Bayyanaa Ibraahimiin
Bishooftuu: Akka mana barnootaasaaniitti qabxii gaarii galmeessisanii darbuu malee ni kufna jedhanii yaadda’uu kan hinjirre ta’uu kan himan barattootni Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO), qormaata kutaa 12ffaa bara 2014tiin barattootni hedduu kufuun isaaniif yaaddoo akka hintaaneefi inumaayyuu caalatti akka qo’ataniif carraa kan isaaniif uumu ta’uu dubbatu.
Barataan sirnaan barnootasaa hordofuufi jalqabumarraa kaasee hubannoo barnootaa gaarii ta’e qabu hangamuu qormaatni ulfaatu darbuunsaa kan hinhafne ta’uu kan dubbattu mana barumsichaatti barattuun kutaa 11ffaa bara kana qormaaticha fudhattu Meetii Sulxaan, kufaatiin barattootaa qormaata baranaa irratti mul’ate barattoota ittaananii qoramaniif akka sodaatti osoo hintaane, of dagannaa tokko malee akka itti qophaa’aniif kan gargaaru ta’uu dubbatti.
Akka mana barnootaasaaniitti immoo dhimmi kufuu jedhamu mul’atee kan hinbeekneefi baranas barataan tokkos kan hinkufne ta’uu eertee, isa ittaanuuf immoo caalatti qo’achuun qabxii dorgomaa ta’e fiduudhaaf gamanumaa qophii cimaan qo’achaa jiraachuus ni ibsiti.
Mana barnoota addaa WMO tti baratee hanga ammaa barataan kufe jiraachuu dhabuun isaaniifis hamilee guddaa ta’uu kan himtu immoo barattuu Siifan Mohaammad, xiyyeeffannoon qo’ataniifis akka hinkufneef osoo hintaane, akka biyyaatti qabxii olaanaa ta’e fiduudhaan maqaa gaarii manni barumsichaa gama kanaan qabu cimsanii ittifufsiisuuf akka ta’e dubbati.
“Qormaata seensa yunivarsiitii bara darbeetiin barattootni hedduun kufusaaniitiin barataa tokkollee hamileen bu’uu hinqabu” kan jettu barattuun tun, kufaatii baranaa kanarraa barnoota guddaa fudhachuudhaan qormaata bara dhufuutiif sirritti dubbisuun gahee qoramtoota bara dhufuu hundarraa eegamu ta’uus ni dhaamti.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 27 Bara 2015