Oromiyaatti lafa heektaara kuma 34fi 147 irraa callaan qamadii bonaa kuntaalli kuma 700 ol walittiqabame

Finfinnee: Barana omisha qamadii jallisii bonaarraa callaa kuntaala miliyoona 38 walittiqabuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafa heektaara kuma 34fi 147 callaa kuntaalli kuma 700 ol argamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise. Godinoota 20 keessatti sassaabbiin omisha qamadii bonaa eegalamuus ibseera.

Biiroo Qonna Oromiyaatti Qindeessaan Inisheetiivii misooma qamadii bonaa Obbo Xahaa Muummee ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, sassaabbii omisha qamadii bonaa godinaalee 20 keessatti gaggeeffamaa jiruun hamma jalqaba torbee kanaatti qofa callaa kuntaala kuma 700 ol walitti qabuun danda’ameera.

Omishni sassaabame mala aadaafi ammayyaatiin waan calleeffamuuf bakkawwan hundatti akka hincalleeffamne himanii; hamma ammaatti hojii calleessuu geggeeffameen callaa qamadii kuntaala kuma 794 ol argamuufi jalqabbii sassaabbii kanarratti kombaayinaroonni 32 omisha calleessuurratti bobba’anii jiraachuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, baranatti omisha qamadii bonaa lafa heektaara miliyoona tokko sanyiidhaan uwwisuuf karoorfame keessaa lafa heektaara miliyoona tokko, kuma 103fi 134 sanyiidhaan uwwisuun danda’ameera.

Sanyiin faca’e raaga mitiworolojii biyyaalessaa roobi arfaasaa duubatti harkifatee eegaluun walqabatee bakkeewwan tokko tokkotti ho’a dabaluufi maddeen bishaanii urkuun hamma bishaan qaban gadhiisuu danda’u ilaalchisee yaadi furmaataa taa’e hojiirra oolaa akka jiru Obbo Xahaan ibsaniiru.

Dhiyeessii bishaanii omisha qamadii bonaatiif barbaachisuun walqabatee, wayita bonni dheerachaa deemu bishaan lagaa hir’achuu waan danda’uuf biirichi boolla bishaanii qopheessuun bishaan cim’isuufi bakkeewwan bishaan oldhiyaatee argamutti bishaan lafa jalaa qotanii fayyadamuurratti hojjetaa jiraachuus dubbataniiru.

Bakkeewwan gandootni baay’een madda bishaanii tokkotti fayyadaman irrattis sagantaa baasanii darabeen jal’isanii ittifayyadaman jiraachuu kan ibsan Obbo Xahaan; qisaasama tokko malee bishaan fayyadamuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Haalli qilleensaa yeroo ammaa jirus sassaabbii omishaatiif qamadii bonaaf mijataa ta’uu kan himan Qindeessaan Innisheetivichaa; hanga ammaatti sassaabii omishaatiif haalli qilleensaa danqaa ta’e jiraachuu baatus bakkawwan hundatti hanqinni maashinoota midhaan calleessanii mudachuu akka yaaddootti kaasaniiru.

Oduudhuma walqabateen Oromiyaatti misooma qonnaa ganna darbeetiin omisha callaa kuntaala miliyoona 157 walittiqabuu Pirezdaantiin BMNO Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Walga’ii idilee 4ffaa waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa irratti gabaasa raawwii ji’oota jahan darbanii kan naannichaa yoommuu dhiheessan obbo Shimallis akka dubbatanitti oomisha gannaa bara 2014/15tti lafa hektaara miliyoona 6.45 misoomsun omisha kuntaala miliyoona 218 argamsiisuf karoorfamee, lafa heektaara miliyoona 6.6 midhaan akaakuuwwan adda addaatin uwwisuun danda’ameera.

Akka ibsa Obbo Shimallisitti lafa sanyii gosa adda addaatin uwwifame kana irraa sabsii duraatin callaan kuntaalli miliyoona 205 ni argama jedhamee kan eeggamu yoommuu ta’u hanga ammaatti callaa kuntaala miliyoona 157 walitti qabuun danda’ameera.

Inisheetivii qamadii kan rooba gannaa faana walqabateenis rooba gannaatin lafa heektara miliyoona 1.7 misoomsuun omisha kuntaala miliyoona 61.4 argamsiisuuf karoorfamee hojii hojjetameen lafa heektaara miliyoona 1.74 sanyii qamadii facaasun kan danda’ameefi sabsii duraatiin callaa kuntaalli miliyoona 64 ni abdatama jedhan.

Gammachuu Kadiriifi Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 18 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “Oromiyaatti lafa heektaara kuma 34fi 147 irraa callaan qamadii bonaa kuntaalli kuma 700 ol walittiqabame”

  1. Pingback: kanha gummies
  2. Pingback: chat with models

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *