Oromiyaatti barreeffamootni holqa keessaa waggoota kuma shan lakkoofsisan argaman

Finfinnee: Oromiyaatti holqawwan barreeffamootni ykn bobbooci dhagaarraa (‘rock art’) waggoota 3000 hanga 5000 lakkoofsisan argamuu qorataan holqaa Obbo Naasir Ahmad ibsan.

Biiroo Aadaafi Tuurzimii Oromiyaatti qorataan holqaa Itoophiyaa jalqabaa Obbo Naasir Ahmad ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka kedhanitti, barreeffamoota dhagaarraa holqawwan 126 qorannoodhaan adda ba’an waggoota 3000 hanga 5000 kanneen lakkoofsisan argamaniiru. Isaan keessaas holqawwan 62f kaartaafi pilaaniin qophaa’eera.

Kitaabni matadureensaa “Barreeffama dhagaarraa holqawwan Oromiyaa keessaa” jedhus qophaa’aa jirachuu ibsaniiru.

Godina Boranaa, Aanaa Areeroofi Meeggaa; Harargee Kombolchatti, Ejersa Gooroo, Kurfaacallee, Gursum Machaaraa, Masalaa; Baaleetti Holqa Soofumar akkasumas Wallagga Bahaatti holqawwan barreeffa dhagaarraa of keessaa qaban akka jiran Obbo Naasir eeraniiru.

Bobboci dhagaarraa holqa keessaa aadaa, seenaa, amantii, jiruufi jireenya hawaasaa wajjin waan walqabatuuf biirichi xiyyeeffannoon qorannoo taasisaa jiraachuus dubbataniiru.

Akka ibsasaaniitti holqawwan kunneen gama qonnaa, industiriifi daldalaa bu’aa guddaa qaba. Muuxannoo biyyoota alaarraa ka’uun biyyee bullaa’aa albuuda qabuufi dikee simbirroota holqa keessatti argaman xaa’oo ta’uun qonna keessatti gumaacha olaanaa qaba. Albuudni ijaarsaa kanneen akka ijaarsa seeraamikiifi kanneen biroos holqaa keessatti argamu. Albuudotni daldalaaf oolan hedduunis akkasuma.

Oromiyaan qabeenya holqaafi holqa keessa jiru sirnaan kunuunsee madda galii ta’uu irra darbee hojii dhabdoota naannawa holqoota garagaraarra jiraniif carraa hojii guddaa ittiin uumuuf bal’inaan hojjetamaa jiraachuus Obbo Naasir hubachiisaniiru.

Kanaafuu, holqa kunuunsuun barbaachisaadha jedhanii, qonna naannawa holqaarraa fageessuu, tuttuqaarraa bilisa taasisu, mancaatii bosonaa dhaabuu, gochoota albuuda barbaachaaf holqa keessatti taasifaman to’achuun bobbocawwan dhagaarraa holqa keessaa kunuunsuurratti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu eeran.

Faransaayi, Ispeeniifi Xaaliyaanii daawwannaa holqaarraa waggaatti hanga doolaara miliyoona tokkoofi kuma 200 argatu kan jedhan qorataa Naasir; Oromiyaattis odeeffannoo biirichan dhiyaate gara hojiitti jijjiiruun bu’aa qabatamaa argamsiisuun akka danda’amu dubbatu.

Kana dhugoomsuuf hubannoo hawaasa naannawaa holqaa jiruu cimsuu, muuxannoo biyyoota seekitericharraa galii guddaa argatan kunneen babal’isuuf tattaaffii taasifamu dhugoomsuuf qaamni dhimmichi ilaallatu hundi gaheesaa akka ba’u gaafataniiru.

Qorattoota holqaa biyya Xaaliyanii Yuunivarsitii Filooreensi waliin ta’uun qorannoo haga ammaatti taasifameen Oromiyaan waliigalaan holqawwan umamaa 321 qabdu keessaa holqawwan 200 ol ta’an qoratamuun kaartaafi pilaaniin qophaa’eeraaf. Holqa namtolchee 82 keessaa 62 kan ta’aniif kaartaafi pilaaniin qophaa’uu ragaan qorannoosaanii mul’iseera.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015

Recommended For You