“Oromiyaatti lammiileen ongeef saaxilaman miiliyoonni 5.2 odeeggarsa hatattamaa barbaadu” – Buusaa Gonofaa Naannichaa

Finfinnee: Naannoo Oromiyaa iddoowwan addaddaatti lammiilee sababa ongeetiin miidhaaf saaxilaman miiliyoona 5.2 ol deeggarsa namoomaa hatattamaa akka barbaadan Buusaa Gonofaa Naannichaa ibse.

Amma ammaatti walta’iinsa mootummaa naannichaafi Komishinii Hoggansa Sodaa Balaatiin lammiilee rakkoof saaxilaman miiliyoona 4.1 ta’aniif deeggarsi taasifamuun eerameera. Naannoo Oromiyaa godinaalee Booranaa, Gujii lamaan, naanawawwan gammoojjii Harargee bahaafi Baaleetti wayitii roobaa walitti aanan shaniif roobni hinroobne.

Sababuma kanaan aanaalee 152fi godinoota naannichaa kudhanitti argamanitti ongeen uumamee keessumaa qabeenya beelladaarratti miidhaa olaanaa kan geessise yoo ta’u, namoonni hedduunis rakkoof saaxilamaniiru.

Ittigaafatamaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadir TOIf akka himanitti, jiraattota naannichaa sababa ongeetiin rakkoof saaxilamaniif deeggarsi taasifamaa jira. Mootummaa naannichaafi Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa wajjin ta’uun namoota rakkoof saaxilaman miiliyoona 4.1f deeggarsi namoomaa qaqqabuus dubbataniiru.

Kanaaf hamma ammaatti midhaan deeggarsaa kuntaalli miiliyoona 1.9 qaqqabuufi tilmaamaan qarshii biiliyoona 12.7 ta’u, akkasumas iddoowwan bishaan barbaachisutti konkolaataadhaan qaqqabsiisuun akka danda’ame ibsaniiru. Gujii lamaaniifi Wallaggatti lammiilee sababa nageenyaatiin buqqa’aniif meeshaaleen tilmaamaan qarshii miiliyoona 90.6 ta’u qaqqabsiifamuus ibsaniiru.

Godina Booranaa aanaalee 13 keesstti lammiilee kuma 600 oliif deeggarsi taasifamaa akka jiru yaadachiisanii, miidhaa guddaa beelladarra ga’u ittisuufis nyaanni loonii dhihaachaa akka jiru dubbataniiru. Naannichatti ongeen hammaachaa dhufuusaatiin baay’inni lammiilee deeggarsa barbaadanii miiliyoona 4.1 irraa gara miiliyoona 5.2tti waan guddateef haalli deeggarsaas cimuu qaba jedhaniiru.

Lammiilee balaa ongeetiif saaxilamaniif mootummoonniifi deeggartoonni addaddaa waa arjoomaa jiraatanis baay’ina deeggaramtootaarraa kan ka’e ga’aa akka hintaanes dubbataniiru. Kanaaf dhaabbileen mitmootummaafi namoonni dhuunfaa akka deeggarsa taasisan ittigaafatamtichi waamicha dhiyeessaniiru.

Godina Booranaa qofatti baatii Fulbaanaarraa kaasee hamma ammaatti loon gaafaa kuma 47 ol du’uu eeranii, naannicha iddoowwan ongeen mudatetti loon gaanfaa du’an kuma 100 ol ta’uus ibsaniiru. Sababa rakkoo ongeefi namtolcheetiin naannichatti lammiileen miiliyoona 5.6 deeggarsa akka barbaadanis himaniiru.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015

Recommended For You