Adaamaa: Magaalaan Adaamaa magaaloota Oromiyaa sochiin dinagdee ho’aa, nageenyi tasgabbaa’aa, miidhaginniifi magariisummaan irraa mul’atu keessaa tokko yoo taatu, magaalaa bareedduu sulula qiinxamaa jedhamuun beekamti.
Keessumaa yeroo dhihoo as gama bulchiinsa lafaa, magaalaa jireenyaaf mijattuu taasisuufi hawwattummaa dabaluuf hojii fakkeenyummaa hojjetameen magaalonni biroo muuxannoo irraa qooddachuurratti argamu. Nutis dhimmoota kanneeniifi haala waliigalaa ka’umsa godhachuun Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee dubbisneerra.
Isaanis Adaamaan akka jijjiiramtuuf haala baratamaa dura tureen yoo deemame geeddarama fiduun akka hindanda’amne waan hubatameef karoora haaraa qopheeffachuun humna guutuudhaan hojiitti seenuun dirqama akka ture eeranii, kanaafis hoggansaafi koreewwan jiran hunda mariisisuun magaalattii jijjiiruuf ofirratti murteeffamee hojiitti seenamuu himu.
Kanaafis ciminoota gama hundaan jiraniifi humna ta’uu danda’an, hanqinootaafi rakkoolee ijoo fuulduratti deemuuf nama qaban adda baasuun hojiitti seenamuu eeranii, dandeettii raawwachiisummaa manneen hojiifi pirojektiiwwan hojjetaman guddina magaalattii wajjin kan deemaniifi jireenya ummataa kan jijjiiran ta’uufi dhabuusaaniillee adda baasanii hojiitti seenuu ibsu. Kanneen adda baasuun Adaamaa tiraanisfoormii gochuuf akkasumas, kallattii taa’een mootummaa cimaafi magaalaa tasgabbooftuu ijaaruuf xiyyeeffannaan hojjechuu kaasu.
“Akka jijjiiramni dhufuuf koreen raawwachiiftuu hojii madda oduu osoo hintaane madda hojii akka ta’uuf kallattiin kaa’annee hojiitti kan seenne yoo ta’u kanaan milkoofnee jirra. Haaluma kanaan waggoota lamaan sadan darbanitti magaalaan Adaamaa garam deemuu akka qabdurratti roodmaappiin yaadaa taa’eera. Akkasumas magaalattiin gama hundaan humna akka qabduufi giddugala waa hundaa ta’uu akka dandeessu ummatatti agarsiisuun danda’ameera. Hoggansa birattis hojiiwwan guguddoo karoorfatanii guddaa raawwachuun akka danda’amu hubatameera” jedhu.
Magaalaa Adaamaa akka yaadametti hawwattuufi jireenyaaf mijattuu taasisuuf maniiwwan afur qabamanii hojiitti seenamuu kan himan Obbo Hayiluun, kunneenis wabii nyaataa mirkaneessuu, hojii uumuu jajjabeessuu, hawaasa kalaqaafi ogummaa qabu ijaaruufi mootummaa ammayyaawaa ta’e ijaaruu ta’uu addeessu.
Waggoota sadii dura galiin magaalaa Adaamaa waggaatti biliyoona 1.4 turuu yaadachiisanii, amma garuu dachaan dabaluun bara 2014tti qarshii biliyoona 3.2 ga’uu eeru. Barana ammoo qarshii biliyoona shan sassaabuuf karoorfamee ji’oota ja’an darban qofatti qarshii biliyoonni sadii sassaabamuus ni ibsu.
Galiin sassaabamu dabaluun pirojektota guguddoo hojjechuuf, gaaffii bu’uuraalee misoomaa ummataatiif deebii kennuuf, dhabdummaa hojii xiqqeessuufi magaalaa waa hundaan tasgabboofte ijaaruun akka fayyadu kan kaasan kantiibichi, kunneen hundi yoo guutaman ammoo magaalattiin gama hundaan tasgabbooftuufi mijattuu akka taatu himu. Inisheetiiviin ‘Smart Adama’ ijaaruus kan madde kanumarraa ta’uufi wayita ammaa bu’aa olaanaa fidaa jiraachuu dubbatu.
Akka Obbo Hayiluun jedhanitti, hojiin karoorfame akka milkaa’uuf gaheen hojii hundaaf qoodamee seeraan gadi bu’eera. Barana qofa kurmaana lammaffaa qofatti hojjettoota 140 gara gandaatti gadi buusuun ganda cimaa ijaaruuf yaalameera.
Hoggansi gandatti ramadamus adda duree akka ta’uufis kallattiin kan kenname yoo ta’u, waldorgommii uumuufis ganoonni lama guutummaan dubartootaan akka hogganaman taasifamee bu’aa dinqisiisaan argamaa jira. Adeemsa hanga yoonaatiin gandoonni baay’een seektara magaalaa ni caalu.
“Hojiin biraa hojjetame dijitaaleessuudha. Gama kanaan magaalattiin haala gaariirra jiraachuufi sektaroonni hundi faayilasaanii gara soofti kooppiitti jijjiiranii akka dijitaaleessaniif dandeettii intarneetii dabaluurraa kaasee waantonni barbaachisu hundi guutamaniiru.
“Waajjirri lafaa qofti faayila kuma 94 ol iskaan godhee onlaayiniitti galchaa jira. Sektaroonni geejiba, galii, manneeniifi kanneen biroos adeemsarra jiru. Waraqaan eenyummaa dijitaalawaa taasifamuusaatiin wayita ammaa waraqaan eenyummaa foorjidiin kennamu hinjiru. Kanfaltiiwwan garagaraas karaa elektironiksiitiin akka raawwataman taasisaa jirra” jedhu.
Gama nageenya magaalattii amansiisaa gochuutiinis gandoonni baay’een kaameeraa nageenyaa (security camera) akka qabaatan taasisuu, poolisii hawaasaa guddisuuf wiirtuu waamichaa 9141 irratti banuun sa’aatii 24:00 tajaajilli kennamaa jiraachuu himu.
Akka waliigalaatti hojiiwwan hojjetaman milkaa’uu kan danda’an karoora qabame hordofanii hojiitti hiikuu, inisheetivoota addaddaa fayyadamuu, hirmaannaa ummataa mirkaneessuufi hojmaata hojii saffisiisuurratti xiyyeeffachuun ta’uu dubbatu.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015