oomootti faana dha’uun hojii gootummaa dalageen nama galmee seenaarratti bara baraan ka’udha.

Obbo Wubnah yaada addatti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Dajjaazmaach Garasuuf dhala sadaffaadha. Bara Weerara Xaaliyaanii nama waggaa 18 ta’u. Mucaa sadaffaa ta’uu qofa osoo hintaane abbaansaanii waan caalaatti isaan jaallatuuf waa’ee abbaasaanii itti dhiyeenyaan bareechanii beeku.

Dajjaazmaachi Garasuun yeroo baay’ee gulfii fardaafi qiyaafatanii dhukaasuu akka bashannanaatti itti fayyadamaa turuu kan dubbatan Obbo Wubnahi, rasaasa isaanii dhukaasan qiyyaafataan ala tasa lafa hinbu’u; rasaasa qisaasessuun Dajjaazmaach Garasuu biratti hinhojjetu jedhu. Kunis injifannoo galmeessan keessatti shoora akka qabu dubbatu.

Dajjaazmaach Garasuun ispoortii jabeenya qaamaa waan yeroo mara hojjetaniif dadacha’ina qaamaan olaanaa qabu kan jedhan ilmisaanii, qalbiifi qaama ijoollummaa kanatti fayyadamuun jaalalli ispoortiifi qiyyaafatanii dhukaasuu isaan keessa buluun hanga har’aattuu ga’umsa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Dajjaazmaach Garasuun “Osoo ani jiruu, isin jirtanii weerartuun biyya nurraa hinfudhattu,” jechuun ummata onnachiisaa turuusaanii ibsanii, gootummaa qofa osoo hintaane kabaja dhala namaaf qabaniin nama hawaasa bal’aan jaallataman turan.

Akkasaan jedhanitti, ummattooni biyyattii Dajjaazmaach Garasuun kabaja dhala namaaf qaban waan hubataniif yoo harka isaanitti qaban nama dhuunfaa ta’e gartuu konkolaataa ittiin imalan dhaabsisanii ni haasofsiisu, ni dubbisus turan. Hanna, sobaafi waliin dha’uun isaan biratti yakka hamaadha. Bakkasaan hojiif ramadamanii deeman hundatti “Hojjedhee nyaachuudhaaf harki na lallaafee, hatee akka hin nyaatne Garasuutu dhufe” jedhamaa ture. Gibira waliin dha’uufi sobuun Dajjaazmaach Garasuu biratti daba araarama hinqabnedha.

Ilmi goota kanaa abbaansaanii “Ijoolleen koo yoo ni hatu, waliin dha’u ta’e tarkaanfii hadha’aa fudhachuun boodatti hinjedhu. Kana ammoo isinuu taajjabuuf jirtu” jechuun ilmaansaanii iyyuu akka hin dhiifne hawaasa sodaachisaa turuu yaadachiisu. Dajjaazmaachi Garasuun ofii hataa orma hanna hindhorkan, ofii waliin dha’aa waliin dhooftuu hinbalaaleffatan. Hanna dhorkuu akka qajeelfamaatti fayyadamuu qofa osoo hintaane namoota rakkoo dinagdee qabaniif midhaan hiraa akka turan ibsu.

Dajjaazmaachi Garasuun bara mooticha Hayilesillaasee dirree lolaatti gootummaa galmeesseen muudamafi beekamtii garaagaraa argataniiru. Badhaasa mootichaa keessaa tokko madfii biyya Beljiyeemitti hojjetame kan beljigii jedhamudha. “Garasuuf lolli taphas” jedhanii jajaniiru.

Dukkana limixii keessatti ibsaa hinfayyadaman, bakka fedhe bulanis hinsodaatan kan jedhan Obbo Wubnah, mana jireenyaa isaaniitti garuu wayita ciisanuu ibsaan jiraachuun dirqama jedhu.

Gaafa boqotan akka gootota kaanii Finfinneetti awwaalamuurra bakka handhuurrisaanii buute Walisootti akka awwaalamaniif dursanii dhaamsa dhaammatanii, du’aan boqochuu booda Walisotti awwaalamuus hubachiisaniiru.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 25 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to ““Abbaan koo gootummaa qofa miti gaarummaa hedduun yaadatama”Obbo Wubnah Garasuu Dhukii

  1. Pingback: useful reference
  2. Pingback: 1906 love drops

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *