Aramaa bocee lafa hektaara 102 aguuge faayidaarra oolcuuf hojjetamaa jira

Riippoortara Gaazexichaatiin

Baatuu: Aramaa bocee lafa hektaara 102 aguuge barana faayidaarra oolchuufi guutummaatti dhabamsiisuuf hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Baatuu ibsan.

Kantiibichi, Obbo Gazzahaanyi Dajanee ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanittti, aramaan bocee lafa hektaara 102 hara Dambal aguugeera. Aramaan bocee kanneen amalasaaniitiin rakkisoo jedhamuun beekaman keessaa tokko waan ta’eef dhabamsiisuuf hirmaannaa ummataa, deeggarsaafi teknolojii barbaachisa.

Akka bulchiinsa Magaalaa Baatuutti barana aramicha dhabamsiisuuf xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jira kan jedhan Obbo Gazzaahanyi, bulchiinsi magaalattii karaa lamaan hojjetaa jiraachuu eeran. Tokkoffaa haricharraa guutummaatti dhabamsiisuu, karaa kaaniin aramicha faayidaarra oolchuudhaani jedhan.

Akka ibsa kantiibichaatti, duula aramaa bocee Magaalaa Baatuutti adeemsifamaa jiruun lafa hektaara 102 keessaa hektaara 18 qulqulleessuun danda’ameera. Duulichaan aramichi yeroo gabaabaa keessatti buqqifamee guutummaatti xumuramuun hojiin aramicha gubuu ni eegalama. Kun caalaatti hirmaannaa ummataa barbaada.

Sochii jiraataan Baatuu aramaa bocee dhabamsiisuuf taasisaa jiruuf bulchiinsi magaalattii deeggarsa olaanaa taasisaa jiran kan jedhan Obbo Gazzaahanyi, bulchiinsichi pirojektii aramaa bocee gara cilee, faayaafi kopheetti jijjiiruu dandeessisu bocee hojjetaa jiraachuu beeksisaniiru.

Kanarrattis dargaggoota leenjisaa jiraachuu eeranii, boceen gara faayidaatti jijjiiramnaan omisha cileetiin walqabatee daran barbaadamaadha jedhan. Bu’aansaas adeemsa yaalii duraatiin mul’ateera jedhan.

Akka ibsa kantiibichaatti, hojiileen duulichaan oggaa ida’aman aramaan bocee yaaddoo qofa otoo hintaane haalli madda dinagdee ta’us ni uumama. Kunis bocee hara Danbalirraa guutummaatti dhabamsiisuu dandeessisa. Garuu kun kan ta’u yoo hirmaannaan ummataa jiraateedha.

Bocee guutummaatti dhabamsiisuun ni danda’ama. Garuu, boceen amalumasaatiin tibba gannaatti deebi’ee waan marguuf hojii walirraa hincinne barbaada kan jedhan kantiibichi, maashinii aramicha dhabamsiisuuf oolu bituun humna bulchiinsa magaalattiitii ol waan ta’eef qaamolee rakkinicha furuurratti deeggarsa gochuu danda’aniif gaaffii dhiyeessuusaanii beeksisaniiru.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015

Recommended For You