Finfinnee: Yaa’iin raawwachiistota hojii Gamtaa Afrikaa 42ffaan tibbana guyyoota lamaaf Finfinneetti kan adeemsifame yoo ta’u, isatti aanee kan gaggeeffamu yaa’ii idilee 36ffaan dura bu’oota gamtichaa har’aafi boru asuma, magaalaa teessoosaatti taa’ama.
Yaa’iin mataduree, “Hojiirra oolmaa daldala bilisaa zoonii ardii Afrikaa si’eessuu” jedhu kanarratti hirmaachuuf biyyoonni dura bu’oonni biyyoota miseensota gamtichaafi keessummoonni ardiilee biroorraa afeeramaniif barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antoniyoo Gutareezfaan Finfinnee galaniiru.
Yaa’iin gamtichaa ajandaalee adda addaarratti mari’atu kun Afrikaa dinagdeedhaan, siyaasaafi hawaasummaan humneessuuf tokkummaa waloo cimsuun murteessaa ta’uunis dhimma akka ijootti ka’uudha.
Marii jalqabaa mana marii raawwachiistota hojii gamtichaatiin adeemsifamerratti Afrikaa gama maraan humneessuun eeggattummaa maqsuuf shoora olaanaa kan qabu ta’uu Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnin dubbataniiru.
Kun akka mirkanaa’uufimmoo nageenyaaaf bakka guddaa kennuun murteessaa ta’uu kaasanii, keessumaa waldhabdee mudatu mariin furuuf jalqabbiin Itoophiyaatti mul’ate fakkeenyummaan kan eeramu ta’uu eeran.
Imaammata dhimmi Afrikaanotaa Afrikaanotaan furamuu qaba jedhu hojiirra oolchuun walwaraansa Itoophiyaa kaabaatti mudate marii hooggantoonni Afrikaa gara garaa taasisaniin furamuunsaa biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenyummaan ka’a jedhaniiru.
Falli kun dippilomaasii Itoophiyaan biyyoota biroo wajjin qabdu akka cimu gochuu keessatti shoora olaanaa taphachuus hubachiisaniiru.
Hariiroo biyyoonni Afrikaa walii waliisaanii gidduutti qaban yeroorraa yerootti fooyya’iinsa cimaarra jiraachuu kaasanii, fuuldurattis irratti hojjetamuun ijaarama Paan Afrikaaniizimiif bu’uura akka buusu eeraniiru.
Paan Afrikaaniizimiin akka cimuuf eeggattummaa wabii midhaan nyaataa jalaa ba’uun isa ijoo ta’uu ibsanii duulli damee misoomaafi investimentiin gaggeeffamu yoomiyyuu caalaa jabaachuu akka malu kaasaniiru.
Wabii midhaan nyaataan of danda’uu cinatti daldalli walabaa Ardittii keessatti babal’achuunis warraaqsa dinagdee biyyoota Afrikaa walitti hidhuu keessatti shoora olaanaa waan qabuuf tokkummaan hojjechuunfi dhaabachuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Noorwey Aniiken Huwiitfiit gamasaaniitiin dubbii dubbataniin rakkoo jijjiirama haala qilleensaatiin walqabatee mudatuuf Itoophiyaa waliin akka hojjetan dubbataniiru.
“Itoophiyaan humna ofirra darbee biyyoota Afrikaa biroo tajaajiluu danda’u qabdi, kun qabeenya Afrikaanonni itti fayyadamuu danda’aniifi jajjabeeffamuu qabuudha” jechuun ibsan.
Ijaarama Paan Afrikaaniizimii mirkaneessuun kan danda’amu dhimma nageenyaarratti waliin dhaabachuu, gaaga’ama dhufurratti walgargaaruu, misoomaafi investimentiin walutubanii hojjechuun murteessaa ta’uus ibsaniiru.
Ilaalcha biyyoonni Lixaa Afrikaaf qaban jijjiiruuf hojii gama dippilomaasiin hojjetamuu qaburratti waliin dhaabachuun barbaachisaa ta’uus dubbatu.
Afrikaa keessatti eeggattummaa wabii midhaan nyaataa jalaa ba’uufi investimentii babal’isuuf dippilomaasiirratti hojjechuufi rakkoo nageenyaa mudatu hatattamaan furuunis dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru.
Egaa marii waliigala yaa’ii idilee dura bu’oota gamtichaa 36ffaa gaggeeffamu kanarratti murteewwan Afrikaa dinagdeedhaan cimsan, siyaasaan ijaaraniifi hawaasummaan walitti isaan hidhan akka darban himameera.
Komishinarri Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaafaakii Mahammat gamasaaniin Ardii Afrikaa tokkoomsuufi Paan Afrikaaniizimii dhugoomsuuf dhimma ofiirratti ofii murteessuufi furuun aadeffatamuu akka qabu kaasaniiru. Kanamalees investimentii babal’isuu, daldala bilisaarratti hojjetamuu akka qabus kallattii kaa’aniiru.
Yaa’ii idileen kun kan durii caalaa cimaa dhufuullee yaadachiisanii, Afrikaa ijaaruufi gara jijjiiramaatti ceessisuuf tarkanfileen gama siyaasaatiin, dinagdeefi hawasummaatiin fudhatamaa jiran kan nama humneessan ta’uufi ciminaan kan ittifufuu qaban ta’uu ibsaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015