Oromiyaatti ji’oottan ja’aan darban

• Namoonni miliyoona 26.5 deddeebi’anii yaalamaniiru
• Pirojektoonni fayyaa 167 xumuramaniiru
• Haadhooliin kuma 500 tajaajila da’umsaa argataniiru

Finfinnee: Biiroon Fayyaa Oromiyaa (BFO) ji’oottan ja’aan bara 2015tti hojiilee ergamaan kennamaniif haala gaariin raawwachuun ibsame.

Hogganaan biirichaa Doktar Mangistuu Baqqalaa raawwii ji’oota ja’aa ilaalchisuun ibsa dheengadda miidiyaaf kennaniin, tajaajila guutuu kennuutiin walqabatee ji’oottan ja’aan dacha lamaan

 guddachuu himanii, haala kanaanis namoonni miliyoona 26.5 ta’an tajaajila deddeebi’anii yaalamuu argachuusaanii ibsu. Namoonni kuma 231 ammoo tajaajila ciibsanii yaaluu argachuufi kanneen keessaa kumni 78 wal’aansa baqaqsanii yaaluu argachuu dubbatu. Kunis mootummaan pirojektoota haaraafi kanneen bulan xumursiisuurratti xiyyeeffannaa kennee hojjechuusaatiin ta’uu dubbatu.

Tajaajilawwan kennaman keessaa haadholiin kuma 500 deeggarsa ogeessa fayyaatiin wiirtuulee fayyaatti da’uu eeranii, daa’imman kuma 592 talaallii guutuu argachuusaanii himu. Daa’imman hongeen walqabatee hanqina nyaataaf saaxilaman miliyoona 3.9 calalliifi yaalii argachuusaanii himu.

Dhibeewwan daddarboo ta’an waliin walqabatees dhibeen busaa bara kana dabalee waan jiruuf namoot miliyoona 1.3f qorannoon dhiigaa gaggeeffamuu kaasanii, kanneen keessaa kuma 300 irratti busaan argamuufi kanneeniifis tajaajilli barbaachisu kennamuu himu. Hojii ittisa dhibichaatiifi biiffaa keemikaalaa, saaphana siree raabsuu, naannawaa qulqulleessuurratti hojii bal’aan kan hojjetame ta’uufi saaphana siree miliyoona 2.9 ummataaf raabsamuu addeessu.

Akka ibsa hogganichaatti, namoota miliyoona 1.3 tajaajila qorannoofi gorsaa HIV/AIDS irratti kennameera. Kanneen keessaas kumni ja’aafi 698 dhiigasaaniitti vaayirasichi argamuufi waliigala naannichatti namoonni kuma 122fi 802 ta’an qoricha farra HIV fudhataa jiru.

Gama dhaabbilee fayyaa babal’isuutiin hojii hanga yoonaa hojjetameen qaala’inni meeshaalee ijaarsaa utuma jiruu pirojektoota 173 raawwachuuf karoorfamee 167 (%97) xumuramuu eeranii, hirmaannaan ummataas qarshii biliyoona 3.7 akka ture eeru. Akka fakkeenyaattis meeshaa yaalaa qarshii miliyoona 900 olitti tilmaamamu qaamolee garagaraarraa walitti qabamuu, keellaa fayyaa dhaloota lammaffaa qarshii miliyoona 701 ta’u walitti qabamee eegalamuu, tajaajila tolaa namoota kuma 763f kennamuufi kanneen biroo kaasu.

Akka Doktar Mangistuun jedhanitti rakkoo dhiheessii furuuf mootummaan qarshii miliyoona 411 ramaduun bittaa qorichaa raawwatee raabsi gaggeeffamaa jira. Bakkeewwan rakkoon nageenyaa mudatetti garuu ammayyuu hanqinni waan jiruuf bira ga’uuf hojjetamaa jira. Faarmaasii hawaasaa babal’isuun walqabatees 73 dabaluun 209 qaqqabsiisuun danda’ameera. Qisaasama qorichaa ittisuufis sirnasaa ammayyeessuuf 200 kan ta’an dijitaaleeffamaniiru.

Meeshaaleen ammayyaa Oromiyaa keessatti kilaastaraan akka jiraataniif hojii hojjetameen kilaastaroota shanirratti galchuu danda’amuu kan himan hogganaan BFO, bara kanas Hospitaalota Mattuu, Ciroofi Naqamteef siitii iskaaniin bitamuufi dhiheenyatti tajaajila kennuu kan eegalu ta’uu himu. Rakkoo kana waaraan furuuf warshaa qorichaa naannicha keessatti

 ijaaruuf haaldureen xumuramee jiraachuus ni eeru.

Hordoffiifi to’annoo dhaabbilee fayyaa gaggeessuun walqabatee dhaabbileen kuma shaniifi 900 kan sakkatta’aman yoo ta’u kuma tokkoofi 788f akeekkachiisni kennameera; 373 ammoo cufamuu addeessu. Ummanni tajaajila fayyaa akka humnasaatti akka argatuuf hojii hojjetameen wayita ammaa miseensonni inshuraansii fayyaa miliyoona 17 qaqqabuu kaasanii fuuldurattis keessumaa hanqina qorichaa, dhaabbilee fayyaa sababa rakkoo nageenyaa miidhaman deebisanii dhaabuu, hirmaannaa ummataa cimsuufi inshuraansii hawaasaa lammii hunda biraan ga’uuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu dubbatu

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA AMAJJii 20 Bara 2015

Recommended For You